Itoophiyaatti dorgommiin Qur'aanaa yeroo lammaffaaf gaggeeffamaa jiru maalfaa of keessatti qabateera?

Madda suuraa, Ethiopian Islamic Affairs Supreme Council
Itoophiyaatti dorgommiin Qur'aanaa fi Azaanaa Idil-addunyaa yeroo lammaffaa gaggeeffamuu eegale Dilbata dhufu kan xumuramu yoo ta'u, kan gaggeeffamus isteediyeemii guddicha magaalaa Finfinneetti.
Dorgommiin kun qindoomina Waldaa Qur'aanaa Zayid Ibni Saabit- Zeid Ibn Sabit Quran Association jedhamuu fi Gumii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatiin gaggeeffama.
Itoophiyaan bara 2022 yeroo jalqabaaf dorgommii kana qopheessitee turte.
Dorgommii waggaatti yeroo tokko gaggeeffamu kana biyyoonni garaagaraa akka qopheessaniif carraan kan kennamu yoo ta'u, Itoophiyaan yeroo gabaabaa keessatti yeroo lammataaf dorgommii bara kanaa akka qopheessituuf filatamteetti.
Dura taa'aa Waldaa Qur'aanaa Zayid Ibni Saabit akkasumas abbaa seeraa dorgommii Qur'aanaa fi Azaanaa Idiladdunyaa kan ta'an Dr Nuuraddiin Qaasim sababa dorgommii kana qopheessuutiin carraan Itoophiyaaf argamu guddaadha jedhan.
Ustaaz Nuuraddiin Qaasim qophii dorgommii Qur'aanaa Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru kana pirezidantii ta'uun ni hoogganu.
''Keesummoota hedduutu biyyoota garaagaraa irraa biyya keenya seenan. Kun tuurizimii biyya keenyaaf baayyee gumaacha,'' jedhan.
Dorgommii kanarratti yoo biyyi keenya injifattes injifachuu baattes alaabaa biyya keenyaatu olka'a kan jedhan Ustaaz Nuuraddiin ''biyyi keenya akkuma damee atileetiksiin addunyaarratti alaabaanshee olka'ee maqaanshee beekame sababa dorgommii kanattis beekamtii guddaa argatti,'' jedhan.
Sababa dorgommii kanaa carraawwan gara Itoophiyaa dhufan keessaa tokko namoota muuxannoo qabaniin wal baruudha.
''Dorgommiin kun namoota bebbeekamoo biyyoota adda addaa walitti fida. Ammoo biyya keenyaaf carraa guddaa fida. Sababa kanatti carraa barnoota bilisaa (scholarship) ni banama,'' jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ustaaz Nuuraddiin akka jedhanitti, sagantaa dorgommii kanarratti hirmaattota biyya keessaa dabalatee kanneen biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa, Afrikaa, Eeshiyaa fi Arabaa irraa argaman walumaagalatti kuma 50 ta'an ni hirmaatu.
Yeroo jalqabaaf abbootiin seeraa 10 dorgommii Qur'aanaa idiladdunyaarratti kan hirmaatan kan barana Itoophiyaatti qophaa'erratti jedhan Ustaaz Nuuraddiin.
Biyyoonni kurnan daanyoliin irraa hirmaatan kunneen Itoophiyaa, Aljeeriyaa, Yaman, Qaataar, Turkii, Keeniyaa, Bahreen, Morookoo, Saudii Arabiyaa, Liibiyaadha.
''Ardiilee hunda irraa hirmaattonni argamaniiru. Ammoo nuti sagantaa kana dirree kubbaa miillaatti waan qopheessinuuf baayyina namootaan rikardii qabna. Kan baranaas akkasuma ta'a,'' jedhan.
Keessummoonni dorgommii kanaaf gara Itoophiyaa kan seenan Amajjii 27, 2025 irraa eegalanii ta'uu kan himan Ustaaz Nuuraddiin ''yeroo turtii isaanii kanatti kutaalee Itoophiyaa daawwataniiru,'' jedhan.
Kanaaf ammoo Ministeerri Tuurizimii, Majilis Itoophiyaa, Komishinii Tuurizimii Oromiyaa fi qaamoleen mootummaa tumsa guddaa akka taasisan ibsan.

Madda suuraa, Ethiopian Islamic Affairs Supreme Council
Dorgommii baranaarratti shamarran hirmaachisuu eegaluun dorgommii kana kan duraarra adda godha jedhan Ustaaz Nuuraddiin.
Dorgommii kanarratti waliigalatti namoonni 100 ta'an kan hirmaatan yoo ta'u, Itoophiyaarraa namoota sadi hirmaatan keessaa tokko dubartiidha.
Dorgomtoonni Itoophiyaarraa hirmaatan kunneen ''Hivzii Qur'aanaan (Qur'aana osoo waraqaa irraa hin dubbisin sammuu keessaa qara'uun) dhiira tokko fi shamara tokko, Azaanaan ammoo dhiira tokko,'' ta'uu ibsan.
Sagantaa dorgommii kana qopheessuu waggaa tokko dura eegalle kan jedhan Ustaaz Nuuraddiin, dorgomtoonnis calallii hedduu keessa darbanii akka filataman ibsan.
''Calalliidhaaf dorgommii hedduutu gaggeeffame. Majlisoonni naannolee ga'eesaanii ba'ataniiru. Calallii hedduu booda Itoophiyaan dorgomtoota sadi xumuraaf dabarsiteetti.''
Itoophiyaan dorgommii qopheessuu qofa osoo hin taane leenjiis ni kenniti. Akkasumas namoota gameeyyii gumaata guddaa godhaniifis badhaasa addaa ni kenniti jedhan Ustaaz Nuuraddiin.
''Badhaasa dorgomtootaaf kennamuun alatti nama dhimma Qur'aanaa kana keessatti ga'ee guddaa gumaachan lammii Senegaal nama Sheek Dr Mohammad Boosoo jedhaman ni badhaasna,'' jedhan.
Dureen amantii Islaamaa beekamaan Sheek Dr Mohammad Boosoo kanaan duras biyyoota akka Kuweet fi Sa'uudii Arabiyaa irraa badhaasa argataniiru.
Afrikaa keessaa nama kana badhaasuun Itoophiyaan biyya jalqabaati.
Dr Nuuraddiin Qaasim akka jedhanitti dorgommiin Qur'aanaa kun Itoophiyaatti deddeebi'ee yoo qophaa'u biyyattiin duudhaa waldanda'uun nagaan waliin jiraachuu addunyaaf qoodamuu danda'u qabaachuushee mul'isa.
''Itoophiyaan biyya sab-daneettii aadaa, amantii fi afaan garaagaraa qabduudha. Sababa dorgommii kanaatti addunyaan duudhaa keenya kana hubataa jirti,'' jedhan.
Akka Ustaaz Nuuraddiin jedhanitti wayita dorgommiin Qur'aanaa kun Itoophiyaatti qophaa'urraa eegalee uummanni Itoophiyaa amantiin osoo wal hin qoodin tumsa gochaa jira.
Qophii guddaan idiladdunyaa akkanaa dirree kubbaa miilaa Finfineetti yeroo gaggeeffamu ''waltajjii guddaa maqaa Itoophiyaa ijaaru ta'uu hunduu hubatee nu tumsaa jira,'' jedhan.
Dorgommiiwwan gaggeeffaman keessaa tokko sagaleedhaan gara Salaataa kan ittiin nama waaman- Azaana kan jedhamu yoo ta'u, Ustaaz Nuuraddiin Azaana kana seenaan walqabsiisuun Itoophiyaaf hiika akkami akka qabu ibsu.
''Azaanni kun asiliin isaa Bilaal Habashitti deebi'a. Bilaal ammoo Itoophiyaarraati jedhama. Kanas beeksisuu feena. Dhawaataan Azaanuma kanallee UNESCO irratti galmeessisuuf deemana,'' jedhan.












