Tigraayitti misirroon tokko gaa’ilaan booda guyyaa arfaffaatti abbaa waraatiin ajjeefamuu poolisiin beeksise

Liidiyaa Alam gaa'ilaan booda guyyaa arfaffaatti ajjeeffamte

Madda suuraa, Social Media

Naannoo Tigraay magaalaa Wuqirootti dubartiin Liidiyaa Alam jedhamtu tokko erga gaa’ila ishee raawwaatteen guyyaa arfaffaan booda abbaa warraasheetiin ajjeefamuu poolisiin beeksise.

Misirroo Liidiyaan Roobii darbe Onkoloolessa 16, 2024 halkan sa’aatii 10 irratti ajjeefamuu Komaandarri Poolisii Godina Baha Tigraay, Mulubirihaan Kaasaay BBCtti himan.

Shakkamaafi abbaan warraa dubartii ajjeechaan irratti raawwatameetis harkasaa poolisitti kan kennachuun to’annoo seeraa jala jiraachu Komaandarichi dabaluun dubbatan.

Shakkamaan maqaansaa Birhaana Gabracarqoos jedhamu kunis haadha warraasaa guyyaa afurii hudhee ajjeessuu ajajaan poolisii Magaala Wuqroo, Gabra Madihiin Gabragiiyoorgiis dubbachuu Dimtsa Wayyaaneen gabaaseera.

Shakkamaan kunis erga harkasaa poolisiitti kennateen booda ofiisaa ajjeessuuf yaaliiwwan garaa garaa taasisee akka ture kan dubbatan Komaandar Gabramadiihiin, poolisiin eegumsaafi hordoffii barbaachisu taasisafii jiraachu dabaluun himan.

Shakkamaan dhalataa Magaalaa Wuqroofi Magaala Finfinneetti hojii daldalaa irratti akka boba’e himame kunis, hoteela keessa boqatee qabeenyaansaa akka argame komaandarichi himaniiru.

Shakkamaan kuniifi dubartiin ajjeeffamte Liidiyaan torban darbe guyyaa Dilbataa Onkololeessa 13, 2024 cidha ho’aadhaan akka gaa’ila godhatan ibsameera.

Naannoo Tigraa kan waggoota lamaaf waraana cimaa keessa turteefi amma dhiibbaa waraanichaa kessaa bahuuf yaalaa jirtuutti, miidhaa fi ajjeechaan dubartoota irratti raawwatamu irra dedebiin dhagahamaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mana barnootaa bulti kan barattoonni filatamaniifi kanneen qabxii olaanaa fisan keessatti barataniitti Qaalaamiinootti barataa kan turte, barattuu Beeteeliheem Gabramiikaa’el erga butamuun guyyaa 10f bakka buuteenshee dhabameen booda akka Itoophiyaatti dhuma bara darbeetti reeffiishee gatame argamuun ni yaadatama.

Beetileheemiin alattis waggaa darbe naannoo Tigraayiitti dubartoonni hedduun rakkoofi du’aaf saaxianiiru.

Isaan keessayis jiraattuu magaalaa Maaqalee kan turte Zawuduu Fissihaa haala sukkanneessaa ta’en erga ajjeeffamteen wagga tokko darbulleen poolisiin shakkamtoota afur qorachaa jiraachuun alatti maatiinshee haqa hin argatiin jiru.

Jiraattuu magaalaa Adigiraati kan turte Adaanash Abrihaam akkasumas haala ifa hin taaneen ajjeeffamtee reeffiishee baatii 10niin booda argamte turete.

Magaalaa Adawaatti barattuu kutaa saddeetii kan turtee fi shamarreen wagga 16, Maahileeti Taklaahis akkasumas barnootaaf akkuma baateetti ugguramuudhaan erga birria miiliyoonni sadii itti gaafatameen booda baatii sadiin booda ajjeeffamunshee ni yaadatama.

Ajjeechaawwan naannichatti dubartoota irratti raawwataman kunneenis agarsiiftuuwwan muraasa yoo ta’an, dararaafii guddeeddiin dubartoota irratti raawwatamu baayyataa jiraachuun himamera.

Ajjeechaan, butamuu fi miidhaan saalaa naannichatti dubartoota irratti raawwatamu akka dhaabbatuuf dhaabbileen Siiviilii naannoo Tigraayiitti argaman adabaabaayiitti bahuudhaan gaafataniiru. Bulchiinsi yeroo naannichaatiis kanneen miidhaa raawwatan itti gaafatamo akka ta’aniif waamicha dhiyeessuun isa ani yaadatama.