Tiraamp waraana Yukireenirratti ejjennoo jijjiiran, Zeleniskiitti raajii ta'e

Madda suuraa, Reuters
Pirezidantiin Amerikaa Donaald Tiraamp Kiiv lafa Yukireen waraana dura qabdu turte mara deebisuu dandeessi jedhan. Kunis ilaalcha waraana kanarratti qabaachaa turan jijjiiramu agarsiise.
Maxxansa miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaanii Truth Social irratti baheen deeggarsa Awurooppaa fi Nato'n akkasumas sababa dhiibbaa diinagdee Raashiyaarratti godhamaa jiruun Yukireen lafa waraana dura qabdutti deebi'uu dandeessi jedhan.
Tiraamp ergaa kana kan maxxansan Pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii waliin dubbachuu isaanii booda.
Tiraamp Kibxata darbe yaa'ii waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniirratti haasaa dhageessisuu booda Zeleniskii waliin dubbatan.
Tiraamp amma dura irra deddeebiin waraana Yukireen dhaabsisuuf fedha guddaa qabaachuu dubbataniiru. Ammoo adeemsa nagaa buusuu kana keessa Yukireen lafa qabdu hanga ta'e dhabuu dandeessi jechuun akeekkachiisaa ture. Zeleneskiin garuu yaada kana akka hin fudhanne beeksiisee ture.
Maxxansa haaraa kanaan Tiraamp Yukireen ''tarii sanaa ol deemuu dandeessi'' jedhan. Garuu maal akeekaa akka jiru ifatti hin beekamne.
Tarii waayee Kireemiyaa kan bara 2014 Raashiyaan weerartee fudhatte ta'uufi dhiisuunis hin ibsamne.
Tiraamp waraana Yukireen irratti ejjennoo jijjiiruusaanii ibsaniiru. Ejjennoon isaanii kan jijjiirame ''ergan haala waraanaafi diinagdee Yukireeniifi Raashiya ilaalee fi hubadhee booda'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Putiiniifi Raashiyaan rakkoo diinagdee guddaa keessa jiru, amma yeroo Yukireen tarkaanfii itti fudhattudha'' jedhan. Dabaluunis Raashiyaatiin lafa duwwaatti dhaadatti jechuuf hima "paper tiger" jedhu fayyadamaniiru.
Zeleniskiin ilaalchi Tiraamp jijjiiramuu leelliseera. Yaa'ii UNf Niiw Yoork kan jiru Zeleniskiin, gaaffiifi deebii gaazexessitoota waliin godheen US erga waraanni goolabame booda wabii nageenyaa isaaniif kennuuf fedhii qabaachuu hubachuu dubbate.
Wabiin nageenyaa kun maal akka of keessaa qabu yoo gaafatamu wantoota bal'aarratti ammatti akka hin haasofne, garuummoo meeshaalee waraanaa, sirna ittisa qilleensaa fi diroonii fa'a akka of keessaa qabaatu akeeke.
Maxxansa Tiraamp booda Fox News waliin afgaaffii kan gaggeesse Zelensikiin wanta Tiraamp barreessan isa raajuu dubbate. Mallattoo gaariidha jechuun erga ibsee booda ''US hanga waraanni kun xumuramutti nu waliin taati'' jedhe.
''Akka natti fakkaatutti Putiin Pirezidant Tiraampiin yeroo baayyee sobeera, nu gidduuttis adda addummaa uumeera'' jechuunis dubbate.
Tiraamp haasaa isaa UN booda miseensonni Nato xiyyaarota Raashiyaa daangaa qilleensaasaanii seenan rukutanii kuffisuu qabu jedhan. Tibban dirooniifi xiyyaarotni Raashiyaa daangaa biyyoota Nato seenanii mul'ataniiru.
Istaaniyaa fi Poolaanditi ta'iinkun mudachuu hordofee NATOn ibsa baaseen Raashiyaan gocha kanaaf gaafatama akka fudhattu akeekkachiisa baasee ture.
''Balaa hamaa qaba...atattamaan dhaabbachuun irra jira'' jedhe Naton.
Pirezidantiin Poolaand Karool Nawrookii yaa'ii UN gubbaatti daangaasaanii eeguuf debii kennuuf qophii ta'uu beeksisaniiru.
''Uummatni Poolaand, biyyootni gidduugaleessaafi Baha Awurooppaa sodaa dirooniiwwan Raashiyaa hin qaban'' jedhan.
Raashiyaan dangaa Istooniya hin seennee jechuun yoo haaltu, Poolaand keessatti garuu tasa galuu ibsite. Roomaaniyaa keessatti wanta tae jedhame ilaalchisee garuu homaa hin jenne.












