Dhaabbanni basaasaa UK waggaa 116 keessatti yeroo jalqabaaf hoggantuu dubartii muude

Waajira Tikaa UK

Madda suuraa, Getty Images

Dhaabbati basaasaa biyya alaa UK waggaa 116 keessatti yeroo jalqabaaf dubartii hoggantummaaf filate.

Bileez Meetreeweelii dhaabbata basaasaa UK kana keessatti hojii kan jalqabde bara 1999 yoo tahu, hoggantuu dhaabbatichaa 18ffaa tahuun Sar Richaard Moor irraa bara kana aangoo fudhatti.

Yeroo ammaa kana tajaajila teeknolojiifi kalaqaa irratti itti gaafatamtuu yoo taatu akka hooggantu gaafatamuusheen ''kabajni natti dhagahama'' jette.

Ministirri Mummee UK Sar Keer Istaamar filatamuushee ''seena-qabeessa'' ittiin jechuun, tajaajilli basaasaa yeroo ammaa caalaa yeroon itti barbaachisu hin jiru jedhan.

Hojiin MI6 biyyoota alaa irraa odeeffannoo funaanuun nageenya UK fooyyeessuu yoo tahu, kaayyoonsaas shororkeessummaa dhaabuu, sochii biyyoota rakkoo uumanii fashaleessuufi eegumsa saayibarii deeggaruu dha.

Dhaabbata kana keessatti nama hoggantummaa olaanaarratti jiru qofatu uummatatti maqaan beekama. Namni hoggantummaa irra jiru kunis ''C'' jedhama.

Aadde Bileez nama ganna 47 yoo taatu, otoo aangoo kanaaf hin filamiin maqaa 'Q' jedhuun kan beekamtu yoo tahu, damee teeknolojii fi kalaqaa eenyummaa basaastotaa dhoksuufi sakatta'insa cimaa baayoomeetriiki Chaayinaafaa jalaa miliquun akkatti danda'amu irratti hojii hojjetamu hogganti ture.

''Dhaabbanni basaasaa MI6 jedhamu kuni kanneen MI5 fi GCHQ jedhaman wajjin tahuun nageenya uummata Biriitish eeguufi fedhii UK biyyoota alaa irratti qabdu eegsisuu irratti hojjetu,'' jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Hojii kana qondaalota keenya jajjaboo fi basaastota MI6 akkasumas michoota alaa baayyee waliin tahuun hojii kana itti fufna,'' jette.

Aadde Bileez Yunivarsiitii Keembiriijitti damee barnootaa antirooppoolojiin kan eebbifamte yoo tahu kanaan dura damee basaasaa MI5 jedhamu ejansii tikaa biyya keessatti hoggantummaan akkasumas hojiidhaan Baha Gidduugalaafi Awurooppaa keessatti dabarsiteetti.

Tajaajila dhimma alaa keessatti gumaacha isheen Biriiteeniif taasisteen bara 2024tti mootii biyyattiin beekamtii argateetti.

Bara 2021 yeroo hoggantuu MI5 turte maqaa sobaa "Director K" jedhuun miidiyaa Teeleegiraafitti yaaddoon nageenyaa biyyaalessaa UK ''bifa garagaraa qaba,'' jechuun dubbattee turte.

''Yaaddoon guddaan ijoon nuti irratti eegumsa taasifnu mootummaa, icciitii biyyaafi uummata keenya kunis diinagdee, teeknolojii eegamuu qabuufi odeeffannoo murteessaa tahe dha,'' jetteetti.

''Sochiin mootummaa Raashiyaa ammallee yaaddoo dha,'' Chaayinaan akkasuma ''akkaataa addunyaan jiru geeddaraa jirti UK'f carraafi yaaddoo fiddu qabdi,'' jettee ture.

Hoggantuun kuni maqaa 'C' jedhuun maal dalagdi?

Maqaan ''C'' nama hoggantummaa dhaaba basaasaa MI6 irra taa'uuf kan kennamu yoo tahu odeeffannoo biyyaa alaa funaanuun ministeera hajaa alaa UKf gabaasa.

Kana malees ''C''n koree tikaa dameelee qondaalota mootummaa dabalatu wajjin hojjeta. Gabaasa basaasaa fudhataa, haala yeroo xiinxalaa akkasumas ministira mummee gorsa.

Yeroo baayyee qubeen ''C'' jecha hogganaa ''Cheif'' jedhu agarsiisuuf faayidaarra waan oolu fakkaata. Garuu miti. Dhaabbanni basaasaa Biriiteen Biiroo Tajaajila Icciitii jedhamuun beekamu bara 1900 hundeeffame.

Yeroos qondaala humna galaanaa Kaapiteen Maansfiild Kaamiing(Cumming) jedhamutu dhaabbata kana hoggane.

Innis yeroo mallatteessu qube ''C'' waan fayyadamaa tureef akka maqaa koodiitti hafee ammallee faayidaarra oolaa jira.

Kaapteen Kaamiing kobbee halluu magariisaan barreessa ture. Hamma har'aattii hogganaa MI6 nama tahe qofaatu halluu magariisaan barreessuu danda'a.

Namni dhaaba kana hogganu jechuunis ''C''n nama ajjeesuudhaaf eeyyama qaba? Lakki.

Haa tahu malee dhaabbanni dhimma alaa biyyattii labsii tajaajila tikaa 1994 baheen tarkaanfii namni biraan otoo godhee yakka tahuu malu raawwachuuf eeyyama qaba. Kunis garuu adeemsa seeraa dheeraafi wal-xaxaa qaba.