Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mesuut Oziil: Arsen Wenger Oziil mirga yaada isaa ibsachuu qaba jedhan
'Mesuut Oziil mirga yaada isaa ibsachuu qaba' jedhan leenjisaan kilabichaa duranii Arseen Wenger. Qabinsa Musliimoota Chaayinaa ilaalchisee yaadni Oziil kenne kan dhuunfaa isaa malee Arsanaaliin bakka hin bu'us jedhan.
Taphataan sarara fulduraa Arsanaal Oziil Musliimota Chaayinaa Uhuguuriin ''Falmattoota Cunqursaa didan'' jechuun ibsee, mootummaa Chaayinaafi Musliimota biroos callisa isaaniitiif qeequun barreessee ture.
Kilabichi Arsenaal siyaasa keessaa hin qabu yoo jedhu, Ministeerri hajaa alaa Chaayinaa ammoo Oziil odeeffannoo dharaan gowwomfameeraa jedheera.
Leenjisaan bara dheeraa Kilabichaa Arsen Wenger ''wanni inni barreesse yaada dhuunfaa isaa malee kan kilabichaa mitii'' jedhan.
''Oziil bilisummaa yaada isaa ibsachuu akkuma nama kamuu qaba kanaaf yaada isaati ibsate, yaada namni hundi itti waliigalu ta'uu dhiisuu mala'' jedhan.
''Inni guddaan Oziil gaafatama dhuunfaa fudhatuu isaati'' jedhan jaarmiyaa Kubbaa miilaa addunyaa bulchu, Fifa, keessatti hoogganaa misooma kubbaa miilaa addunyaa ta'uun tajaajilaa kan jiran Wenger.
Yaada Mesuut Oziil irratti odeeffannoowwan dabalataa: