Hojii aartii Sooviyeet waggootaaf ittiin Ambaasaaddara Ameerikaa basaaste

Meeshaan ogummaa harkaa Soviyeeti ittiin hojii basaasa Ameerikaarratti raawwattte

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Meeshaan ogummaa harkaa ykn aartii akkamiin basaasa hojjete? Barrisaa bara 1945 ture.

Bara biyyoonni jajjaboon addunyaa lamaan, Gamtaan Sooviyeetii fi Ameerikaan dorgommii keessa turan.

Bara warri lixaa kaappitaalizimii leellisanii fi kaan ammoo Komunizimii leellisuun tokko tokkorratti olaantummaa argachuuf dhama'aa turan. Barri suni waraana Hololaa (Cold War) jedhamuunis beekama.

Yeroo kanattis hojiin ogummaa harkaa Gamtaa Sooviyeetiin hojjetameefi meeshaan sagalee waraabu dhoksaan keessatti hojjetame Tika warra Ameerikaatiin osoo hin baramin waggoota torbaaf ture.

Yeroon isaa Waggaa 80 dura yeroo waraanni addunyaa 2ffaan xumuramaa ture. Gareen warra Raashiyaa Ambaasaaddara Ameerikaa Mooskoo jiraniif kennaa kennan.

Kennaan kun ammoo ogummaa harkaa kan loogoo Mootummaa Ameerikaa ofirraa qabu. Gareen warra Raashiya kun bakka imbaasiin Ameerikaa itti argamu Ispoozoo jedhamu deemuuni kennaa kana kan kennan.

Kennaan kunis hariiroo Ameerikaa fi Raashiyaan yeroo waraana Addunyaa lammafaa qabaatan kan agarsiisu ture. Ambaasaaddarri Ameerikaa yeroo sanaa Debliiwu Ivreel Harimaanis kennaa kana waggoota torbaaf kabajaan keenyaan irratti fannisanii ture.

Haata'u malee, isaanis ta'e qaamoleen tikaa isaanii kan hin beekne ogummaa harkaa kana irratti meeshaan sagalee waraabu dhoksaan keessatti tolfamee ture.

Meeshaan ogummaa harkaa kana keessatti dhokfamee tures mariiwwan dipilomaasii dabalatee wantoota haasa'aman hunda waraabee Sooviyeetiif dabarsaa ture.

Gamtaan Sooviyeet meeshaa ogummaa harkaa fayyadamuun odeeffannoo diinaa fayyadamuu Istiraateejii milkaa'aa ta'e fayyadamte.

Ogummaan harkaa Sooviyeet basaasaf fayyadamte kuni ololaan kan himamu Fardeen mukarraa tolfamanii fi Fardeen Tiroojaan jedhamanii kan beekaman Giriik diina ittiin moo'achuuf fayyadamtetti aanee gamnuma isa ijoodha jedhame.

Kan sooviyeet kuni haallisaa oduu holola fakkaatu ta'ulleen garuu taatee qabatamaadha.

 Joon Litiil's meeshaa basaasaa faallaa basaasaa hojjate

Madda suuraa, John Little

Meeshaan warri Tika Ameerikaa 'The Thing' jedhanii moggaasan kun akkamiin hojjeta?

Ogeessi basaasaa fi Tikaa Joon Liitil jedhamu kan ganna 79 ta'e, meeshaa kanaan walqabatee guddoo jajamaa ture.

Hojii kana kan agarsiisu fiilmiin Liitil jedhamu dhiheenya kan bahe yoo ta'u, ji'a itti aanu keessa muuziyeemii Baakingihamshaayeritti agarsiisaaf dhihaata jedhamee eegama.

Ogeessichi meeshaa 'The Thing' jedhamu, kan dhoksaan sagalee waraabu kana kan ibsan meeshaalee muuziqaatini.

Akka uluullee hafuura sagaleetti kan jijjiiru, yookan ammoo dibbeen yeroo rukutamu kirkirri gara gurraa seenee sagalee akkaataa itti uumuun walfakkeessu.

Meeshaan kuni hammaan baayyee xiqqoo fi waan akka qoobii irratti akka faaya bareedinaatti suuqamuu dandeessu.

Meeshichi sakatta'iinsa kamuu darbuu kan danda'u yoo ta'u, baatirii Elektirooniksii kan hin qabnee fi hoo'as hin uumne.

Ogummaan mahandisummaa meeshaa kanarratti hojiirra oole waan hedduu nama raaju.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hayyuun seenaa Echi Ke Kit Melten, meeshaan 'The Thing' jedhamtu kuni hordoffii sagalaee ammaan dura hin danda'amu jedhamee ture sadarkaa yaaduuf ulfaatutti kan ceesifte jechuun ibsu.

Ogummaan harkaa suni mana jireenyaa Amsaadaarrichaatti kan kennameef yoo ta'u meeshaa sagalee waraabdu kan faayicha keessa dhokfamte kanaaf gamoo dhiheenya san jirurratti dabarsituun fageenyaa akka ifuuf ta'ee hojjetame.

Kunis dambalii guddaa garasitti erguun, anteenaa meeshittii irraa dhikkifni akka bahu gochuuf dandeessise.

Ogummaa harkaa kana irratti meeshaan sagalee waraabu hojjetamuun kan barame bara 1951tti.

Opereetarri raadiyoo loltoota Biriitaaniyaa Mooskoo buufatee jiru meeshaan The Thing dambalii sirrii fayyadamu akka tasaa argachuusaani meeshaan kuni jiraachun kan barame.

Kanaanis opereetarichi fageenyarraa kiutaa wayii keessaa waldubbii erga dhagaheen booda hordoffiin taasifame.

Waggaasaatti teeknishaanonni Ameerikaa mana jireenyaa Ambaasaadarichaa keessatti sakatta'iinsa taasisan.

Sakatta'iinsa guyyootaa boodas hojiin ogummaa harkaa loogoo Ameerikaa qabate kana gama duubaa akka hin hin mul'annetti meeshaan sagalee mariiwwan ambaasadarichaa waraabu argatan.

Ogumuma harkaa akka meeshaa basaasaatti

Teeknishaanni Raashiyaa fi too'ataan meeshaa 'The Thing' milkaa'ina meeshaa kanaa yeroo ibsu, "Yeroo dheeraaf yeroo waraana Ololaa keessa biyyi keenya odeeffannoowan murteessoo ta'an akka argattu gochuun gaariitti akka gurmooftu godheera" jedhan.

Meeshaan basaasaa akka 'The Thing' fakkaatan kan Raashiyaan warra lixaa basaasuuf dhimma itti baatu hangam akka hojiirra oolan dhaabbilee basaasaa Raashiyaatiin ala namni beeku hin jiru.

Milkaa'inni basaasummaa ijoon meeshaa 'The Thing' ammoo haala teeknikaa isheerraa kan madde.

Meeshaan basaasaa tun meeshaalee miidhaginaa ilaalcha keessa galchuun kan kalaqamtedha.

Kunis meeshaaleen ogummaa harkaa aadaa fi bareedina agarsiisuun alatti kaayyoo biraa niqabaatu jedhamee hin yaadamu waan ta'eefi.

Dhaabbileen tikaa Raashiyaas kana xiyyeeffannaa keessa galchuuni kan ogummaa harkaa mukarraa hojjetame kanatti dhimma bahan.

Meeshaan ogummaa harkaa basaasaa fi toftaa waraanaaf oole 'The Thing' qofa miti.

Seenaa yoo qorannu ogeessi Bobbocaa beekamaan Liyoonaardoo Daaviinchii suura Monaalizaa kaasuun cinaatti taankiiwwanii fi meeshaalee waraanaa mishigii cabsuuf oolanis bu'uuresseera.

Kalaqaan 'The things's' Liiyoon Termiin meeshaal elekitironikii isa jalqabaa maqaasaatiin moggaafame kalaqe

Madda suuraa, Getty Images

Ogeessi suuraa beekamaan Piiter Pawul Rebensen waraana waggoota 30 keessatti basaasaa ture.

Yeroo waraana Addunyaa Tokkoffaa fi lammaffaatti Artistoonni hedduun biyyoota adda addaa irraa ta'an aartii akka dahootti fayyadamuun kaayyoo isaanii galmaan gahuuf oolchaniiru.

Qorataan seenaa beekamaan Biriitaaniyaa Antoni Bilenti yeroo waraana Addunyaa lammaffaa fi yeroo waraana Ololaa basaasaa Raashiyaa ture.

Gara 'The Thing' tti yeroo deebinus seenaan muuziqaa wiirtu dhimma kanaa ta'ee argina. Meeshaa kana kan kalaqe Loov Sargeyivich Termen yookan Liyoon Termin jedhamee kan waamamu lammii Sooviyeet yoo ta'u, ogeessa muuziqaa cimaa fi abbaa kalaqa hedduuti.

Ogeessi muuziqaa kuni nama jalqabaa meeshaa Elektiroonikii kalaqedha jedhamees himama. Meeshaan muuziqaa kuni maqaa isaatin kan mogga'e yoo ta'u, Teremin jedhamuun waamama.

Meeshicha osoo hin tuqin qilleensarratti harka sochoosun anteenaawwan nootiiwwan muuziqaa akka qabatan gochuun meeshaa muuziqaa taphatamuudha.

'The Thing' erga argamteen booda dhimmichi namoota basaasaa Ameerikaatiin iccitii ta'ee tursiifame.

Grauu bara 1960 yeroo dorgommiin meeshaa nukilaraa samii tuqetti xiyyaarri basaasaa Ameerikaa Yutu jedhamu dachii sooviyeet irratti rukutamee kufe.

Raafama dipilomaasii mudate kana hordofees angaa'aan ministeera haajaa alaa Ameerikaa, yeroo waraana Ololaatti basaasni kan qaama tokko qofaa akka hin turre agarsiisuuf waa'ee meeshaa sagalee waraabduu ogummaa harkaa keessatti dhokfamee ture kanaa yaa'ii mana marii nageenyaa dhaabbata biyyoota gamtoomanii irratti dhiheessan.

Manni jireenyaa Ambaasaaddarichaa basaasamuun caba tikaa ta'uu ibsuuf "Taatee snaa ifatti dubbachuuf xayyaarri basaasaa rukutamee kufuu qaba ture" jedhu Joon Liitil.

Haata'u malee, akkaataan iccitaawaan meeshaan 'The Thing' ittiin dhokfamtee hojiirra oolte suni uummataaf osoo hin ibsamin ture.

Ta'ulleen ogeessonni basaasaa Biriitaaniyaa maqaa Koodii 'SATYR' Jedhuun qorannoo gadi fagoo irratti taasisan.

Qabiyyeen isaa gadi fagoon iccitii mootummaa ta'ee tursu, qondaalli nageenyaa duraanii piitar Raayit bara 1987 yaadannoo isaanii 'spycatcher' jedhu irratti ifoomsan.

'The Thing' teeknikaan akka malee fagaachuun yeroo waraana ololaatti tapha basaasaa taasifamaa ture keessatti qorattoota seenaatiin hedduu jajamte.

Ogeessonni muuziqaa Kilaasikaalaa meeshaa basaasaa akkana hojjechuun isaanii, ogummaan harkaa odeeffannoowwan loltummaa sassaabuuf ooluu kan nama yaadachiisu qaama seenaa dhokataa tureeti.