Itoophiyaarraa murteessaan jalqabaa dorgommii Qur'aanaa Ustaaz Nuuraddiin Qaasim eenyu?

Waxabajjii 13, 2022 Dorgommii Qur'aanaa Sadarkaa Idil-addunyaatti Itoophiyaa magaalaa Finfinneetti qophaa'erratti namoonni hedduun argaman addunyaa ajaayibsiisuu qopheessitoonni sagantichaa ni dubbatu.
Saganticha kan qopheesse Waldaa Qur'aanaa Zaayid Ibni Saabit jedhamudha.
Hundeessaa fi Dura taa'aan waldaa kanaa Ustaaz Nuuraddiin Qaasim Daawud biyyoota 60 irraa dorgomtoonni affeeramanii, biyyoota 40 caalan irraa hirmaachuu himan.
Ifaajii waggaa dheeraa booda sagantaan guddaan akkanaa milkaa'uutti gammaduu himan Ustaaz Nuuraddiin.
Nutis waa'ee qopheessaa sagantaa kanaa kan ta'an Ustaaz Nuuraddiin akkasumas waa'ee waldaa isaanii ilaalchisuun Ustaaz Nuuraddiin waliin turtii taasisneerra.
Ustaaz Nuuraddiin eenyu?
Godina Arsii Arba Guuguutti kan dhalatan Ustaaz Nuuraddiin, ijoollummaan gara magaalaa Finfinnee dhaquun barnootasaanii kutaa 1-12tti baratan.
Yuuniversitii Jimmaatti barnoota ''Environmental Health’’n ALI bara 1998tti eebbifaman.
Isaan boodas Godina Shawaa Lixaa aanaalee garaagaraa keessatti waajjira fayyaa keessa waggoota ja’aaf erga hojjetanii booda Finfinneetti deebi’uu himan.
Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo keessa ammoo waggaa sadi erga hojjetanii booda digirii lammataa (MA) saanii '‘Health Psychology’’ fi ‘’Business administration’’ baratan.
Yeroo ammaas barnoota ‘’Nutrition’’ jedhamuun digirii lammataa (MA) barachaa jiraachuu himan.
Barnoota amantii...
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ijoollummaa saaniitti Qur’aana sammuutti qabachuu kan himan Ustaaz Nuuraddiin, waggaa 20 dura dorgommii Iraanitti qophaa’e umuriisaanii waggaa 13tti hirmaachuun qabxii boonsaa argachuu yaadatu.
'‘Dorgommii sana dhuunfaanan dorgomee. Biyya kanarraa ana qofa ture. Ergasii barnoota koo cinaatti waa’ee Qur’aanaa barsiisuun itti fufe.’’
'‘Naannoo Kuwaas Meedaa jedhamu Masjiida Haashimitti gara waggaa já’aa Qur’aana barsiiseera. Akkaataa Qur’aana qomatti qabachuu danda’anirrattin barsiisaa ture. Ergan yuniversitii seeneellee barnoota kiyya cinaatti Qur’aana barsiisaan ture,’’ jedhan Ustaaz Nuuraddiin.
Erga hojii mootummaa dhiisanii boda ALI bara 2004 Markaza/Giddugala namoonni achi buluun Qur’aana baratan hundeessuun hojii kanarratti xiyyeeffachuu himan Ustaaz Nuuraddiin.
‘’Ijoolleen kutaalee Itoophiyaa garaagaraa akkasumas ijoolleen diyaasporaa Markaza kana keessatti baratu erga eegalanii amma kunoo waggaa 10 guuteera. Ani akka dhuunfaa kootti ergan hojii mootummaa dhiisee booda tajaajiluma akkasii irrattin hojjedha.’’
Murteessaa/daanyaa jalqabaa Dorgommii Qur’aanaa
Ustaaz Nuuraddiin yeroo ammaa Itoophiyaarraa abbaa seeraa/daanyaa dorgommii Qur’aanaa ta’uun nama jalqabaati.
Akkamiin carraa kana akka argatan wayita ibsanis, '‘ergan waajjira mootummaa dhiisee ba’ee akkaataa itti Qur’aana qara’an torban- Qaraa’atu’ssabaa- xumureen waraqaa ragaa argadhe. Biyya keessatti waraqaa kana ergan argadhee booda carraan dorgommii Sa’uudiitti ba’e. Sana dorgomeen darbe,’’ jedhu.
Bara 2015 dorgommii kana darbuun biyya Sa’uudii Arabiyaa, Makkaatti imaluun leenjii fudhachuus himu.
'‘Wayitan carraa kana argadhe Sa’uudiitti Dorgommiin Qur’aanaa Idil-addunyaa gaggeeffamaa ture. Kanaaf leenjiis, shaakallii abbaa seerummaas walfaana gaggeessaa turre. Kun anaaf carraa guddaa ture.’’
Waldorgommii kan biyya keessaa hedduu qindeessuu fi daanyaa ta’uun hojjechuu kan himan Ustaaz Nuuraddiin, dorgommii sadarkaa Afrikaatti Taanzaaniyaatti qophaa’erratti affeeramanii murteessummaan hirmaachuu himan.
Dorgommii guddicha idil-addunyaa Makkatti qophaa’erratti hirmaachuu kan himan Ustaaz Nuuraddiin, carraan argamnaan biyya kamuu deemee hojjechuuf fedhii fi dandeettii qaba jedhan.
Biyyoonni baayyeen Afrikaarraa nama filachuurra biyyoota Arabaa filachuu jaalatu. Waan dandeettii qabnu itti hin fakkaatu. Amma garuu qopheessineeyyuu nu arganiiru waan ta’eef kun carraa guddaa nuf fida.’’
Waldaa Qur’aanaa Zayid Ibn Saabit
ALI bara 2010 eeyyama seeraa kan argate Waldaan Qur’aanaa Zaayid Ibni Saabit, Itoophiyaa keessatti hojiiwwan barsiisa amantii Islaamaa fi gargaarsa namoomaa garaagaraa irratti xiyyeeffatee hojjeta.
Hundeessaa fi dura taa’aan waldaa kanaa Ustaaz Nuuraddiin Qaasim Daawud, waldaansaanii eeyyama hojii kutaalee Itoophiyaa 11 fi bulchiinsota magaalaa lamaan keessatti hojjechiisuu danda’u argate jedhan.
'‘Waldichis Itoophiyaatti seenaa fi iddoowwan amantii Islaamaan walqabatan qorachuu, Qur’aana barsiisuu fi dorgommii Qur’aanaa qopheessuu, manneen barnootaa ijaaruu fi deeggarsa adda addaa kennuurratti hojjeta,’’ jedhan Ustaaz Nuuraddiin.
Uummata biyyattii rakkoolee garaagaraa keessa jiran cinaa dhaabbachuu fi konfiransii nageenyaa gaggeessuunis hojii ijoo jaarmiyaa kanaa ta’uu eeran.
'‘Jalqaba bara 2010 wayita eeyyama argannu Konfiransii Nageenyaa magaalaa Gondaritti gaggeessine, namoota 2000 caaluu, kan Addamaatti gaggeessinerratti ammoo namoonni 10,000 caalan argaman.''
Yeroon sun yeroo uummanni Oromoo naannoo Somaaleerraa itti buqqaafame ture kan jedhan Ustaaz Nuuraddiin '‘Uummanni keenya Sulultaa akka qubatu erga goonee booda uummata magaalaa Finfinnee jiru qindeessuun gargaarreerra,’’ jechuun hojii bu’aa qabu achirraa eegaluu himu.
Akka Ustaaz Nuuraddiin jedhanitti '‘Waldorgommii Qur’aanaa- Quran Competition kan Idil-addunyaa Itoophiyaatti qophaa’uun dura kan biyya keessaa waggoota 20 duraa eegalee gaggeeffamaa ture.
‘’Manneen barnootaa, miidiyaalee, masjiidota keessatti gaggeessaa turre. Immoo akka biyyoota addunyaa kaanii maaliif dorgommii guddaa hin qopheessinu kan jedhu na keessa ture. Waggaa sadi dura akka biyyaatti dorgommii guddaa galma barkumeetti qopheessinee turre,’’ jechuun achirraa qabee kan sadarkaa idil-addunyaa qopheessuuf akka hojjechuu eegalan himu.
Dorgommiichi adeemsa akkamiin qophaa’e?
Ustaaz Nuuraddiin dorgommii kana qopheessuu kan eegalan ji’a ja’a dura ta’uu himan, ‘’jalqaba ifaajuuma kiyyaan eegaleen isa booda garee kiyya waliin hojiitti hiikne,’’ jedhan.
‘’Jalqaba wayita yaada kana dhiyeessinu miira walmakaatu ture. Kuun wanti akkasii biyya kana keessatti waan milkaa’u miti yoo jedhu kuun ammoo nu tumsaa ture. Keessattuu biyya keessaa namni wanti kun ni ta’a jedhee eege nama muraasa,’’ jedhan.
Jalqaba wixinee/piroppoozaala isaa qopheessuun osoo uummata bal’aatti gadi hin basin dura qama mootummaa dhimmi ilaallatu waliin irratti mari’achuu himan.
‘’Sektarri mootummaa hedduun yaada kana erga nurraa fudhatanii booda nutis gaaffii keenya cimsinee itti fufne. Keessattuu Ministeerri Tuurizimii dhimmichi dhimma biyyaa guddaa ta’uu hubachuun waliin haa hojjannu jedhanii nu jajjabeessan.
''Ministeerri Nageenyaas qaamni hunduu akka nu cinaa dhaabbatu xalayaa deeggarsaa nuuf barreessan.’’
‘’Haata’u malee sagantaan guddaan akkasii biyyattii keessatti kan jalqabaa ta’uusaatiin akkaataa silaa eegamee fi biyyallee kanarra fayyaduu danda’uun hin qophoofne,’’ jedhan.

Madda suuraa, Ustaaz Raayyaa Abbaamaccaa/FB
Biyyoota addunyaa kaanitti sagantaa akkasii mootummaatu qopheessa kan jedhan Ustaaz Nuuraddiin, ‘’Kan keenya garuu waldaa keenya qofatu qopheesse. Qaamoleen mootummaa deeggarsa nuuf haa godhaniyyuu malee ifaajeema waldaa kanaan qophaa’e. Mootummaan silaa carraa kanatti fayyadamuu qaba ture. Garuu kun kan jalqabaa waan ta’eef ta’uu mala. Wanti guddaan kanarraa baratanii isa itti aanuuf qophaa’uudha,’’ jedhan.
Dorgommii Qur’aanaa Idil-addunyaa Waxabajjii 13, 2022 magaalaa Finfinneetti qophaa’erratti dorgomtoonni biyyoota addunyaa garaagaraa 40 irraa kan dhiyaatan yoo ta’u, dameen dorgommiis Qur’aana qomatti qabachuu/Hifzii, Sagalee bareechanii afuura dheeraadhaan Qur’aana qara’uu akkasumas Azaana/waamicha gara Salaataa ture.
Ustaaz Nuuraddiin dorgomtoota kunneen qixeessuun akkaan ulfaataa ture jedhu.
‘’Jalqaba namoota biyyoota garaagaraa dubbisuun qixeessuun ji’a lamaa ol nutti fudhate. Biyyoota 60 irraa dorgomtoota qixeessinee turre. Garuu dhumarratti biyyoota 40 irraa arganne. Qormaati guddaan ammoo rakkoo maallaqaa ture,’’ jedhan.
Dorgommii kanarratti badhaasi inni guddaan doolaara Ameerikaa 10,000 kan ture yoo ta’u kun haala baay’ina uummata biyya keenyaa fi sadarkaa dorgommichaan kan walgitu hin turre jedhan.
‘’Garuu sagantaan kun tokkummaa hawaasaa cimseera. Biyyoota birootti yeroo baayyee sagantaa akkasii galma guddaa keessatti qopheessu, keenya dirree istaadiyeemii bakka namoonni kumaa kitilaan ba’anitti gaggeeffame. Namoonni argaman ammoo hordoftoota amantii Islaamaa qofa miti. Kun haala amma biyyattiin keessa jirtu hanga tokko ni jijjiira,’’ jechuun faayidaasaa ibsan.
Sababa dorgommii kanaa qaamoleen Gumii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa ( Majlisa) keessaa walitti mufataa turanillee miira tokkoon waltajjii tokkorra dhaabbataniiru jedhan.
Kana malee sababa Kanaan carraan tuurizimii, investimantii, aadaa, barnootaa fi dippiloomaasii banamu salphaa miti jedhan.












