Tiraamp suuraasaa waajjira keessa ture jibbe, haaraa Putiin irraa argate

Madda suuraa, AP
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp gitasaa kan Raashiyaa Vilaadmiir Putiin irraa kennaa suuraa harkaan kaafamee argateera.
Kunis erga inni suuraa isaa kanaan dura tureen ''baayyee badaadha,'' jechuun mufateeti.
Kennaan suuraa Putiin irraa argame ammallee ifa hin taane. Dubbi himaan mootummaa Raashiyaa Dimitrii Peskoov kennaa kanaan ''kennaa dhuunfaa fi iddoo addaa qabu,'' jechuun ibsan.
Yeroosaatti Putiin ofumaasaatii waa'ee suuraa kanaa akka ibsus dubbatan.
Tiraamp suuraa isaa duraa kan harkaan kaafame fi bulchiinsa Koloraadoo gamoo Kaappitool galma warra seera tumanii keessatti fannifamee ture qeequun miidiyaa hawaasummaa isaa Truth jedhamurratti barreessee ture.
Suuraansaa kun Wiixata bakka itti fannifamee turee kaafameera.
Ergamaan addaa Tiraamp Istiiv Witkoof kennaan suuraa Tiraamp Moskoo irraa argamuu mirkaneessaniiru.
Kennaa kana akka gara Waashigtanitti geessan gaafatamuu ibsan qondaalli kun.
Kennaa Putiin kanaan ''bobboca aartii bareedaa'' artistii beekamaa Raashiyaan hojjetame jechuun ibsan ergamaan Tiraamp.
Tiraamp ''Jaalala addaan simatan,'' jedhan qondaalli kun.
Aab Peskoov kennaan kun wayita qondaalonni Ameerikaa fi Raashiyaa akkaataa waraana Yukireen nagaan furuun danda'amurratti gara Sa'uudii Arabiyaa deebi'uun mari'atanitti kennamuu ibsan.
Kennaan kun erga Tiraamp gara Waayit Haawus deebi'ee hariiroon biyyoota lamaanii fooyya'aa jiraachuu agarsiisa.
Guyyaa 10 dura Putiin waliin kan walargan Witkoof Pirezidantiin Raashiyaa ''nama galata beeku'' jechuun jajan.
Bara darbe yeroo Tiraamp irratti yaaliin ajjeechaa taasifame akka kadhannaa taasiseef Putiin itti himuu dubbatan Aab Witkoof.
Yaaliin ajjeechaa Tiraamp irratti kan raawwatame wayita inni Pensalveeniyaa keessatti duula filannoo gaggeessaa turetti.
Suuraan Tiraamp battala sanatti kaafame seenaa qondaala siyaasaa kana keessatti suuraa akka mallattootti ilaalamu ta'eera.
Ogeessi suuraa AP Evaan Vuuchii battala gurri Tiraamp dhiigaa turetti suuraa sana kaase.
Tiraamp suuraa sanaan dhaadateera, qola kitaabaa isaa ittiin faaye.
'Itti yaadamee balleeffame'
Tiraamp suuraa Putiin ergeef irratti hanga yoonaa ifatti waan jedhe hin qabu. Garuu suuraa isaa Koloraadoo jiru irratti yaada badaa kennuun isaa suuraa akkamii akka fedhuu fi kan akkamii akka jibbu mul'iseera.
Suuraan Tiraamp harkaan kaafame (bocame) bara 2019 ture kan ifa ta'e. Tiraamp suuraan kun ''ta'e jedhamee kan balleeffamee fi inumaa akkaataa an itti of beekuun ala kan mul'ifameedha,'' jechuun mufannaa isaa miidiyaa hawaasummaasaa Truth jedhamurratti Wiixata ganama barreesse.
Artistiin suuraa Obaamaa bareechitee kaastetu kiyya haala kanaan kaaste jechuun barreesse.
Pirezidantota isa dura turan jecha gaariin ibsee kan hin beekne Tiraamp, Obaamaan suuraa irratti ''baayyee bareeda, akka mishaa jira,'' jedhe.
Dhalattuun Ingilaand Saaraa Boordmaan kan Obaamaa bareechitee kaaste jedhe Tiraamp.
Komii fi falmii Tiraamp kana booda suuraan isaa kun Wiixata waaree booda bakka itti maxxanfamee turerraa buufameera.












