Basaasaa CIA icciitii Ameerikaa Sooviyeetiif dabarsuun miidhaa guddaa geessise

Aldirich Ames waggoota dheeraaf odeeffannoo iccitii Sooviyeet Raashiyaatti gurguraa ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aldirich Ames waggoota dheeraaf odeeffannoo iccitii Sooviyeet Raashiyaatti gurguraa ture

Aldiriich Ames jedhama, waggoota kurnaniif lakkaa'amaniif odeeffannoo icciitii Sooviyeet-Raashiyaatti gurguraa ture.

Hojii basaasa icciitii 100 ol dabarsee kennuurratti hojjeteera.

Basaaastonni biyyoota Lixaa hanga 10 ta'an sababa Aldirichiin ajjeefaman.

Gama lachuuf kan basaasu Aldirich bara 1994 hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.

Oleg Gordiviskii gama lachuuf basaasa. Yeroo Landanitti ittigaafatamaa dhaabbata basaasaa Raashiyaa KGB ture ni basaasa.

Dhoksaan dhaabbata basaasaa Yunaayitid Kingidam MI6 keessatti hojjechaa ture.

Gaaf tokko Mooskoo dhaqe. Sa'aatii shaniif qoratamee, reebamee, dadhabee ture.

Ajjeefamuuf erga ka'ee yeroo muraasa keessatti konkolaataa M16 Mooskoo keessaa baase.

"Waggaa sagaliif eenyu akka na saaxile adda baasuuf yaalaan ture. Amma garuu adda baaseera," jedha.

Dhugaan jiru kan ba'e yeroo hojjetaa CIA kan ta'e Aldirich mana murtii Ameerikaatti dhiyaate.

''Basaastonni Sooviyeet CIA keessa hojjatan na beekan,'' jechuun Aldirich mana murtiitti ragaa ba'e.

Eenyummaa basaastota 30 biyyoota Lixaaf hojjetanii saaxiluu i opporeshinii 100 hojjechuu amane.

KGBn maqaa Kolokol (Bell) jedhuun isa waama ture.

CIA keessatti miiltoowwan isaa 10 ganee ajjeesise.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kunis hogganaan waraana Sooviyeet Dimitirii Pooliyaakov kan waggoota 20f odeeffannoo warra Lixaaf dabarsaa ture dabalata.

Seenaa Ameerikaa keessatti basaasaa KGB hamaa kan ture Aldirich, hidhaa umurii guutuu itti murtaa'ee oliyyannoo dhiyeessu akka hin dandeenyetti itti murtaa'e.

Yeroo CIA keessatti ittigaafatamaa farra-basaasa Sooviyeet ture Ameerikaa irratti miidhaa guddoo qaqqabsise. Ameerikaan Raashiyaatti basaasa gaggeessitu ni beeka ture.

Basaastota warra Lixaa biroo waliin odeeffannoo wal jijjiiraa ture.

Akka Oleg jedhutti, warri Ameerikaa odeeffannoo bal'aa isaaf kennu, inni odeeffannoo argate dabarsaa ture.

Yeroo sana Aldirich waliin wal baran.

Aldirich odeeffannoo argatu gara KGBtti akka darbu hin beeku ture.

Abbaan Aldirich CIA'f hojjataa waan tureef dargaggummaasaatti hojii kana argate.

Boodarra CIA kan gane ejjennoo isaaf osoo hin taane maallaqaaf akka ture barameera.

Jalqaba haadha warraa isaa Naansii Segbart kan CIA keessa hojjettu waliin gara Turkitti ramadame.

Basaastota akka qacaruuf ergamni laatameef.

Bara faranjootaa 1972 gara CIAtti deebi'e.

Afaan Raashiyaa barate. Basaastota warra Sooviyeet akka basaasuuf kana barate.

Abbaan isaa nama dhugaatii alkoolii jaalatan waan tureef hojii isaa ittifufuu hin dandeenye. Aldirichillee akksuma dhugduu ture.

Bara 1972tti wayita machaa'eetti basaasaan CIA tokko itti dhufe. Odeeffannoo iccitii baabura keessattis gatee bu'ee beeka.

Bara 1981 gara magaalaa Meeksikootti kan geeddarame yoo ta'u, osoo machaa'ee konkolaataa oofuu poolisiin qabee CIA'f eeruun laatame.

Haadha warraa isaa hiikuuf kan murteesse dubartii jila aadaa Kolombiyaa keessa hojjattu Maariyaa de Rosariyoo, CIA'n qacare waliin hariiroo jalqabee booda.

Bara 1983 gara Ameerikaatti yeroo deebi'u, garee basaasa Sooviyeet keessatti hogganaa olaanaa ta'ee odeeffannoo basaasaa CIA argatee ture.

Erga haadha warrasaa duraanii hiikee booda haati warrasaa haaraan maallaqa hedduu baasisaa waan turteef ni rakkate.

Aldrich bara 1994 hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e

Madda suuraa, Alamy

Ibsa waa'ee suuraa, Aldrich bara 1994 hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e

Mana murtiitti akka dubbatetti, maallaqa guddaa liqeeffatee ture.

"Maallaqan barbaada ture. Sababa biraa hin qabu ture," jechuun hojjataa FBI tti hime.

Bara 1985 gara Imbaasii Raashiyaa Waashingitan DC jiru dhaqe. Tarree maqaa basaastota Raashiyaa CIAf hojjetanii kenneef.

Kanaaf, doolaara 50,000 akka kaffalaniif gaafate. Sana booda odeeffannoofi maallaqaan geeddarachuun waggoota sagaliif ittifufe.

Meeshaalee odeeffannoo basaasaa CIA ittiin butan, bakka meeshaaleen hawaa misaa'ela Sooviyeet rukutuu danda'an jiraniifi odeeffannoo dhokataa biroo dabarsee kenne.

Qondaaltota Raashiyaa waliin arguun hojiisaa waan ta'eef namni odeeffannoo dabarsaaf jedhee isaa shakke hin turre.

Basaastotaaf, odeeffannoo bakka kaa'aa ture.

Bakki odeeffannoon sun jiru mallattoo sooftii saanduqa poostaa irratti barreeffameen agarsiifameera.

Seenaa Ameerikaa keessatti basaastuun hamma Aldrich miidhaa geessise hin jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Seenaa Ameerikaa keessatti basaastuun hamma Aldrich miidhaa geessise hin jiru

Aldirich odeeffannoo daddabarsuun, basaastonni CIA Sooviyeet Yuuniyeeen keessatti hojjetan eessa akka jiran akka argatan taasise. US hojii basaasaa ishee dhaabuuf dirqamte.

Akka bakka bu'aan FBI 'Leslie G. Weiser' jedhutti, seenaa Ameerikaa keessatti basaasaan miidhaa akkas guddaa geessise hin jiru.

"Seenaa Ameerikaa keessatti basaasaan hammasaa miidhaa geessise jiraachuu isaa nan shakka. Sababa isaatiin lubbuun namootaa darbeera," jedha.

Shakkiin kan dhalate bara 1986 yeroo basaastoonni CIA Sooviyeet Yuuniyeen keessa jiran akka tasaa baduu jalqabanitti ture. Aldirich garuu odeeffannoo gurguruu hin dhiisne ture.

Odeeffannoo dhoksaa Sooviyeetiif laatuuf doolaara miiliyoona 2.5tti dhiyaatutu kaffalameef.

Mindaan isaa waggaa CIA'n doolaara kuma 70tti hiiqee ture.

Mana haaraa doolaara kuma 540'n bitee baasii guddaan faayaa ture. Konkolaataa Jaaguwar jedhamus bitate.

Bara 1994tti kan hidhame kana booda ture. Shakkamuu kan jalqabe jireenya qananii keessa tureerra ka'uunidha.

Erga hidhamee booda haadha warraa isaarratti murtiin cimaan akka hin murtoofne poolisii waliin waliigale.

Haatii warraan isaas akka dhoksaan odeeffannoo Sooviyeetiif akka kennu beekti turte. Waggaa shan qofa hidhaa erga turtee booda gadhiifamte.

Aldirich Ames qondaala sadarkaa olaanaarra osoo jiruu biyyoota lamaaniif basaasaa ture.

Ammallee mana hidhaa Terre Haute, Indiana keessatti hidhamee jira.