MM Abiy ministira haqaa kan turan Geediyoon Ximootiwoos (PhD) ministira dhimma alaa gochuun muudan

Geediyoon Ximootiwoos, Salaamaawit Kaasaa fi Haannaa Ar'ayaasillaasee walduraa duubaan ministira dhimma alaa, ministira tuurizimii fi ministira haqaa ta'uun muudamaniiru

Madda suuraa, FBC

Ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad aanga'oota biyyatti sadi muudaniiru. Ministira Haqaa kan turan Geediyoon Ximootiwoos (PhD) ministira dhimma alaa ta'uun muudamaniiru.

Ministirri muummee Abiy ministeera tajaajila kominkeeshinii mootummaa Itoophiyaatti itti aantuu kan turan Aadde Salaamaawit Kaasaa Ministira Tuurzimii gochuun muudaniiru.

Akkasumas komishinara Komishinii Investimantii Itoophiyaa kan turan Aadde Haannaa Ar'ayaasillaasee amma Ministira Haqaa ta'uun muudamaniiru.

Dhiyeenya pirezidantii Itoophiyaa ta'uun kan muudaman Obbo Taayyee Atsqesillaasee bakka bu'uun ministira dhimma alaa kan ta'an Geediyoon Ximootiwoos (PhD) waggoota shanan darbaniif ministira haqaa ta'uun tajaajilaa turan.

Ambaasaaddar Taayyeen Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddara Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, ji'oota saddeetiin dura ministira dhimma alaa ta'uun muudamuunsaanii ni yaadatama.

Tibbana ammoo Pirezidanti Sahleworq Zawudee bakka bu'uun Pirezidantii Rippaablika Federaalawaa Dimokiraatawaa Itoophiyaa ta'uun filatamaniiru.

Miseensa koree giddugaleessaa paartii biyya bulchaa jiru- Paartii Badhaadhinaa, kan ta'an Geediyoon Ximootiwoos (PhD), ministirri muummee Abiy Ahmad gara aangootti dhufuu hordofee namoota itti gaafatamni aangoo kennameef keessaa tokko turan.

Onkoloolessa 2021 irraa kaasanii Ministira Haqaa ta’uun hanga gara Ministira Dhimma Alaa Itoophiyaatti dhufuutti tajaajilaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr Geediyoon duraan Abbaa Alangaa Waliigalaa Itoophiyaa ta'uun tajaajilaa turan.

Hagayya 2020 hanga Onkoloolessa 2021'tti Waajira Abbaa Alangaa Waliigalaatti Deetaa Ministiraa ta’uun tajaajilaniiru.

Waraana Tigraay dhaabsisuuf marii Piriitooriyaatti gaggeeffamerratti aanga'oota mootummaa bakka bu'uun hirmaatan keessaa tokko turan.

Dr. Geediyoon Yunivarsiitii Finfinneerraa barnoota Seeraan digirii (LLB), Senteraal Yurooppiyaan Yunivarsiitiirraa ammoo barnootuma Seeraan LLM fi PHD argataniiru.

Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaa seeraa ta'uun muuxannoo waggaa dheeraa kan horatan Dr Geediyoon, yunivarsitiiwwan biyyattii garaagaraa keessattis barnoota seeraa barsiisaa turan.

Beektota damee seeraa biyyattii maqaansaanii ka'u keessaa tokko kan ta'an Dr Geediyoon, waggoota dheeraaf kan barsiisan Yunivarsitii Finfinnee keessatti barnoota seeraan sadarkaa gargaaraa piroofesaraarra ga'anii turan.

Aanga'oota ministira muummee Abiy Ahmadiin muudaman keessaa tokko kan ta'an Aadde Salaamaawit Kaasaa miseensa mana maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee yoo ta'an, Ministeera Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaatti itti aantuu ta'uun muudamuu dura Faanaa Biroodkastiing fi miidiyaalee biyyattii kaan keessa gaazexeessummaan hojjetaniiru.

Ministira Haqaa ta'uun kan muudaman Aadde Haannaa Ar'aayaasillaasee ammoo kanaan dura tajaajila poostaa Itoophiyaa hooggananiiru. Gara muudama ammaatti dhufuu dura ammoo Komishinara Komishinii Invastimantii ta'uun tajaajilaa turan.