Ejjennoo Puutin hin sochoone duuba maaltu jira?

Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin

Madda suuraa, SPUTNIK/KREMLIN POOL/EPA/Shutterstock

Yeroo tokko tokko waan jedhaman miti kan dhiibbaa guddaa uuman.

Deebii kennamudha.

Vilaadmiir Puutin Raashiyaa keessa Baha Fagoorraa warra Lixaaf akeekkachiisa erge: waa'ee loltoota erguu gochaan dhiisaatii hin yaadiinaallee - kun ammoo Yukireen keessatti nagaa eegsisuu dabalatee gonkumaa ta'uu hin qabu jedhe.

"Loltoonni ta'an achi keessatti argamnaan, keessumaa yeroo lolli gaggeeffamaa jiru kanatti, kun irratti xiyyeeffannoo barbadeessuuf akka ka'umsaatti waan nu gargaaruuf achumarraa kaana," jedhe.

Kana jechuu isaatti aansee deebiitu kenname.

Hirmaattonni fooramii dinagdee Vilaadiivostook keessatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaataa jiran hamilee guddaan cookan.

Aanga'oonniifi gaggeessitoonni biizinasii Raashiyaa kunneen sagalee guddaa dhageessisuun doorsisa "loltoota warra Lixaa barbadeessuu" jedhu kana hamileen simatan.

Miira mana sana keessa ture ilaaleen, sagalee guddaan hamileen deebii isaan kennan xiqqoo garaa nama hammeessa jedha gulaalaan BBC Raashiyaa Roozenberg.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taateen kun ammoo michoonni Kiiv (Yukireen) maqaa Tumsa Fedhiirratti Hundaa'e [Coalition of the Willing] jedhaman waraanaan booda Yukireeniif "humna wabuu mirkaneessu" akka gumaachan waadaa seenuu isaaniin guyyaa tokkoon boodadha.

Hirmaattonni kunneen yeroo gaggeessaan Kireemiliin kun Pirezidantii Yukireen Volodmiir Zeleniskii waliin wal arguudhaaf qophiidha - garuu biyyoo biyya keenyaarratti qofa jedhee dubbatettis ibsa gammachuu dhageessisaniin lafti qodaa xaxate.

"Kanaaf bakki hunca caalaa filatamaa ta'e magaalaa guddoo Raashiyaa, Magaalaa Gootaa Mooskoodha, jedhe Puutin.

Raashiyaatiin alatti, yaada Puutin dhiyeesse garaarraa kan ta'e miti jechuun fudhatama dhabeera, tasuma kan jalqabamuullee hin danda'amnedha.

Dhimma harkisoo siyaasaa qofadha.

Haata'u malee, karaa baayyeetiin waraana Yukireen keessatti gaggeessaa jirtu ilaalchisee ejjennoo Kireemiliin kan ifatti mul'isudha: "Eyyeen, nagaa ni barbaadna, garuu akka ofii keenyaan feenutti yoo ta'e qofa. Akka nuti barbaadnutti hin fudhattanii? Akkas taanaan nagaan hin jiru."

Ejjennoon hin sochoone kun waan lamarraa kan dhufedha.

Tokkoffaan, Kireemiliin humnoonni Raashiyaa Yaddawwan waraanaa Yukireen keessatti gaggeessaa jiraniin itti milkaa'aa jirti jettee amanti.

Lamaffaa, milkaa'ina dippilomaasiidha. Torban kana Chaayinaa keessatti, Puutin hoggantoota addunyaa fuula gammachuun harka fuudheera.

Agarsiisnu kun hundi Raashiyaan michoota humna qaban warra akka Chaayinaa, Indiyaa fi Kooriyaa Kaabaa qabdi kan jedhudha.

Ameerikaan ammoo jirti. Ji'a darbe Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp walga'iif Puutiniin Alaaskaatti hafeeree wal arganii ture.

Yeroo Puutin hafeerraa Tiraamp irratti argamuu Alaaskaa turetti ammoo beektonni deeggartoota Kireemiliin ta'an achirratti argamuu isaa dhimma waraana Yukireen irratti yaalii biyyoonni Lixaa Raashiyaa qofaatti baasuuf turte kan karaatti hambisedha jechuun jajachaa turan.

Kireemiliin akka lola dhaabdu amansiisuudhaaf Tiraamp kanaan dura guyyaa dhumaa kaa'eef ture; Raashiyaan guyyaa dhumaa sana hojiirra oolchitee nagaa yoo hin buusne qoqqobbii dabalataa akka irra kaa'anis dhaadatee ture.

Haata'u malee, Tiraamp akka jedhe doorsisa sana hordofuu dhiiseera - kunis Raashiyaan akka ofitti amanamummaa qabaattu sababa godhe biraadha.

Puutin ifatti carraaqqii Tiraamp nagaan akka bu'u godheef dinqisiifateera. Akkas ta'ees yaada dhukaasa dhaabuu Tiraamp dhiyeesse ammoo fudhachuu dideera. Diduu qofaa osoo hin taane, waraana Yukireen keessatti gaggeessaa jiraniif fedhii ejjennoo laaffisuullee hin qaban.

Kanaaf, kun abdii nagaa eessatti dhiisa?

Puutin dhiheenya kana '' fagootti cuuroo ifaa arguu akka danda'u dubbateera.

Yeroo ammaa kana gama tokkoon Raashiyaan, gama kaaniin ammoo Yukireen fi Awurooppaan (fi hamma tokko Ameerikaan) fiixeerra daandii adda addaarratti, bakka adda addaa waan qaban natti fakkaata jedha Roozenbarg.

Yukireen fi Awurooppaan lola kana xumuruu, wabii nageenyaa Kiiv qopheessuu fi waraanni Yukireen waraanaan booda cimaa ta'ee weerara biraa akka hin uumamne gochuu irratti xiyyeeffataniiru.

Puutin waa'ee "fagootti cuuroo ifaa arguu " yeroo dubbatu, daandii gara injifannoo Raashiyaan Yukireen keessatti gonfattutti geessuufi bal'inaan ammoo, ijaarsa sirna addunyaa haaraa Raashiyaan fayyadamtutti geessu tilmaama jedheen amana jedha gulaalaan kun.

Gama nagaatiin daandiiwwan gurguddoon baayyee adda ta'an lamaan kun eessatti fi yoom akka walitti dhufan ilaaluun rakkisaadha.