Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: "Hanga mana tokkoo reeffi kudhan bahuutti eeguu hin qabnu" - Dassuu Tafarraa
Weerarri dhukkuba Covid-19 gaafa hammaatu gaheekoo bahachuun qaba jedhee torbee sadi dura gara biyyaa deebi'e jedha, ogeessi fayyaa kaka'umsaafi baasii mataa isaatiin magaalota Oromiyaa keemikaala farra vaayirasiin qulqulleessaa jiru Dassuu Tafarraa.
Amma dura magaalota akka Amboo, Gudar, Sulultaa fi Walisootti keemikaala kana biifeera.
Dhimma fayyaa fi barnootaa irratti waggoota dheeraaf hojii tola ooltummaa hojjetaa akka ture kan himu Dassuun, hundeessaa dhaabbata tola ooltummaa 'Education and Medical Fund for Africa' jedhamuuti.
Dhaabbati tola ooltummaa kun amma dura waggaa waggaan magaalota Oromiyaa adda addaa keessatti wal'aansa baqaqsanii yaaluu gurguddaa bilisaan kennaa akka ture hima.
Wayita ammaa magaalota Finfinneerraa fageenya kiiloomeetira 100-120 irra jiran qoricha farra vaayirasiin qulqulleessaa jiraachuu hima.
Kunis vaayirasichi amma dura heddumminaan kan keessatti argame magaalaa Finfinneerraa namni konkolaataanis, miilaanis, fardaanis wayita imalu carraan vaayirasichi babal'atuu olaanaa waan ta'eefi jedha.
Fuulduraaf magaalota gurguddoo Oromiyaa keessa jiran akka Shaashamannee fi Naqamteetti qoricha kana biifuuf qophii akka qabus hima.
Qorichi biifamu maal fayyada?
Qorichi farra vaayirasii fi baakteeriyaa biifamaa jiru HB kan jedhamuufi dhaabbata to'annoo nyaataa fi qorichaa Ameerikaa akkasumas jiddugala to'annoo dhibee CDC biyyattiin kan mirkanaa'edha jedha Dassuun.
Namarraan miidhaa kamiyyuu kan hin geessifne, garuu ammoo baakteeriyaa fi vaayirasii ni ajjeesa jedhamee amanamudha jedha.
Hojii qoricha farra vaayirasii kana biifuuf maallaqa hanga birii miliyoona 5 ol baasii gochuus hima.
Kanatti dabalataan meeshaalee of-eeggannoo dhuunfaa (personal protective equipments, PPE) kuma 380 ol ajajnee eegaa jirras jedha Dassuun.
"Hanga mana tokkoo reeffi kudhan bahuutti eeguu hin qabnu"
Weerara koronaavaayirasiin Itoophiyaa keessatti namoonni hedduun waan hin duuneef salphaa fakkaatee mul'achuu danda'a kan jedhu ogeessi fayyaa kun, magaalota qulqulleessuun alatti kaka'umsa uumuufi namni hubannoo akka qabaatu gochuufi jedha.
Wayita hojii kanaaf magaalota adda addaa keessa socho'utti namoonni qajeelfamoota mootummaan baase hojiirra oolchaa akka hin jirre taajjabuu hima.
Barattoonni walitti heddummatanii yoo taa'anin arga kan jedhu Dassuun mootummaan barnoota kan cufeef barattoonni akka mana taa'aniifi jedha.
Qabeenya guddaa vaayirasicha ittiin lollus ta'e meeshaalee wal'ansaa dhibee kanaaf oolan hedduu osoo hin qabaatiin beekaa waan mootummaan jedhu hojiirra oolchuu dhabuun dogoggora jedha.
"Wayita qoricha biifnu osoo poolisiin balbala cufadhaa manatti galaa jedhee iyyuu, banatee bahee kan nu ilaalu faatu jira," jedha.
Namni keenya hanga mana tokkoo reeffi kudhan bahuutti eeguun irra hin jiraatu jedha.
Namni of eeggannoo gochuu dhiisee haala amma jiruun itti fufnaan ji'a lama booda haalli hammataan uumamuu danda'a jechuunis yaaddoo qabu ibsa.
Dhibee wal dhukkubsachiisuun hin danda'mne, yoo du'anis wal awwaaluun hin danda'amne kana namni salphisee ilaaluu hin qabu jedha.
Keessumaa warri baadiyaa jira jireenya hawaasummaa akka buna waliin dhuguu xiqqeessanii, kan midhaan qabu isa hin qabneef kennee lubbuu wal baraaruu qabna jedha.
Yeroon kun yeroo namni hundi ogummaa, humnaa fi qabeenya qabuun uummataa isaa fi biyyaa isaa waliin dhaabachuu qabudha.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras