Namni tokko basaasaa tahuuf dandeettiin addaa isa barbaachisu maali?

Nama kompiitaraan marfame

Madda suuraa, Getty Images

Qajeelfamni basaasummaa jalqabaa, basaasaa hin fakkaatiin kan jedhu dha jedhama.

Basaasaan garuu maal fakkaata?

Fiilmiiwwan basaasaa nama hordofu yoo taate amalli taatoowwan achi keessatti argitu qabatamaan namni basaasaa tahus isaaniin fakkaachuu mala jettee yaaduu dandeessa.

Addunyaan basaastotaa dhugaan, addunyaa isa asoosamaa hin fakkaatu. Kana basaastota Ingliizii maqaa isaanii sirrii hin himanetu dubbate.

Bara 1953 asoosamni Kaasinoo Rooyaal, barreessaa Ingiliiz Iyaan Fileemiing jedhamuun katabame maxxansaaf oole.

Ergasii asoosamni taatoo ijoo basaasaa tahe qabu kuni fiilmiitti geeddaramuun hamma har'aatti ilaalamaa jira.

Basaasaan fiilmii kana keessatti hojjetu Jeems Boond maqaa sobaa, koodii (007) jedhamuun socho'a.

Taatoon kuni amala namni idilee hin agarsiisnetu irraa mul'ata. Simboo qabeessaafi muddama keessatti nama tasagabbiin hojjetu dha.

Gaafa lolu akka leencaati, odeeffannoo loosee, baasee gaafa fudhatu namuu irratti hin baru.

Qalbii namaa hawwachuun dandeettii uumamaan gonfate fakkaata. Konkolaataa qananii oofa, yeroo kaan ammoo dubartii waliin kachachala jaalalaa keessatti of arga.

Dhugaatii Voodkaa maartiinii jedhamu unachaati imala, suufiin uffatu mudaa hin qabu.

Yeroo baayyee diina wajjin fuulaafi fuulatti baheetu morkata. Taatoo kana kan adda isa taasisu tokko ergama basaasaa irra yeroo jiru eeyyama nama ajjeesuu qabaachuusaati.

Dalagaansaa maratti aangoo ilma namaan ol tahe kan qabu isa fakkeessa.

Ejantoonni tikaa Biriiteen dhugaa hoo hojiinsaanii maal fakkaata?

'Basaasaa Jeems Boond fakkaatu argee hin beeku'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

UK keessa tajaajila tikaa ykn basaasaa ejansiiwwan hojjetan sadiitu jira.

Isaanis MI5, MI6 fi GCHQ, jedhamu.

MI5, tajaajila tikaa biyya keessaafi yaaddoo nageenyaa irratti xiyyeeffachuun hojjeta.

MI6, inni kuni tajaajila tikaa odeeffannoo biyya alaa irraa funaanu dha.

GCHQ, teeknolojii fayyadamuun dhoksaan oppireeshinii icciitii dhaggeeffachuu irratti xiyyeefatee hojjeta. Kunis odeeffannoo bilbilaafi saatalaayitii dhoksaan funaanuu dabalata.

Daan Loomaas Yunivarsiitii Biruuneelitti barsiisaa tikaa fi dhimma nageenyaati.

Ejantoonni ykn basaastonni ''ani kana dura arge tokkoon isaaniyyuu Jeems Boondi hin fakkaatan, dhiifama,'' jedhe.

Tajaajilli tikaa UK waggoota keessatti gaafatamni rakkisaa danuu isa mudateera jedha.

Yeroo Waraana Lammaffaa Addunyaa Naazii Jarmanii irraa odeeffannoo baasuu, Waraana Ololaa keessatti Gamataa Sooviyeet faana bu'uu, ergasii immoo jabaachuu Raashiyaafi Chaayinaa akkasumas yaaddoo shororkeessummaa dha jedha.

Seenaa keessatti basaasaa filachuun waan ifatti raawwatu hin turre.

Hojii basaasaaf yoo filamte namni wayii dhufee gateettii kee qaqqabee mallattoon sitti dubbata.

Aadaa basaastotaa keessatti kuni ''icciitiin basaasummaaf filamteetta'' jechuu dha.

Hojii kanaaf otoo hin iyyatiin sababa dandeettii, ciminaa, abshaalummaa akkasumas tajaajila waraanaa ykn hojii mootummaa keessatti agarsiisteen filamuu kee agarsiisa.

Haala kanaan filamuun icciitii, kabajaafi jajamuu agarsiisa.

Jaamii Kaaskaart Yunivarsiitii Oppeen keessatti barsiisaa Imaammata Hajaa Alaafi Hariiroo Idil-addunyaati.

Jaamiin yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa dubartoonni basaastota 'ajaa'ibaa' tahuu akka danda'an mirkaneessaniiru jedha.

Haa tahu malee ejensiin tikaa biyyattii Waraana Addunyaa Lammaffaa booda dhiirotaafi namoota seen-duubee sadarkaa jireenyaa olaanaa qofa filachuutti deebi'e jedha.

Hamma bara 1973tti dubartoonni yoo heerumuu barbaadan hojiisaanii basaasummaa dhiisuutu irraa eegama ture.

Dhaabbati basaasaa biyya alaa UK MI6 waggaa 116 keessatti yeroo jalqabaaf bara kana dubartii hoggantummaaf filateera.

Bileez Meetreeweelii dhaabbata basaasaa UK kana keessatti hojii kan jalqabde bara 1999 yoo tahu, hoggantuu dhaabbatichaa 18ffaa tahuun Sar Richaard Moor irraa bara kana aangoo fudhatti.

Amma namoonni jaalattoota saala wal-fakkaataa tahanis tajaajila basaasaa keessatti hirmaachuun eeyyamameeraafi.

UK keessatti hojii basaasummaa keessati hirmaachuu yoo feete marsariitii dhaabichaa dhaquun iyyata galfachuu dandeessa.

Kamaalaan xiinxaltuu odeeffannoo tikaa UK yoo taatu hojii kana iyyata galchitee akka argatte himti.

''Ejansii kana keessa waggaa shaniif hojjedheera jalqaba yeroon iyyata galchu gosti hojiisaa maal akka ture bal'inaan hin ibsamne, garuu ani hojii mootummaa dalaguu waanin barbaaduuf iyyadhee hojicha argadhe,'' jetti.

Jaamiin namni hojii tajaajila tikaaf filamu amala adda tahe tokkoon miti kan filamu jedha.

''Obsa, hojii waloo irratti hirmaachuu, gara laafummaa akkasumas haala adda taheen rakkoo dhaaf furmaata laachuun amaloota basaasaan tokko isa barbaachsian,'' tahuu GCHQ keessatti Hoggantuu Tarsiimoo tahuun kan hojjettu Joo Kaavaan dubbatti.

Amalli basaasaaf murteessaa tahe tokko garuu jira. ''Of eeggannoo!''

Taatoo Jeemsi Boond

Madda suuraa, Columbia Pictures

'Afuuftuun basaastuu hin tahu'

Nama tajaajila tikaa keessatti hojjetu yoo taate amalli murteessaa ati akka qabaattu sirraa eegamu tokko jira innis ''of eeggataa'' tahuu qabda.

Jaamiin ''namni basaasummaan hojjetu mana dhugaatii taa'ee ykn hiriyyootasaa biratti waa'ee hojiisaa munaaguu hin danda'u, sababiinsaas odeeffannoo biyya saaxiluu danda'u waan baasuufi,'' jedha.

Joo'n ajansii MI5 keessatti humna namaa filachuu keessatti hojjetti.

''Gorsi kennite maatii ykn hiriyyaa dhihoo jiruutti basaasaa tahuu himuu dandeessa,'' kan jedhu dha,'' .

Joohon fakkeenyaaf yeroo hojii MI6'f iyyata galchee maatiisaatti yeroosuma himuu dubbata.

''Abbaa kootti yeroosuman itti hime. Abbaan koo kitaaba asoosama basaasaa John Le Carre fidee af-gaaffiif dhiyaachuu keen dura 'kana dubbisi,' naan jedhe, kitaabichi hamma tahe na gargaareera,'' jedha.

''Obbolaa kootti yeroo dheeraaf itti hin himne, sababiinsaas anaan tiksuuf dirqama akka qabanitti akka isaanitti dhagahamu hin barbaanne,'' jedha.

Joo'n gamasheen ''abbaa warraa koo ammaatti dhaabbata kanaaf akkaan hojjedhu wal barree ji'a jaha boodan itti hime,'' jetti.

Hojjettoonni dhaaba kanaa yeroo baayyee ''siviil sarviisii'' keessaa akka hojjetan yoo himan kaan ammoo gaaffii kana jallisanii deeebisuurraa of qustau.

Namoonni gariin MI5 keessaa hojjechuuf iyyata galchan yaada akkaan adda tahe fidanii dhufu jetti Joo'n

''Hojjetaan tokko 'yeroon hojii dhufu uffatuma koo keewwadheen dhufa moo waan eenyummaa koo dhoksun uffachuu qaba,'' jedhee gaafateeraa jetti.

''Hunda keessaa kan natti tolu, inni tokko akkuma qacarameen ''asii hojjechuuf jaalalee koo dhiisuun qabaa? Yoo dhiisi naan jettan- nan dhiisa jedhe,'' jetti.

Basaasaan basaasaa jedhee of waamaa?

Eeyyee!

Tahus dhimma yeroo baayyee akkas jedhanii kan himatan miti.

Joo'n akka jettutti, ''waan hojjennuufi eenyuuf akka hojjennu namatti hin himnu jechuun cirumaa waa'ee hojii keenyaa hin haasofnu jechuu miti. Garuu afaanii baastee ''ani basaastuu dha' waan jettu mitii jetti.

Joohon immoo gamasaan MI6 basaasaa jedhamee waamamu akka hin jibbine dubbata. ''Basaasaa dha jedheen of yaada, hojii kooti waan taheef, odeeffannoo funaanuuf as jirra. Kana kan raawwannu ammoo kaayyoo gaariifidha. Biyyaa keenya tiksuuf nagaa eegsisuufi. Tahus basaasaa dha jedheen of ibsuu irraa rakkoo hin qabu,'' jedhe.

''Hamma yoonaa jireenya koo keessatti nama shanitti basaasaa tahuu himeera, ati nama jahaffaa dha,'' jedha.

Keet waan Joohon jedhu waliin waliigalti. ''Waan hojjettu amantee fudhachuu qabda,'' jetti.

''Icciitii qorataa oolla, daldalli keenya sana, hojii keenya waan taheef amannee fudhachuu qabna,'' jetti.

Basaasaa argachuun rakkisaa dha?

Eeyyee fi lakkii.

Namni waajira MI5 daawwachuu qabu bilbilasaa balbala irratti dhiiseetu keessa seena.

Hojjettoonni dhaabichaa keesumaa ijoollee qaban garuu ''teeknolojii adda taheen mana barumsaa irraa isaaniif bilbilamuufi daa'ima isaanii danda'u,''

Joo'n haadha mucaa yoo taatu, ''haala manni barumsaa nuu bilbiluu hin dandeenye keessa seennee hin beeknu.

Daa'imni koo dhukkubsattee waajiratti bilbila kaasuu hin danda'u jedheen yoon yaade hojiiyyuu waanin dhufu natti hin fakkaatu,'' jetti.

Isa basaastuun mobaayilii hin qabatan jedhamu hoo jedhamnaan, ''bilbila yeroo hunda harkatti qabachuu dhiisuun gaarii dha. Itti barta,'' jette.