Dureewwan amantii Islaamaa Tigraay hariiroo Majlisa Itoophiyaa waliin qaban adda kutuu ibsan

Gumiin dhimmoota Islaamummaa naannoo Tigraay hariiroo Gumii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa waliin qabu adda kutuusaa ALI Guraandhala 05, 204 beeksise.
Dureewwan amantii Islaamaa naannoo Tigraay maaliif akka tarkaanfii kana fudhatan wayita ibsan, Gumiin Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa waraana Sadaasa darbe naannochatti eegale tumseera; akkasumas ammoo daba uummata Tigraay irratti raawwatame hin balaaleffanne jedhan.
Miidiyaan naannoo Tigraay Dimtsii Wayyaanee jedhamu, Hoogganaa Gumii Dhimmoota Islaamummaa Naannoo Tigraay Haji Mahammad Kahsaay wabeeffachuun akka barreessetti, hordoftoonni amantii Islaamaa hedduun waraana kanaan ajjeefamaniiru.
"Dabi kun hundi wayita uummata Tigraay irratti raawwatamu Gumiin Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa yakka kana balaaleffachuurra waraanicha deeggaruun isaan gocha balaaleffatamuudha,'' jedhan Haji Mahammad.
Dhaabilee fi dureewwan amantii Itoophiyaa keessa jiran ''yakka sanyii balleessuu'' uummata Tigraay irratti raawwatame balaaleffachuurra, waraanicha eebbisanii eegalsiisan, akkasumas kadhannaa fi maallaqaan deeggaran jedha ibsi kun.
"Gochi akkasii duudhaa fi naamusa amantii Islaamaan ala ta'uusaatiin Gumii Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa waliin hariiroo qabnu adda kutneera,'' jedha ibsi kun.
Wayita waraanni gaggeeffamaa ture Masjiida seena qabeessa, umurii dheeraa qabu al-Najaashii irratti haleellaan raawwatamuus yaadachiise ibsi kun.
Masjiidi kun waraanni eegalamee ji'oota arfan jalqabaa keessatti haleelamuutu himame, jiraattonni naannoo Tigraay masjiidichi loltoota mootummaa Itoophiyaa fi mootummaa Eertiraan haleelamuu himanii turan.
Masjiidi kun bara Nabiyyuu Mohammad (SAW) muslimoota gara Itoophiyaatti imalaniin ijaaramuusaatiin seenaa qabeessadha.
Dhiyooma kanas Manni Lubummaa Naannoo Tigraay Sinoodosii Itoophiyaarraa adda bahuun Sinoodosii mataasaanii hundeeffachuuf murteesuu abboontiin amantii Tigraay ibsaniiru.
Dhimma tarkaanfii dureewwan amantii Islaamaa naannoo Tigraay irratti ibsa akka kennaniif BBCn Gumii Dhimmoota Islaamummaa argachuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Gumicha keessaa namoota dhimmi kun isaan ilaallata jedhaman sadi dubbisnus, oducha kalee galgala akka dhagahanii fi dhimmicharratti erga mari'atanii booda deebii akka kennan dubbatan.
Dhimma mana lubummaa naannoon Tigraay addatti hundeeffachuuf jedhurrattis Waldaan Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa hanga yoonaa homaa hin jenne.
Manni amantii Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa seenaa yeroo dheeraa kan qabu, hordoftoota heduu kan horatee fi dhimmoota hawaasummaa fi siyaasaa biyyattii keessatti qooda olaanaa kan qabudha.
Xiinxaltoonni akka jedhanitti uummata Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 40 kan ta'an amantii Ortodoksii, dhibbeentaa 34 ammoo amantii Islaamaa hordofu.
Kanaafuu amantiiwwan kunneen lameen dhimma biyyattii keessatti ga'ee olaanaa qabu.
Waraanni waliinii ji'oota 15 oliif biyyattii keessatti deemaa jiru ammoo qoodamiinsi akka uumamu taasiseera.
















