Tigraay lubbuun jiraachuu ijoollee fi dubartootaaf maaliif yaaddoo taate?

Tigiraayitti yakki ajjeechaa fi gudeeddii akka malee hammaate

Madda suuraa, Getty images

Beteliheem Gebramikaa’el jedhamti. Mana barumsaa bultii addaa Maqalee kan turte yoo ta’u, guyyoota 10’f erga dhabamtee booda reeffishee argamte.

Barattuun kun ALI Caamsaa 11, 2016 Dilbata ganamaan bataskaa dhaquuf manaa erga baatee achi buuteen dhabamuu abbaan ishee Obbo Gabramikaa’el Nagash BBC'tti himan.

Hanga ammaatti namni Betaliheem ajjeese eenyu akka hin beekamne yoo ta'u, poolisiin magaalattii ammallee qorachaa jira.

Warri ishee yakkichi qoratamee murtee haqaa arganna jedhanii eegaa jiru.

Wal-waraansa waggoota lamaarraa lubbuu namoota danuu galaafaterraa bayyanataa kan jirtu Tigraay keessatti qocollaa fi ajjeechaan dubartootarra qaqqaba jira.

Betaliheemiin malee dubartoota naannoo Tigraay baayyeerra ji'oota darban dararaa fi ajjeechaa qaqqabuun himama ture.

Jiraattuu magaalaa Maqalee kan turte Zewduu Haftuu waggaa tokko dura gara jabummaadhaan ajjeefamte, poolisiin garuu shakkamtoota afur qorachaa jiraachuu ibsullee maatiin ishee murtoo haqa hin arganne.

Jiraattuun magaalaa Adigraat kan taate Adaanesh Abrahaam akkasuma dhoksaatti ajjeefamuun ji'a 10 booda reeffishee argame.

Haaluma walfakkaatuun magaalaa Adwaatti kutaa saddeet kan barattuu shamarreen ganna 16 Mahilet Takilaay mana barumsaa deemuu baatee ugguramuun, birrii miliyoona sadii maatiin akka kaffalan gaafatamanii, ji'a sadii booda ajjeefamte.

Kunneen miidhaa qaqqaban kan agarsiisaa yoo ta’u, ajjeechaan gara jabeenyaa malee yakki gudeeddii ittifufeera.

Dhaabbileen siivikii Tigraay ajjeechaa, uggurri fi miidhaan saalaa dubartoota naannicharra gahu akka dhaabbatu gaafataniiru.

Bulchiinsi yeroo naannichaa namoota yakkaa kana raawwatan akka itti gaafataman gaafate.

Yakka gudeeddii Tigraay keessatti ittifufe

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidhaan saalaa akka tooftaa waraanaatti yeroo waraana Tigraay hojiirra ooluu

Garee ogeeyyii mirgoota namoomaa Dhaabbata Biyyoota Gamtooman gabaasi sarbamiinsa waraana keessatti raawwatame qoratu baase eere ture.

Gabaasni kun raayyaan ittisaa Itoophiyaa fi Eertiraa fi humoonni Amaaraa miidhaa saalaa shamarranii fi dubartoota Tigraayirratti raawwachuu ibsee ture.

Wal-waraansi kaaba biyyattii sun waliigatee Piritooriyaa erga goolbame boodalle, dubartoota gudeeduun ammallee ittifufeera jedhu ogeeyyiin fayyaa.

Ogeessii fayyaa hospitaala Rifaralaa Ayider bakka dubartoonni gudeedamaniif tajaajila yaalaa fi xiinsammuu argatan hojjatanii fi maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan akka himanitti, bara kana "dubartoonni gudeedaman 100 ji'a Caamsaa fi Waxabajjii baranaa keessa dhufaniiru" jedhan.

Bara darbemmoo ji'atti dubartoonni 100 hanga 200 gudeedamanii hspitaalicha dhaqaa akka turan hima ogeessi fayyaa kun.

Sababa gudeeddiitiin dubartoonni HIV fi dhibeewwan biroof saaxilaman jiraachuu ogeessi fayyaa kun BBC Tigrinyaatti himan.

''Yeroo waraanaa diinaan gudeedamaa turan. Amma garuu dhalattootuma Tigraayiin gudeedama jiru.

''Kan na gaddisiisu garuu dubartoonni humnoota birootiin yeroo gudeedaman iyyatu ture; Garuu humnoota keenyan yeroo raawwatu bu'aa siyaasaaf jecha callifame" jedhan.

Dargaggoonni fi dubartoonni BBC'tti akka himanitti, yakkoota amma naannoo Tigraay keessatti raawwatamaa jiruun jiraattonni yaadda’uu BBC'tti himaniiru.

Tigraayitti ajjeechaa, nama uguruu fi gudeeddiin maaliif dabale?

Dhaabbanni mirga namoomaa ‘Human Rights First’jedhamu Tigraay keessatti yakki dubartootarra gahaa jiru sadarkaa yaaddessarra gahuu beeksise.

Humni poolisii laafuu fi rakkoon nageenyaa naannichatti waraana booda mula’atu akka sababatti eerame.

Waraanni Tigraay erga xumuramee booda TPLF Komishiniin Poolisii Tigraay ‘’yeroo waraanaa nu gane’’ jechuun dhaabbaticha diiguun miseensonni isaa bittinnaa’an.

Kanarraa kan ka’e poolisoonni Tigraay duranii 3,000 ta’an hojiirraa ari’amanii, miseensota humnoota Tigraayiin bakka bufaman.

Daayireektarri ittaanaan ‘Human Rights First’ Obbo Mebrihi Birhaane, rakkoo nageenyaa yeroo ammaa mudachaa jiruuf sababni poolisiin Tigraay bittimuu ta’uu ibsu.

''Poolisiin ogummaa of danda'e. Dhimma muuxannoon hojjatamu miti. Miseensonni humnoota Tigraay poolisiin bakka buufaman muuxannoo ittisa yakkaa fi tooftaa qorannoo hin beekan.

Hubannoo fi beekumsa poolisii hin qaban; Beekumsi seeraa baayyee hinqaban.

Kana malees warri poolisii hin turre kun itti gaafatamummaapoolisii fudhachuun yakka ittisuu irratti hanqina uumuun maddiitti dhaabbata walabaa dhabuudhaaf sababa ta’uu ibsu.

Poolisii Tigraay akka dhaabbataatti murtee siyaasaatiin diiguun, poolisii haaraa muuxannoo hin qabneen bakka buusuun seera ala akka ta’e ogeessi seeraa fi gorsaan seeraa Salaam Kidaanee eeran.

Dhaabbileen kunneen akkuma duraan turanitti ittifufuu qabu turan jedha.

Kaayyoon mootummaa hundeessuun nageenya hawaasaa eeguu akka ta'e ibsuun garuu Tigraay keessatti nageenyi eegamaa akka hin jirre dubbatu ogeessi seeraa kun.

Daarektarri dhaabbata "Gorzoo" jedhamu, kan mirgaa fi dubartootaa gahoomsurrarratti hojjatu Aadde Sablework Lammaa, mootummaanTigraaybulchu nageenya eegsisuuf kutannoo hin qabu jedhanii qeequ.

Miidhaa dubartoota naannichaarra gahu ittisuuf dhaabbilee miti-mootummaa waliin hojjechaa akka jiran kan himan.

Bulchiinsa yeroo Tigraayitti nageenyii dubartootaa akka eegamu fi dubartoonni miidhaman haqa akka argatan xalayaa barreessaniifi deebii hin akka hin arganne himan.

Ogeettiin seeraa kun gidduu seentummaan siyaasaa sirna haqaa naannicha keessa seenu, manneen murtii fi abbootiin murtii bilisummaan hojjechuu dhabuu fi dhiibbaan irratti gahuu adeemsa haqaa gufachiiseera jetti.

Miidhamtoonni sababa kanaan haqa hatattamaa akka hin arganne mudoo uumeera ta’era jedhu.

Waldhabdeen TPLF fi bulchiinsa yeroo gidduutti dhalachuun rakkoo nageenyaa fi yakki naannichatti akka dabaluuf sababa ta’era jedhu.

Ogeessi dhimma nageenyaa fi hayyuu hariiroo idil-addunyaa Obbo Bisraat Amaaree, qormaanni nageenyaa fi nageenyaa Tigraayitti mul’atu "kufaatii siyaasaa" waraana booda naannichatti mudate mul’isa jedhu.

Sababa kanaaf "financial oligarchy" naannicha keessatti uumame humna gurmaa'ee akka mootummaa lammaffaa ta'uu jajjabeessa jedhu.

"Amma humni biyya bulchu Tigraay keessatti uumameera" jedhanii ibsan.

Qabeenya fi aangoo naannichaa to'atera.

'Gartuu dinagdee'maallaqaa guddaa qabuu fi jeneraalota, daldaltoota, namoota siyaasaa qabu fi ajandaa ofi qabu uumameera jechuun ibsu.

Gareen kun mootummaa giddu galeessa Tigraay akka hin uumamneef hojjechaa jira jedhanii ibsan.

Rakkoon naamusaa yoo qabaatan seeratti dhiyaachuu qabu jedhu. Tarsiimoon ittisa yakka hawaasa hirmaachisellee akka barbaachisu eeran.

Salaam gama isaaniitiin qaamni Tigraay bulchu furmaata hatattamaa fudhachuu akka qabu gorsa.

Ogeessi hariiroo idil-addunyaa Obbo Bisrat bulchiinsi waloo hawaasni hundi itti amanuu fi humnoonni siyaasaa adda addaa keessatti hirmaatan hundeeffamuu akka qabu gorsan.