Mesuut Oziil: Manaajarri yeroo Arsenaal dhimma Oziil 'ilaaluuf'

Yeroo Arsenaal kaleessa Maanchester Siitiidhaan 3-0 mo'amuun dubbiin itti hammaataa jirtu kanatti dhimmi taphataa cimaa sarara gidduu Mesuut Oziil ammoo cittoorratti fanxoo itti ta'aa jira.

Tapha Maanchester Siitii waliin tureratti Oziil yeroo jijjiiramutti miira aarii agarsiiseera. Manaajarri kilabichaa kan yeroo Freddie Ljungberg akka jedhutti dhimma Mesuut Oziil kana "duukaa bu'uuf" akka jiru dubbateera.

Taphataan lammii Jarman kun tapha 3-0 mo'ataman kana irratti yeroo jijjiiramee ba'utti waan harkatti diratee ture ofirraa baasee darbete, akkasumallee dhiituudhaan miira hin malle agarsiisee ture.

Taateen kun kan uumame Arsenaal akkaataa Musiliimonni Chaayinaa keessa jiran itti qabamaa jiranirratti miidiyaa hawaasummaa irratti Oziil yaada kennee keessaa harka hin qabu jedhee saatii muraasa boodadha.

"Akkamitti akka yaada irratti kenne kan jedhu dhimma isaati nuti ammoo baada kan duukaa kan buunu ta'a," jedhe Ljungberg.

"Ani kanan as jiru hojii guyyaa guyyaatti hojjetamuufidha. Garuu nuti taphattoonni keenya akka fedha isaaniitti yaada kennuun mirga isaaniiti. Ani garee kana keessatti humna caalaan barbaada."

Taphataan ganna 31 kun yeroo taphataa biraa ganna 19 Emilii Ismiiziin jijjiiramee ba'utti deggertoonni isaa itti uursanii turan tapha Dilbataa kanarratti.

Leenjisaan kun Unaa'ii Emirii jalatti gargaraa ta'ee hojjechaa kan ture yoo ta'u erga Manaajariin Arsenaal ar'amee akka yeroodhaaf leenjisuuf ture kan itti gaafatamummaan kennameef.

Leenjisaa Arsenaal ta'uudhaaf muudamuu malu kanneen jedhaman akka Kaarloo Anchelootii, Nuunoo Espiriittoofi Maayikeel Arteettaa maqaan isaanii ka'ulleen murteen boordii kilabichaatiin ta'e hanga ammaa hin jiru.

Taphataan Piriimer Liigii duraaniifi Istaadiyoomii Emireetis keessatti ammoo xiinxalaa BBC Radio 5 akkas jedhe: "Oziil baayyee gammadaa miti. Sodaa inni qabu nan hubadha garuu akka kanaa gochuu qaba jedhee hin yaadu. Leenjisaa isaa ni kabaja- 'ana hin baasiin' jedhees ture.

Arsenaal ilaalchisee amma wanti gaafatamuu qabu jedha xiinxalaa kun 'maaliif Ljungberg jalatti kan yeroo Emiree jala yeroo turaniin gadi ta'e? kan jedhudha.

"Murtee barbaachisaa ta'e fudhachuudhaan rakkoo manaajarri kun keessa jiru keessaa baasuu barbaachisa."