Raashiyaan waraana yoo itti fufte Yukireenif Tomahawak ni ergina- Tiraamp

Madda suuraa, Reuters
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Dilbata kaleessa akka jedhanitti, pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waraana Yukireen keessatti geggeeffamaa jiru yoo hin xumurre, misaa'ela fageenya dheeraa Tomahawk kan Kiiv itti fayyadamuu dandeessu dhiyeessuu akka danda'an himaniiru.
Tiraamp xiyyaara 'Air Force One' keessatti gaazexeessitoota waliin gaaffii fi deebii taasisaniin waa'ee carraa misaa'ela fageenya dheeraa Tomahawak gara Yukireen erguu yeroo gaafatamanitti, "ni ilaalla... nan danda'a" jechuun deebii kennaniiru.
Kunis kan ta'e erga Tiraamp fi prezidaantiin Yukireen Volodymiir Zelenskii Sambataa fi Dilbata bilbilaan haasa'aniin booda yoo ta'u, isaanis dandeettii waraanaa guddisuun Raashiyaa irratti haleellaa cimsuuf ta'uun ibsameera.
Moskoo kanaan dura Waashingitan misaa'ela fageenya dheeraa Kiiviif akka hin dhiyeessine akeekkachiisuun waldhabdeen kun haalaan akka hammaatu fi hariiroo Ameerikaa fi Raashiyaa akka balleessu akeekkachiiftee turte.
Misaa'eloonni Tomahawak fageenya km 2,500 (maayilii 1,500) kan qaban yoo ta'u, kunis Yukireen Moskoo haleeluu akka dandeessu taasisa.
Tiraamp gara Israa'el osoo deemaa jiranii gaazexeessitootaarraa gaaffii dhiyaatefiin Tomahawka Yukireen gaafatte irratti Raashiyaa waliin mari'achuu akka danda'u eereera.
"Waraanni kun yoo furmaata hin arganne, misaa'ela kana erguu raggasisuu akka dandeenyu isaan [Raashiyaa] beeksisuun danda'a."
"Isaan [Raashiyaan] Tomahawka gara isaanitti akka dhukaafamu hin barbaadu? natti hin fakkaatu na shakka," jechuun pirezidaantichi yaada kennaniiru.
Kiiv magaalota Raashiyaa bakka itti waldhabdee deemaa jiruu irraa fagaatanii jiran rukutuuf yaadaa waan jirtuuf misaa'ela fageenya dheeraa akka argattu gaaffii hedduu dhiheessiteetti.
Zelensky fi Tiraamp bilbilaan marii isaanii irratti waa'ee tattaaffii Yukireen dandeettii waraanaa ishee guddisuuf gootu, ittisa qilleensaa ishee fooyyessuu fi meeshaa waraanaa fageenya dheeraa argachuu dabalatee walii dubbataniiru.
Kiiv dabalatee magaalonni Yukireen irra deddeebiin boombii cimaan Raashiyaa irraa diroonii fi misaa'ela fayyadamuun rukutamaniiru. Raashiyaan addatti bu'uuraalee anniisaa Yukireen irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatteerti.
Ji'a darbe ergamaan addaa Tiraamp Yukireenitti, Keet Keeloog, pirezidaantiin Ameerikaa haleellaa naannoo Raashiyaa gadi fageenyaan akka raawwatamu akka hayyaman yaada dhiyeessan.
Misa'elli Tomahawak maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Misaa'elli Tomahawk misaa'ela fageenya dheeraa, saffisaan soonik Kiruuz misaa'eliin gadi yoo ta'u, adda durummaan Ameerikaa fi Yunaayitid Kingidam bakka baayyee barbaachisaadha jedhanitti qiyyaafannaa sirriin haleeluuf itti fayyadamu.
Dooniirraa ykn doonii bishaan jalaarraa furguggifamuudhaan, aadarii diinaan akka hin argamnetti osoo samiitti baayyee ol hin ba'iin balali'uun r kan hojjetudha.
Mala GPS, inershiyaa naavigeeshiniifi Teeriyaan kontur maaching (TERCOM) walitti fayyadamuun hojjeta.
Daandiin balalii misaa'ela kanaa yeroo qabatamaa keessatti karaa daataa walitti hidhamiinsaatiin haaromfamuu kan danda'u yoo ta'u, bakka barbaachisutti ammoo akka dheeratu butuun bakka irratti xiyyeeffatanitti erguun ni danda'ama.
Misaa'eloonni Tomahawk siistema vertikaalii ta'een dooniiwwan lafarraatii, doonii galaana jalaarraatii yookaan ammoo laawoncharii dirra lafaarras ni dhukaafamu.
Erga takkaa bakka jirurraa dhukaafame booda mootarri rookkeettii sochoosu jabaan humni ittiin fagoo deemu gochuun, misaa'ela sana dafee qilleensa keessa sochoosa. Kun ammoo baallee isaa fi qilleensa mootora isaa akka fudhatu dheeressa.
Akkasiin erga toora qabatee booda saffisa naannoo km/h 880 ta'een bakka itti ergame qaqqaba.
Misaa'elli kun olka'iinsa gadi aanaa (hanga meetira 30-50 gadi) keessa kan deemu yoo ta'u, kallattiin osoo hin taane daddabaa balali'a, kun ammoo raadarriin adda baasee addaan kutuuf rakkisaa taasia.












