Seraaliyoon seera ijoollee durbaa barnoota dhorka jette haqxe

Seeraaliyoon seera shamarran ulfa ta'an mana barnootaa akka hin deemne dhorku bara 2015 tumamee waggoota dhaniif hojiirra ture haqxe.

Seerri kun akka ba'uuf kan sababa ta'e, sababa weerara dhibee Iboolaa yeroos biyyattii raasee tureen manni barumsaa cufame deebi'ee yeroo banametti ijoolleen durbaa hedduun ulfaa'anii barumsatti deebi'uu isaanii ture.

Manni murtii biyya Lixa Afrikaatti Seeraaliyoon, Mudde keessa ijoolleen durbaa loogiin irratti taasifameera, mirgoonni namoomaa isaaniis sarbameera jechuun seera sana haqe.

Biyya Seeraaliyoon keessatti ijoollee durbaa ol-adeemoon ulfaa'uun dhimma guddaadha.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanniitti ejensiin dhimma daa'immanii hordofu (UNICEF) gabaasa bara 2015 baaseen akka agarsiisetti ijoolleen durbaa %40 ta'an osoo umuriin isaanii ganna 18 hin guutiin heerumu.

Dhaabbileen mirga namoomaaf quuqaman baay'een mana murtii Hawaasa Dinagdee Lixa Afrikaa (ECOWAS) irratti Caamsaa 2018 mootummaa Seraaliyoon himatanii turan.

Manni murtii seericha kufaa taasise, "seerri loogummaa qabu" kun mirga ijoolleen durbaa barachuuf qaban dhorka jedhe.

Abbootiin seeraa dabalataanis wiirtuuwwan barnootaa ijoollee durbaa ulfa ta'aniif qofaatti warra kaan cinaatti qophaa'eefillee "kunis ijoollee durbaa irratti loogii biraa taasisuudha" jechuun qeeqeera.

Pirezidanti Juuliyees Maadaa Bi'oo, ji'a tokko dura gara aangootti kan dhufan yoo ta'an, yaada murtee Mudde darbe sana irratti kennaniin karoorawwan misoomaa isaaniitiin "lammilee hunda kan hammatu" ta'a jedhanii turan.

Yeroo rakkoo Iboolaa sana keessa ijoolleen durbaa umuriin hin ga'iin ulfaa'uun dabalee ture. Kun ammoo ijoollee durbaa miidhaa fedhii saal-qunnamtiif isaanirra ga'uuf akka saaxilaman taasiseera.

Seraaliyoon hawaasa ammayyummaa caalaa aadaa durii leellisudha. Namoonni baayyeen akka jedhanitti dubartii akka gadi aantuu taatetti ilaalu.

Rogeeyyii baayyeen biyyattii keessatti egeree dubartootaa fedhii isaanii malee kan murteessu dhiiradha jedhu.

Yeroo weerara Iboola bara 2014 fi 2015 keessa dhibee sana to'achuudhaaf mootummaan manneen barnootaa hunda cufee ture. Sababii kanaan, ijoolleen durbaa kumaatamaan lakkaa'aman ni ulfaa'an.

Imaammanni bara 2010 bahe ijoollee durbaa ulfa taate akka hin baranne dhorku hojirra akka oolu ta'e. Kanarraa ka'uudhaan ijoolleen durbaa mana barumsaa dhorkaman.

Imaammanni sun deggersa hawaasaa bal'a argatee ture, ammallee argachaa jira.

Haati qabeenyaa suuqii jiraattuu magaalaa Firiitaawon Aadde Memunaatuu Marga'ooo seera sana kuffiisuu isaaniif baayyee haarte.

"Ani intala koo dubartii ulfa taate waliin daree barnootaa keessa teessee akka barattuuf hin hayyamu. Dhiibbee baayyee gadhee ta'e qaba."

Yoo intalli ishee ulfa taate ammoo mana barumsaatti ni ergitaa gaaffii jedhu ammoo, haati ijoollee lamaa kun jala murtee, "Lakki" mana akka isheen mana turtun godha." jette.

Ministirri Barnootaa Daaviid Mo'iniinaa Senghaa guyyichi ijoollee Seraaliyooniif guyyaa addaadha jedhan. "Jijjiiramni imaammataa kun ragaa jiruufi marii garee hawaasaa gaggeessitoota amantaa, gaggeessitoota manneen barnootaafi dhaabbileen hawaasaa hirmaachisa bu'uura godhachuun kan ta'edha."

"Yeroo rakkoon uumamanitti, manneen barnootaa yeroo hin beekamneef cufamu akka yeroo weerara Covid-19 ammaa kanaa jechuudha. Kun ammoo rakkoo kana fakkaataniif karaa banuumala.

Dhimmi ijoolleen durbaa ulfaa'an mana barumsaa dhaquu qabuufi dhaquu hin qaban jedhu Afrikaa, Taanzaaniyaa keessattis ijoodha.

Pirezedaantiin Taanzaaniyaa yeroo ammaa Joon Magufuliin imaammata ijoollee durbaa ulfaa'an mana barumsaa irraa hambisuu jedhu deggaru. Haadhotiin dargaggummaan da'an yoo kan mana barumsaatti ergaman ta'e qalbiin isaanii barumsarra hin ta'uuf.