Tiraamp 'walga'ii gatii hin qabnetti yeroo koo hin gubu' jechuun karoora Puutin arguuf qabate haqe

Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin (bitaa) fi Pirezidantii US Doonaald Tiraamp (mirga)

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ''Walga'ii bu'aa hin qabneef yeroo koo gubuu hin barbaadu,'' jechuun karoora Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waliin walarguuf qabate haquu ibse.

Tiraamp bara kana yeroo lammaffaaf Puutin waliin qaamaan walarguun akkaataa waraana Yukireeniif fala kaa'uun danda'amurratti akka mari'atan ibsee ture.

Garuu karoora kana ibsee torban tokko keessatti yeroof haqamuusaa hime. Kanaaf ammoo Raashiyaan dhukaasa dhaabuu diduushee himate.

Tiraamp Kibxata Waayit Haawusitti ibsa kenneen Raashiyaan adda waraanaa yeroo ammaa irratti bobbaatee haleellaa raawwachaa jirtu keessatti dhukaasa dhaabuu diduu eere.

Tiraamp walga'iin Puutin waliin taasisuuf deeman kan bu'aa buusu akka hin taane ibsuu dura qondaalli Waayit Haawus, yeroo dhihootti carraan Tiraamp fi Puutin walarguu akka hin jirre ibsee ture.

Tiraamp yeroo torban lama hin caalle keessatti gitasaa Puutin waliin Hangarii, Budaapest keessatti akka walargan Kamisa darbe ibse.

Wiixinee nagaa ilaalchisee garaagarummaa ijoon US fi Raashiyaa gidduu jiru torban kana sirriitti mul'ateera, aanga'oota gidduutti carraan walarguu akka hin jiraannes gufuu ta'eera.

Tiraamp fi Puutin Hagayya darbes Alaaskaatti walarganii turan, garuu wanti qabatamaatti jijjiirame hin jiru.

Waayit Haawus aanga'oonni lameen deebi'anii akka walargan kan karoorseefis hanqinoonni jiran fooyya'anii gara hojii qabatamaatti akka galamuuf ture.

Dippiloomaatii gameessi Awurooppaa tokko ''warri Raashiyaa waan hedduu waan gaafatan natti fakkaata.

Warri Ameerikaas kana hubatanii mariin Tiraamp Budaapest keessatti taasisuuf jiru bu'aa qabaachuu akka hin dandeenye hubatan,'' jechuun Rooytarsiif yaada kenne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ministirri haajaa alaa US Maarkoo Ruubiyoo fi Ministirri haajaa alaa Raashiyaa Sergee Laavroov torban kana keessa walarguuf turan. Garuu qondaalonni lameen bilbilaan waan barbaachisu dubbataniiru waan ta'eef qaamaan walarguun akka hin barbaachisne Waayit Haawus ibseera.

Tiraamp Wiixata darbe wixinee dhukaasa dhaabuu Yukireen fi aanga'oonni Awurooppaa deeggaraniin dhukaasa adda waraanaatti gaggeeffamaa ni dhaabbata jedhee abdatee ture.

''Mee bakkuma jirutti haa dhaabbatu. Achumatti dhaabaa, walitti dhukaasuu dhiisaa. Gara manaa deebi'aa. Wal ajjeesuu dhaabaa, uummata ajjeesuu dhaabaa,'' jedhe Tiraamp.

Raashiyaan adda waraanaa dhiistee duubatti akka deebitu irra deddeebiin gaafatamtus, kutannoo hin agarsiisne.

Dubbi himaan Kireemlin Dimitirii Peskov yaadi kun irra deddeebiin Raashiyaaf dhihaatus ''ejjennoo fi tarkaanfiin Raashiyaa homaa jijjiiramee hin beeku,'' jedhe.

Raashiyaan gamasheen waraana kana irratti fedhiinshee gabaabaaf dhukaasa dhaabuu qofa osoo hin taane ''nageenyi waaraa akka jiraatudha,'' jedhan Sergee Laavroov Kibxata kaleessaa.

Aanga'oonni Awurooppaa Kibxata kaleessaa Pirezidantii Yukireen Voloodmiir Zeleniskii waliin ta'uun ibsa baasaniin mariin waraana Yukireen dhaabsisuu irratti gaggeeffamu kamuu adda waraanaatti dhukaasa deemaa jiru dhaabuurraa eegaluu qaba jedhan.

Raashiyaan nageenya buusuu irratti ejjennoo cimaa akka hin qabnes ibsan.

Zeleniskiin akka jedhutti Raashiyaan waa'ee daangaarratti dhukaasa dhaabuu dhiistee waa'ee meeshaa waraanaa Yukireen argattuu qofarratti xiyyeeffatti.

''Mata dureen isaanii inni ijoon waa'ee dhukaasa dhaabuu osoo hin taane waa'ee meeshaa waraanaa Yukireen,'' jechuun Raashiyaa kan himate Zeleniskiin, Puutin kana qabata godhachuun dhukaasa dhaabuu akka dide ibse.

Tiraamp akkamiin Puutin waliin Hangariitti akka walarganii mari'atan bilbilaan erga dubbatee booda Zeleniskii Waayit Haawusitti dubbiseera.

Gaaffiin Zeleniskii inni ijoon misaa'ela Ameerikaa kan handhuura Raashiyaa keessa seenee haleellaa raawwachuu danda'u Tomahawk argachuu ture.

Tiraamp garuu misaa'elli dubbii hammeessa jechuun Zeleniskii harka duwwaa galche.