Paakistaan shakkamtoota namoota dhibbaan lakkaawwaman irraa kalee guurratan to'atte

Ogeessa baqaqsanii yaaluu

Madda suuraa, Getty Images

Poolisiin Kaaba Baha Paakistaan shakkamtoota qaama namaa saamaanii daldalan saddeet to'achuu beeksise.

Hogganaan gartuu kanaa Fawaad Muktaar namoota 300 ta'an irraa kalee baasuun namoota sooreyyii kaleen isaanii bakka buufamuu qabuuf bakka buuseera jechuun himatame.

Namni kun amma dura yeroo shan hidhamee kan ture ta'us yeroo shananuu mirgi wabiisaa eegameefii gadhiifameera.

Aanga'oonni biyyattii adeemsa kalee namoota qaama keessaa baasuu keessa namootni sadii du'aniiru.

Hogganaan garee badii raawwatu kanaa bulchiinsa Punjaabiifi Kaashmiir keessa socho'a.

Gareen kun mana ofii keessatti kalee namootaa guurratanii warra maallaqa qaalii kaffalaniif achumatti mana keessatti baqaqsanii bakka buusuuf.

Kun yeroo ta'u dhukkubsataan quba hin qabuu jedhu ministirri bulchiinsa Punjaab Moohsiin Naaqvii.

Nama kanatti dabalataan maakaanikiin konkolaataa tokkos gargaaraa hojii sarjarii Mukahatar ta'uu namoota harka qalleeyyii hospitaala keessaa miliqsaa ture jedhameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaleen dhukkubsattoota harka qalleeyyii kun paawundii kuma 99 hanga 120 gurgurama.

Ibsa miidiyaaleef kennaniin Naaqviin lakkoofsi himannaa kanaa isaan bira gahe ''nu rifaasiseera'' jedhan.

''Waldhaansi kalee bakka buusuuf waldhaansi baqaqsanii yaaluu seeraan alaa kana caalu raawwatameera. Warri kun kan mirkaneeffamaniidha.''

Paakistaan bara 2010 irraa eegalee daldala qaama dhala namaa seeraan kan nama gaafaachisu taasifte.

Shakkamtoota amma qabaman kana hidhaa barkurneewwan hedduufi adabbii maallaqaa kaanis barsiisuu danda'u akka ta'u ibsameera.

Biyyattii keessa qaala'insa jireenyaa fi miindaan xiqqaa ta'uurraa kan ka'e akkasumas sababa seerri akka ta'utti hin raawwanneef namootni gurgurtaafi daldala qaama keessoo namaarratti hiramatan dabalaa jiru.

Amajjii darbes bulchiinsa Punjaab keessatti ol adeemaa ganna 14 badee ture kaleen isaa keessaa fudhatamee laabraatoorii keessatti argamuun booda garee shakkamtoota kana duuba jiran to'atee ture.