Yeroo dhumaatiif xalayaa barreessitanii poostaan kan namaaf ergitan yoomi?

Yeroo dhumaatiif xalayaa dhuunfaa namaaf kan barreessitan yoomi?

Jabana ammayyaawaa tahe kanatti xalayaa harkaan barreessanii erguu fi fudhachuun waan dur hafe wahii isinitti fakkaachuu danda'a.

Haatahu malee, yeroon weeraraa kun tajaajilli poostaa ammallee hagam addunyaarra akka hojjetu ifa godheera.

Addunyaarratti hojjettoonni poostaa miiliyoonaan lakka'aman akkamiin weerara koroonaavaayiras lolaa jiru?

Meeshaalee barbaachisoo dhiyeessuun

Tajaajilli poostaa nyaata, qoricha, maallaqa, meeshaalee ofeeggannoo akkasumas uffata xuraa'e geessuun tajaajilaa jiru.

Akka Waldaan Poostaa Addunyaa (UPU) jedhutti, addunyaa gubbaa hojjettoota poostaa miiliyoona 5.5 fi waajiraalee 650,000 oliitu jiru. Kunis yeroo dhiphinaa kana keessa daddabarsa fee'umsaas murteessoo isaan godha.

Awustiraaliyaa, Filiippins, Singaappoor, Baangilaadash, Yuukireen fi Naayijeeriyaan biyyoota tajaajila poostaa qorichoota itti erguuf gargaaraman keessaayi.

Paakistaanitti hojjettoonni poostaa maallaqa sooramaa kee hanga manaatti sii fidu. Swizarlaanditti ammoo haga uffatakee miiccuutti si tajaajilu.

Qorsa

Awustiraaliyaan doolaara miiliyoona 25 lammileef qorichi manatti akka dhufuuf ramadde.

Waggaa tokkotti guutuu biyyattii keessa yeroo miiliyoona 465f mana qorichaatti deddeebi'u. Kanaaf qoricha manatti geessuun tajaajilli poostaa biyyattii, deddeebii mana qorsaatti godhamu hir'isuuf kaayyeeffateera - keessattuu kanneen humna hin qabneef.

Tajaajilli poostaa Naayijeeriyaa NIPOST, guutuu biyyaatti qarqaarsa namoomaa, qorichootaafi meeshaalee yaalii fayyaa deddeebisuuf qophii tahuu yaada dhiyeesseera.

Dhaabbanni kun waan jedhu, dameelee qabu 1400tti fayyadamuun hojii kana hojjechuuf karoorfachuu beeksiseera.

Maallaqa geessuu

Paakistaanitti tajaajilli poostaa namoota soorama bahan miiliyoona 1.5 ta'aniif maallaqa sooramasaanii raabsuu eegalaniiru - kunis warren umuriin jaaran akka ofeeganii mana turaniifi.

Guyyoota jalqabaa lamaan keessa, namoonni 200,000 ol ta'an balballi isaanii ruruukutamee maallaqasaanii fudhataniiru.

Tajaajilli poostaa Baangilaadash konkolaattota fee'umsaa haguugaman 60tti fayyadamuun meeshaalee ofeeggannoo (PPE) fi meeshaalee qorannoo koroonaavaayirasiif barbaachisan, kutaalee biyyaa 64 biyyattiin qabdu hundatti geessaa jiru.

Maangoo geessuu

Indiyaatti, dhaabbanni poostaa qonnaan bultoota maangoo oomishan gargaaraa jira- qonnaan bultoonni kunniin gabaan cufamuusaatti haalaan kan miidhamaniidha.

Qonnaan bultoonni hedduun carraa oomishasaanii mankuusaa qorraa/qabbanaa'aa keessa kuusuu hin qabani. Kunis oomishni isaanii shame akka badu taasisa.

Kutaa biyyaa Kaarnaataakaa keessatti kana qolachuufi tajaajilli poostaa qonnaan bultootaafi fayyadamtoota walitti fidaa jira.

Hojjetaan poostaa ajaja maangoo fudhatee fayyadamaa bira geessa.

Tajaajiloonni poostaa Sirii Laankaa fi Viyeetnaam keessaallee, gurgurtoota waliin waliigaluun meeshaalee nyaataaf barbaachisaniifi kanneen biroo geessaa jiru.

Awurooppaatti - Firaans, Ispeen fi Cheek Rippabliik keessa dhaabbileen poostaa jaraa, tajaajila nyaata geessuu kennaa jiru.

Iddoo tokko tokkotti, sababa ugguraaf tajaajiloonni yeroo kaan nyaata geessaa turan, amma cufamaniiru.

Daabboo geessuufi uffata xuraa'e fudhachuu

Tajaajiloonni poostaa haalicha wajjin gaggeeddaramaa jiru.

Swiss Post tajaajila amma dura poostaa waliin hidhata hinqabne, kanneen akka daabboo dhiyeessuu kennaa jiru.

Waraanni biyyattii weerara kana ittisuuf jecha loltoota 150,000 bobbaaseera.

Loltoonni dabareerraa jiran torban sadiif gara manaa hin galan. Kanaaf jecha tajaajilli poostaa huccuun isaanii xuraa'e gara manaa isaanii geessuuniifi akka miiccamu gochuun, akka jarri bareedanii mul'atan gargaaraa jiru.

Addaan ciccituu

Tajaajiloonni poostaa hojiilee dansaa akkasiifaa haa hojjetan malee, tajaajiloonni kunniin weerara kanaan miidhamuun isaanii hin oolle.

Daangaan biyyootaa fi imala qilleensaa ugguramuu isaatiin hojiin poostaa daran akka gadi bu'u godheera. Dhaabileen kunniinis hojiisaanii haala amma jiru waliin geggeeddaruun gabaa keessaa akka hin baane godhaa jiru.

Akka Waldaan Poostaa Addunyaa (UPU) tilmaamutti, bara dabre waliin wayita madaalamu daddabarsi poostaa harka 15n gadi bu'eera.

Dhaabbileen poostaa muraasni tajaajila isaanii guutummaatti dhaabaniiru, kaan ammoo xalayaa idiladdunyaa hin fudhatan jedha waldichi.