Koronaavaayirasii: "Waan isin jaalannuuf cidha keenyarratti hin argamiina"

Firaafi hiriyoonni keenyaa cidha keenyarratti hin argamiin hafuu isaaniif galateeffanneerra jedhe misirrichi sagantaa cidhaa booda.

Misirroonni maatii fi hiriyoota jaalatan cidhasaanirratti affeeruuf weerara koronaavaayirasii sodaatan.

Gaafa lafti nagaa waamichi 'cidha keenyarratti akka nuuf argamtan kabajan isin afeerra' kan jedhu ture, misirroonni kun garuu "waan isin jaalannuuf cidha keenyarratti hin argamina" ergaa jedhu firaaf hiriyoota isaaniif dabarsan.

Weerarri koronaavaayirasii Itoophiyaa seenuun erga barame, misirroonni gaa'ila dhaabbachuuf karoorfatan hedduun yeroo biraatti dabarsan.

Dargaggoo Mul’ataa Gurmeessaa fi Immabeet Misgaanaa garuu weerarichi firaaf maatiin iddoo hin argamnetti ta'us sirna gaa’ila isaani raawwachu isaan hin dhorkine.

Misirrichaa fi misirroo heerumtuun alatti namoota sadiitu cidhasaanirratti argamee isaan dabaale.

Namoonni sadan kunis luba waldaa kirstaanaa isaan eebbisee tokkoo fi ragaaf firoota gama isheen nama tokko, gama isaan nama tokko qofatu argame.

‘’Sirna guutne cidha keenya otoo yeroo biraatti hin dabarsiin raawwachuutti gammanneerra, maatiin keenyas gammadaniiru’’ jechuun BBC'tti himan.

Sirumayyuu firaaf hiriyoota isaanii waamicha dur baratameerra adda ta’e dhiyeessaniif turan.

‘’Waan isin jaalannuuf cidha keenyarratti hin argamiina’’ jechuun gaafatan.

Namoota lama lama ta’anii waldaa Makaanayesuusii Beetel magaalaa Finfinnee iddoo sirni cidha itti raawwatamu dhaqu dubbatte misirrittiin Immabeet.

Sana booda harka dhiqannee gara waldaatti ol seenne jette.

Dur sirni gaa’ilaa wayita gaggeeffamuu waldaan guutuudha ture, amma garuu teessoon duwwaa ture jetti.

"Waanti yaadne galma nuuf gahutti gammanneera" jedha misirrichi, firaaf maatiin keessattu haadhasaa cidha kanarratti arguu dhabuun garuu gammachuu isaa guutuu akka hin taasisiin hima.

"Baasiirraas nu baraareera"

Maaliif sagantaa cidhaasaanii yeroo biraatti dabarsuu akka hin barbaanne wayita himaniis akkana jedhan.

"Weerarri dhibee kun waggaa meeqaaf akka turuu hin beeknu kanaaf yeroo biraatti dabarsuu hin barbaanne’’ jedhe misirrichi Mul’ataan.

Otoo dhibeen koronaa hin dhufiin dura cidha hiriyoonni fi miseensonni maatii isaanii 70-100 irratti argaman qopheeffachuuf ture karoorri isaanii.

Haata’u malee sagantaa cidhaa yeroo biraatti akka hin dabarsine maatii amansiisanii misirroota dabalatee namni shan qofti bakka argametti cidha isaanii raawwatatan.

"Baasiirras nu baraareera" jedhu.

Weerarri koronaavaayirasii Itoophiyaa keessatti mul’achuu hordofuun mootumaan sirnoota gaddaaf gammachuurratti namoonni akka walitti hin qabamnee fi walirraas hiiqanii adeemuu akka qaban labseera.

Akkaata labsii yeroo muddamaa Itoophiyaa keessatti labsameen, namoonni 4 ol walitti qabamuun daangeeffameera.

Namoonni sirna gaa’ilaa dhaabbachuuf karoorfatanii weerara dhibee addunyaa balbala walitti cufsiise kana sodaachuun sagantaa cidhasaanii tursisuuf dirqaman hedduudha.

Dargaggoo ganna 29 Mul’ataa fi kaadhimasaa shamarree ganna 25 Immabeet garuu Dilbata darbe sirna gaa’ilasaanii raawwachuun warroomaniiru.