Yukireen misaa'ela UK irraa argatteen warshaa keemimaalaa Raashiyaa haleelte

Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images
Yukireen misaa'ela UK irraa argatte- Storm Shadow jedhamuun warshaa keemikaalaa Raashiyaa haleeluu humni waraanaa biyyattii ibse.
Humni waraanaa Yukireen humna ittisa qilleensaa Raashiyaa cabsee seenuun haleellaa kana raawwachuu ''akka milkaa'ina guddaatti,'' ibse.
Kun ta'ee sa'atiiwwan muraasa booda Raashiyaan kutaalee Yukireen hedduu diroonii fi misaa'elaan haleelte.
Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii akka jedhanitti haleellaa Raashiyaa kanaan daa'imman lama dabalatee namoonni ja'a ajjeefamaniiru.
Aanga'oonni Raashiyaa haleellaa warshaa keemikaalaa irratti raawwatame irratti yaada hin kennine.
Raashiyaan biyyoonni lixaa Yukireeniif misaa'ela fageenya dheeraa furguggifamu akka hin kennine akeekkachiisteetti.
Humni waraanaa Yukireen gamasaan iddoowwan akkaan mijatoo ta'an kanneen Raashiyaan waraana Yukireeniif itti fayyadamtu haleeluun milkaa'ina guddaa fi akkaan murteessaa ta'uu hime.
''Warshaan keemikaalaa Bryansk wiirtuu weerartootaaf akka bakka tarsimootti fayyadu isa ijoodha,'' jechuun X irratti barreesse humni waraanaa Yukireen.
Warshaan kun ''bakka Raashiyaan baaruda raasaasaa, meeshaalee waraanaa dhohanii fi boba'aa rookeetii keessatti oomishuun Yukireeniin haleeluuf fayyadamtudha,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaan kun guyyaa Ministirri Muummee UK Sar Keeyir Istaarmar fi aanga'oonni Awurooppaa kaan diinagdee Raashiyaa fi indastirii ittisaa isheerra dhiibbaa kaa'uuf murteessanitti raawwatame.
Aanga'oonni Awurooppaa hanga Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin ''nagaa buusuuf qophii ta'uu agarsiisutti,'' Raashiyaa akka qoqqoban ibsaniiru.
Ibsi Yukireen, Jarmanii, Faransaay, Xaaliyaanii, Poolaand, Deenmaark, Finlaand, Noorway fi Gamtaan Awurooppaa waliin baasan kun ''Yukireen waraana dura, yeroo waraanaa fi erga dhukaasni dhaabbatees bakka jabaa isheef malu qabachuu qabdi,'' jedha.
Kantiibaan magaalaa Kiiv, Vitali Klitschko, haleellaa Raashiyaan qilleensarraan halkan guutuu raawwatteen gamoowwan magaalattii hedduun manca'uu ibse.
Haleellaa kanaan magaalattii keessatti namoota lamatu ajjeefaman.
Haleellaan kun erga torbee darbe Zeleniskiin Waayit Haawusitti Tiraamp waliin dubbatanii, Tiraamp misaa'ela handhuura Raashiyaa keessa seenee haleeluu danda'u kennuufii didee as isa hamaadha.
Tiraamp duraan Puutin faana Budaapest keessatti walarguun waa'ee waraana Yukireen irratti mari'achuuf karoorsee ture.
Amma garuu ''marii bu'aa hin qabneef yeroo koo hin gubu,'' jechuun karoora Puutin waliin walarguuf qabame haquu ibse.
Tiraamp Kibxata Waayit Haawusitti ibsa kenneen Raashiyaan adda waraanaa yeroo ammaa irratti bobbaatee haleellaa raawwachaa jirtu keessatti dhukaasa dhaabuu diduu eere.












