Naannoo Amaaraatti torban lama keessatti abbootiin seeraa 11 hidhamuun himame

Madda suuraa, Amhara supreme court/fb
Waldaan Abbootii Seeraa Amaaraa torbanoota dhuma batii Fulbaanaatiin as jiran lama keessatti abbootiin seeraa 11 'seera malee' hidhamuu ibse.
Nannoo Amaaraa tasgabbiin irrraa fagaate keessatti waggoota darban abbootiin seeraa ''seera malee hidhamaa fi burjaajamaa'' akka turan waldichi ibseera.
Waggaa darbe keessa abbootiin seeraa 33 seeraan ala hidhamuu kan hime waldichi, ''qorannoo yakkaatiin seeraan qulqulleessuun osoo qabanuu, abbootiin seeraa ummata fulduratti dhaddacha irratti to'atamaa jiru'' jedheera.
Bakka bu'aan waldichaa Obbo Birhaanuu Asaasaa ALI Fulbaana 26, 2017 irraa kaasee pirezidantoota mana murtii aanaalee dabalatee, abbootiin seeraa 11 akka hidhamaniifi abbootiin seeraa ''lama ammoo namoota hin beekamiineen'' ajjeeffamu BBCtti himan.
Abbootii seeraa hidhaman keessaa lama abbootii seeraa mana murtii olaanaa Baahir Daariifi naannooshee, lama mana murtii magaalaa Baahir Daar, lama ammoo qindeessitoota adeemsa hojii mana murtii aanaa Qawat -Kaabaa Shawaarraa, akkasumas abbaan seraa tokko mana murtii aanaa Shawaa Roobiiti fi GodiIna Walloo kaabaatti abbaan seeraa mana murtii magaalaa Dasee akka keessatti argaman beekameera.
Obboo Biraanuun hidhaan abbootii seeraa kanneeniif ''sababiisaa baruu hin dandeenye'' kan jedhan yoo ta'u, wayita to'annoo jala oolfamaniittis maaliin akka shakkaman omtu itti hin himamne jedhan.
''Qaamni nageenyaa ta'e ni dhufa. Ni barbaadamta jechuun fudhate deema'' jechuun haala hidhaa kanarratti gaaffii kan kaasan bakka bu'aan pirezidantiichaa, hanga ammaattis mana murtiitti akka hin dhiyeeffamiin dubbatan.
''Murteen abbootii seeraa irratti kennamanis seeraan ala ta'u danda'a. Karaa adda addaatiins mirga namaa miidhuu danda'a'' jechuun abbootiin seeraa yoo yakkaan shakamanis haala seeraatiin gaafatamu qabaatu jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Abbootiin seeraa ittigaafatamummaa hojii qabanitiin keessattuu osoo dhaddacha irra jiranuu buusanii fudhachuun adeemsa balaafamaa mataasa danda'eedha'' kan jedhan aanga'aan kun, yoo yakkaan kan shakkaman ta'an haala adeemsa seeraa eeggateen gaafatamu qabaatu jedhan.
Abbootiin seeraa sababii amala hojii hojjataniitiin eegunsa 'addaa' fi eegumsi taasifamuufii qaba kan jedhan Obbo Birhaanuun, abbootiin seeraa naannoo Amaaraa mirga himatanu dhabu hin qaban jedhu.
Haalli kunis ''abbootii seeraa naannichaa hunda irratti sodaan akka cimu tasisa'' jechuun dhiibbaa hidhaan kun qabaatu kaasan Obbo Biraanuun. Akkasumas ''Bilisummaa abbaa suuree fi walabummaa dhababataa balleessaa'' jedhan.
Obbo Biraanuun hidhaan abbootii seeraa kanneen kunis hidhaa naannicha keessatti tibbana raawwtamaa jiruun wal hin qabatu jedhan.
‘‘Abbootiin seeraa kunneen siyaasaaf hidhaman jennee hin yaadnu. Sababiinsaas bu’uruma irraa akkuma beekamu abbootiin seeeraa wallaba ta’un hojjatu. Oggumaansaa ni beekama. Abbootiin seera baayyeen siyaasa kana keessa jiru jennee kan shakunu miti’’ jechuudhaan, ta’e jedhamee ‘dorsiisuudhaaf’ kan raawwatame akka ta’e tilmaamasaanii kaa’aniiru.
Naannoon Amaaraa haala nageenyaa jiruun alatti abbootiin seeraa qiyyeeffannaa haleellaa garaagaraa taasifamusaanii kan kaasan Obbo Birhaanuun, dhiheenya kanas abbootiin seeraa ‘‘qaamoolee hin beekamnee’’ ajjeeffamusaanii dubbatan.












