Raashiyaan marii nagaa dhaabuun waraana dheeressuu feeti - Zeleeniskii

Voloodmiir Zeleenskii

Madda suuraa, EPA/Shutterstock

Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii Raashiyaan waraana dhaabuuf ''walgahii Puutin waliin godhamu dhaabsisuuf waan hunda gochaa jirti'' jedhan.

Pirezidantiin Ameerikaa Donaaldi Tiraamp hogganoota biyyoota lameen kanaa walitti fiduu barbaadu garuummoo Jimaata darbe deebisanii ''isaanoo akka bishaaniifi zayiitaati walii hin galan,'' jedhan.

Ministirri Hajaa Alaa Raashiyaa Sergee Laavrov Puutin hogganaa Yukireen argachuuf qophii ture ''garuu ajandaan walgahii hin jiru, hin qophoofne'' jechuun Zeleniskiin ''waan hunda didaa jira,'' jedhaniin.

Torbee Tiraamp hogganaa Raashiyaa Alaaskaatti argataniifi hogganoota Awurooppaa ammoo Waashingitanitti dubbisan waraana kana waan dhaabuun danda'amu miti jedhan.

Gaafa Wiixataa hogganaa Raashiyaa bibilaan erga dubbisanii walgahii Puutiniifi Zeleeniskii akka mijeessan isaan ammoo boodarra akka itti dabalaman himanii ture.

Tarkaanfii kana hogganaan Yukireen deeggaranii ture garuu ammoo wabiin nageenyaa akka kennamuuf gaafatan.

''Yukireen akka Raashiyaa miti wal-gahii kanarratti sodaa qabdi,'' jechuun Raashiyaan yeroo marii nagaa kana waraana akka dhaabdu gaafatan.

Magaalaa guddoo Yukireen Kiiviin kan daawwatan hogganaan olaanaa NATO Maark Ruut Awurooppaafi US waliin wal-dhibsee kana cabsuun Puutin ''lammata Yukireen akka hin haleelle,'' ture kaayyoo isaanii.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Zeleniskiin gamasaaniin wabii nageenyaa akka barbaadan yoo ibsan keewwata NATO biyya miseensaa tokko irratti haleellaan taasifamu haleellaa hundarratti taasifamu isa jedhu eeran.

Maark dhaabbannisaanii Yukireen wajjin hojjechaa akka jiruufi wabii nageenyaa waan jedhu deebisanii hiikkaasa sirreessuu, loltuu Yukireen jabeessuufi warri Lixaa deeggarsa isaanii akka haaressan gochuu irratti hojjechaa akka turan himan.

Bu'aansaa maal taha kan jedhu himuuf ammallee ganaa dha.

Zeleeniskiin tattaaffii dippiloomaasii miilanaa kanarraa bu'aan argamuusaaf ''amantii xiqqoon qaba,'' jedhan.

''Maaliif yoo jettaan Yukireen wabii nageenyaa barbaaddi kunimmoo Ameerikaa malee Awurooppaan waan hunda nuu kennuu hin danda'u.

Kun akkatti dhumu hin beeku garuu isa yeroo darberra hinuma fooyya'aa'' jedhan.

''Waashingitan tokkummaa qabaachuu argineerra garuu ammallee siyaasuma waan taheef tarkaanfii jalqabaa qaama wabii nagneeyaa irratti hojjeturraa eegamu dha,'' jedhan.

Ministarri Hajaa Raashiyaa garuu miidiyaa NBS irratti dhiyaatanii ''walgahiin karoorfame hin jiru,'' jedhan.

Sergee Laavroov Raashiyaan dhimmoota Tiraamp Alaaskaatti kaasan baayyee irratti dubbachuuf eeyyama qabaachuu himanii turan.

Yukireen fedhii wal-fakkaataa akka hin qabaanneefi adeemsa kana gara waliigaltee nagaatti luuccessaa jirti jechuun himatan.

Laavroov ''qajeelfamoonni Waashingitan amantuifi fudhatama qaban baayyee dha,'' jedhan.

Yukireen miseensa NATO tahuu hin qabud kan jedhuufi dhimma daangaa ''Zeleniskiin waan hunda dide,'' jechuu Laavroov dubbatan.