Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Piriimeer liigii: Mikeel Arteettaan yeroo jalqabaaf mo'ate
Mikeel Arteettaa erga leenjisaa Arsenaal ta'ee yeroo jalqabaaf mo'ateera. Bara haaraa kana keessa tokko jedhee Maanchester Yunaayitidiin 2-0n injifachuun jalqabeera.
Arsenaal dirree isaarratti tapha taphate kanaan boqonnaa dura guutummaatti ol-aantummaa fudhateera.
Miidhamarra kan jiru Pool Pogbaa malee kan deeme Maanchester Yunaayitid hamilee gaariin jalqabullee daqiiqaa saddetteffaarratti taphni bifa biraa qabatte.
Nikoolaas Peeppeen gooliisaa bara kana keessa shanaffaa taate kana kubbaa Si'aad Kolaasinaach ceesisnaan gara isaatti qaxxaamurte lakkoofsise.
Maanchester Yunaayitid boqonnaan booda foyya'insa agarsiisanis, taphata karra Arsenaal eegu beernid Leenoo naasisuu garuu hin dandeenye.
Mo'amuu isaarraan kan ka'e Maanchester Yunaayitid qabxii waliigalaa 31n sadarkaa shanaffaarra akka ta'u taasiseera. Kun ammoo Chelsii tapha darbeen Biraayiten waliin taphateen walqixa baheen qabxii shaniin caalameera.
Taphni Arsenaal waggaa haararra mo'ate kun taphoota torba darban hunda walitti aansuun osoo hin mo'atiin ture jijiireeraaf.
Akkas ta'us garuu Arsenaal ammallee garee warra 1-4 jiran caalaa garee warra jalee kufaatiif sodaatanitti irra dhiyaata.
Tapha kaleessaa kanaan Mesuut Oziil taphattoota Arsenaal hunda caaluun dirree keessa dheerina kiilomeetira 11.54 taasiseera.
Gama Maanchester Yunaayitidiin Maarkus Raashfoord yaalii midhagaa taasisuun Leenoo naasisee ture. Humna cimaa Arsenaal sarara gidduurraa gargara isaan kuteen akka goolii dharra'aniin bahan.
Tapha dura Pool Pogbaa taphatti deebiyuu danda'a jedhamee dubbatamee ture. Garuu taphataan kun ammallee miidhamarraa waan hin deebineef Maanchester Yunaayitid rakkoo taphataa sarara gidduurraa waa faluu dhabuu keessa jira.
Tapha kanarratti kan cimaadha jedhamee filatame Nikkoolaas Peeppeedha. Peeppeen goolii barana Arsenaaliif lakkoofsise shan keessaa afurIstaadiyeemii Emireetis irratti yoo ta'u tokko ammoo Istaadiyeemii Landan irrattidha.
Arsenaal bara kana keessa goolii saddeti karaa koornaatii lakkoofsiseera.
Maanchester taphoota Piriimer Liigii shan dirree isaanii alatti taphatan keessaa afuriin hin mo'anne.