Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mana turuu fi koronaavaayirasii: Ministirri Seraaliyoon mucaa dugdatti baatee walgahii manaa hirmaate
Ministirri Barnootaa Seraaliyoon Daavid Seengeh wayita sababii koronaavaayirasitiif manaa hojjataniitti kunuunsa daa'imaa fi hojii waajiraa waliin hojjetaa turan.
Suuraan Ministirichi mucaa isaanii dubaraa kan baatii 10 dugdatti baachuun osoo walgahii hirmaatanuu mul'isu kun midiyaalee hawaasaa irratti ijoo dubbii ta'e.
Dr Daavid Moninaa Seengah dhiiroota biraatiif fakkeenya ta'uu barbaadeetan jedhan.
Seenaa keessattis daa'ima dugda abbaa irratti arguun baay'ee xiqqaadha jechuun BBC'tti himan.
Dhugaadha suuraan haadha daa'ima dugdatti baattu hangas ija namaa hin hawwatu, jedhu ministirri umurii waggaa 33 kun.
Walgahii Zoom- Itti gaafatamummaa dachaa bahaa
"Dubartoonni hedduun kana guyyaa guyyaan ni raawwatu. Garuu waan akka gahee hojii isaaniitti fudhatameef gonkumaa waa'ee isaa hin dubbannu."
"Kan daa'ima kana baattee turte haadha warraa kiyya osoo taatee, dhimmichi akka kanaa bal'inaan tiwitarii irratti hin qoodamu ture,'' jechuun ministirri kun manasaanii magaalaa guddoo Seeraaliyoon Firiitaawon irraa BBC'tti kan himan.
Ministirri barnootaa kun wayita walgahii karaa Zoom hirmaataa turaniitti, kutaa nyaanni itti bilcheeffamu keessatti mucaa isaaniif nyaata laataa turan.
Boodas hirribni akka itti dhufe waan hubataniif walgahii haalaan itti fufuuf dugdatti baachuuf murteessan.
Suuraan kunis ''warri dhiiraa akka waa'ee isaanii yaadan ni taasisa. Daa'imasaaniif kunuunsa taasisuu akka danda'an isaan ni agarsiisa,'' jedhu Dr Seengeh.
"Hiriyoota ijoollee baay'ee qaban kan gonkumaa carqii fincaanii daa'ima saaniif geedaranii hin beekne qaba. Kun attamiin akka danda'amus ani hubachuun na rakkisa,'' jedhu.
Dhiroonni muraasni suuraa osoo daa'imasaaniif kunuunsa taasiisanii agarsiisu jalatti maxxansaa turan.
Fakkeenya gaarii
Dr Seengeh taatee kana malees sochiilee gara biraatiinis baay'ee nama galateeffamanidha.
''Seraaliyooniifi Afriikaa keessatti dhiiroota biraatii fakkeenya gaariidha,'' jetti falmituun mirgoota dubartootaa Seeraaliyoon Nemaataa Majeks BBC'tti wayita himteetti.
''Inni nama daa'imman kunuunsuun gahee dubartootaa qofaadha jedhee hin yaadneedha.''
Dhaabbanni Biyyoota Gamtomanii akka jedhutti, ''walqixxummaan saalaa dhabamuu fi haalamuun ammalleen hawaasa Seeraaliyoon keessatti sadarkaalee hunda irratti ni mullata.''
Biyyattii keessatti dhiira caalaa barattoonni shamarranii osoo barnoota sadarkaa lammaffaa hin xumuriin adda kutu jedhu Dr Seengeh.
Kanaafis imaammata barattoonni shamarranii akka barnoota isaanii itti fufan ni gargaara jedhan tokko qopheessaa jiraachu himu.
Baatii tokko dura Seraaliyoon seera ijoollee durbaa garaatti baatan barnoota akka hin dhaqne dhorku akka haqxu Dr Seengeh shoora olaanaa taphataniiru.
Seraaliyoon namoota koronaavaayirasiin qabamun isaanii mirkanaa'e 124 kan qabdu yoo ta'u, lammiileen ishee torba vaayirasichumaan du'aniiru.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras