'Marii icciitii olaanaa US'tti ofii na waamanii ammammoo natti duulaa jiru'

Jeeferii Gooldibarg

Gaazexeessaan The Atlantic, Jeeferii Gooldibarg, waa'ee icciitii olaanaa aangawoonni US dogongoraan qoodan miidiyaatti baasuun balaa buuseera.

Eegasii aangawoonni bulchiinsa Pirezidant Tiraamp isatti duulaa jiru. Maqaa baay'ees itti baasan.

Tiraamp gulaalaa barruu 'The Atlantic' kanaan 'dadhabaa' akkasumas 'gantuu' jedhanii arrabsan.

Gorsaan nageenya biyyaalessaa US Mikaa'el Waalz immoo 'nama gatii hin qabne' jedhaniin.

Angawaa kanatu 'dogongoraan' gaazexeessaa kana gartuu miidiyaa hawaasummaa 'Signal'tti affeeruun dabalan.

Gooldibarg aangawoonni olaanoo US kanneen akka Ministira Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo, Ministira Ittisaa Piit Heegset, hogganaa CIA fi kaan yerootti hidhattoota Huutii irratti boombii roobsuuf jedhan inni dursee ragaa jiru bilbila isaarra ilaaleera.

Aangawoonni kuni waan inni garee sana keessa jiru waan beekan hin fakkaatu.

-Jeeferii Gooldibarg gaaffiifi deebii BBC waliin taasiseen, akkamiin akka kanatti seene dubbateera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jalqabarratti miidiyaa hawaasummaa 'Signal' jedhamuufi gaazexeessitoonni akkasumas aangawoonni mootummaa bal'inaan itti fayyadaman irratti ture ergaan kan isa dhaqqabe.

Jalqaba soba itti fakkaatee ture. Nama maqaa Waalziin jiru tokkotu itti barreesse.

''Haasa'i naan jedhe, tole jedheen. Boodarra gartuu ani hin eegne kan aangawoota nageenyaa Yunaayitid Isteet keessa akkan jiru bare,'' jedhe.

Boodarra gaafa dubbiin baramu, Waalz dogongoraan gaazexeessaa kana garee Signal'tti naquu amanan.

Silaa nama biraa affeeruuf yaadaniiti. Gaazexeessicha takkaa argeenii hin beekus jedhan.

Gaazexeessichi garuu akka jedhetti aangawaa US kana waliin si'a baay'ee wal arganiiru. Hariiroo isaanii kana garuu dubbachuu hin feene.

Wanti tokko garuu ifa: Nama tokko signal irratti ergaa dhaamte jechuun nama sana waliin kana dura haasoftee beekta jechuudha. Aangawaan US Waalzis lakkoofsa gaazexeessaa kana qabu.

Inumaa aangawaan olaanaa US kun akkamiin dogongorri kun akka mudate akka qoratan Iloon Maask fi kaan gaafataniiru.

Wanti ijoon ''akka gorsaa nageenya biyyaalessaatti dhimma akkasii 'Signal' irratti qoodamuu qabaa?'' jedhee gaafata Gooldibarg.

Gabaasa guyyaa Wiixataa barruu The Atlantic irratti bahe kana aangawoonni olaanoo US busheessaniiru.

Barruun kun guyyaa lama booda ammoo waan 'Signal' gubbaa jedhamaa ture guutuutti baase.

Erga Tiraamp fi kaan icciitiin bahe hin jiru jedhan booda waan waliin jedhan gad yaasuuf murteessuu dubbate.

Gartuu Signal irratti waan mari'atamaa ture keessa muraasa
Ibsa waa'ee suuraa, Gartuu Signal irratti waan mari'atamaa ture keessa muraasa

Gartuu 'Signal' irratti aangawoonni US osoo hidhattoota Huutii Yaman keessaarratti haleellaa hin raawwatiin waan karoorsan dubbataa turan.

Jeettiiwwan F-18 yoom akka balali'an, boombiin jalqabaa yoom akka dhohu akkasumas misaa'elli Tomahaawik yoom akka dhukaasamu fa'i.

Boodarra Ministirri Ittisaa US Piit Heegset waakkatani. Kun, ''karoora waraanaa'' miti jechuun wanti icciitii jedhames hin jiru jedhan.

Masaraan Waayit Haawusis boodarra kuni karoora waraanaa miti jechuun waakkate. Gooldibarg garuu arrabsoo isaaniin waan dhiphate hin fakkaatu.

Anaaf wanti haasa'aa turan karoora waraanaati waan biraa miti jedhe wantoota dubbatamaa turan eeruun. Wanti akkanaa gaazexeessaa kana yeroo qunnamu kunii yeroo jalqabaaf miti.

Bara 2020 keessas Tiraamp loltoota Ameerikaa du'aniin ''dadhabdoota'' jedhanii dubbataniiru jechuun aangawoota waraanaa US waabeffachuun gabaasee ture.

Yeroosis akkasuma Tiraamp fi bulchiinsi isaanii waakkateera. Isa amma itti duulamaa jirun gaafadhe, keessumaa aangawoota olaanoo US irraa dhufu kana.

''Ofirraa qolatta miti, ni jifatta,'' jedhe Gooldibarg.

''Ani asitti taa'ee dhimmakoo yaadaan jira. Isaan garuu gartuu Signal'tti na affeeranii, akka gantuutti natti duulaa jiru. Kuni naaf galaa hin jiru,'' jedhe.

Ammatti Tiraamp gartuu nageenya biyyaalessaa isaanii bira dhaabbataniiru, waan aangoorraa kaasuf jedhanis hin fakkaatu.

Haata'u malee, gorsaan nageenya biyyaalessaa US dogongora guddaa raawwatuu Waayit Hawuus keessa yaaddoo uumeera jedha gaazexeessaan kun.

Gooldibarg hanga gartuu Signal keessa hanga haasaa isaanii xumuranitti hin eegne, keessaa bahe. Si'achi waan ta'uf deemu Waayit Haawus fi Kongirasii keessa mul'achuuf jedha.

Seera baastonni Deemokiraatikiifi Rippablikaanonni muraasni akka qoratamu gaafataniiru.