Tiraamp fi Puutin bilbilaan maal dubbatan? Maaltu itti aana?

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii yeroo Pirezidant Tiraamp misaa'ela keessoo Raashiyaa seenee haleeluu danda'u- Tomahawk jedhamu Yukireen hidhachiisuu yaadaa jirutti gara Waashingitan imaleera.
Daawwannaasaa erga Amajjiitii kan sadaffaa ta'e kanaan Pirezidanti Tiraamp waliin ni mari'atu.
Walga'iin qondaalota kunneenii erga Tiraamp haasaa bilbilaan Pirezidantii Raashiyaa Vilaadimiir Puutin waliin taasise irraa ''oduu abdachiisaa'' dhagahuu ibseeti.
Aanga'oonni US fi Raashiyaa kunneen erga bilbilaan dubbatanii booda Hangariitti qaamaan walarguun akka mari'atan ibseera.
Erga Hagayyaatii yeroo jalqabaaf Puutiniif kan bilbile Tiraamp, haasaa taasisaniin milkaa'uu ibsee, itti aansee torbee dhufu gareen biyyoota lameen irraa ijaarame akka walargu hime.
Tiraamp akkuma Zeleniskiin US seeneen Raashiyaan ''erga waa'ee misaa'ela Tomahawk dhageessee hatattamaan gara mariitti seenaa jirti,'' jedhe.
Zeleniskiin Ameerikaan akka misaa'ela fageenya kiilomeetira 2,500 irratti haleellaa raawwatu Yukireeniif kennitu gaafateera.
Jalqaba torbee kanaa waa'ee misaa'ela Tomahawk pirezidant Tiraamp maal yaadaa akka jiru gaafatamee ''bullee ilaalla, tarii ta'uu danda'a,'' jedhe Zeleniskiin.
Tiraamp gamasaan erga Puutiniif bilbilee booda waa'ee misaa'ela kanaa gaafatamee misaa'ela Tomahawk kuusaa keessaa qabnu qisaasessuu hin feenu, nutis ni barbanna. Waan goonu hin beeku,'' jedhe.
Tiraamp erga Puutiniif bilbilee xumuree booda qabxiin ijoon irratti haasa'an ''wayita waraanni Yukireen xumuramu hariiroo daldalaa US fi Raashiyaan qabaachuu danda'an,'' ta'uu miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti ibse.
''Gorsitoonni olaanoon'' biyyoota lamaanirraa torbee dhufu keessa bakka hin beekamnetti walargu jedhe. Jila Ameerikaa Ministira Dhimma Alaa biyyattiitu hoogganu.
Tiraamp waan Puutin waliin bilbilaan dubbate Jimaata har'aa (Onkoloolessa 17, 2025) Zeleniskiitti himuuf jedhu.
Haasaan bilbilaan taasisan abdachiisaa ta'uu erga ibsee booda torban lama keessatti Hangariitti akka qaamaan walargan ibse Tiraamp.
Ministirri Muummee Hangarii Viktar Orban walga'iin Budaapest keessatti taa'amuuf jedhu ''uummata addunyaa nagaa jaallatuuf oduu aagaati,'' jedhan.
Erga Hagayya darbe Alaskaatti qaamaan walarganii mari'atanii booda Tiraamp dhimma waraana Yukireen irratti Puutiin waliin hariiroon qaban hangas mara gaarii miti.
Inumaa sadarkaa itti dhaadachuurra ga'aniiru.
Tiraamp fi Puutin Hagayya 15, 2025 wayita Alaskaatti qaamaan walargan waraanni Yukireen ni xumurama jedhamee abdatamee ture.
Raashiyaan guutummaatti Yukireen kan weerarte Guraandhala 2022 ture.

Madda suuraa, Reuters












