Koronaavaayiras: Jiilli Ogeeyyii fayyaa Chaayinaa Finfinnee gale

Ogeeyyiin Fayyaa Chaayinaa duula Itoophiyaan Koroonaavaayiras to’achuuf gaggeessutu deeggaruuf Finfinnee galan.

Jiilli Ogeeyyii fayyaa 12 of keessaa qabu kun guyyaa har’a Finfinnee buufata xiyyaaraa Boolee yeroo gahan Ministira Fayyaa Itoophiyaa Dr. Liyaa Taaddasaan simatamaniiru.

Ogeeyyiin Fayyaa Chaayinaa kun turtii isaanii kanaan muuxannoo Chaayinaan to’annoo Koronaavaayiras irratti horatte ogeyyii fi dhabbilee fayyaaf ni qooduu jedhameera.

Chaayinaa jila Ogeeyyii Fayyaa kan biros gara biyya Afrikaa biro Burkinaafaasoottis ergiteetti.

Dubbii himaan ministeera haajaa alaa Chaayinaa biyyi isaanii biyyootni Afrikaa weerara Koroonaavaayiras to’achuuf sochii taasisan akka deeggartu himaniiru jechuun Fana Broodkaastiing gabaaseera.

Ministeerri Teknoolojiifi Innoveeshinii Itoophiyaa torban darban keessa Chaayinaan dawaaa aadaa sadarkaawwan jalqabaa lama koroonaavaayiras yaaluuf itti fayyadaman Itoophiyaaf erguuf waliigaluu ishees beeksisee akka ture ni yaadatama.

Ogeeyyiin kun gara Afrikaatti ergamuun hariiroon Afrikaaf Chaayinaa daranuu kan cimu ta'uuf arsiiftuudhaa jedhaniiru dubbii himaan ministeera Haaja Alaa Chaayinaa. Biyyoota Afrikaa lamaan kanaan dabalataan Saawdii Arabiyaattis ogeeyyii ni ergamuu jedhameera.