'Karoorii Mana Lubummaa Oromiyaa harkifatullee hin dhiifamne' - Luba Balaay

Luba Balaay Mokonnin

Hogganaa Ittaanaan Mana Lubummaa Bataskaana Ortodokosii Itoophiyaa Luba Balaay Mokoonnin, karoorri Mana Lubummaa Oromiyaa hundeessuu waraana Kaaba biyyattiitti mudateefi Oromiyaa keessattis yaaddoo nageenyaa mudataa jiruun duubatti harkifachuu himan.

Lubni Balaay akka jedhanitti, karoorri Mana Lubummaa Oromiyaa yeroof harkifatullee hin dhiifamne.

Mana Lubummaa hundeessuu ilaalchisee garuu Sinodoosii Bataskanaa Ortodoksii Itoophiyaa isaan hoggansarra jiran keessaallee otoo hin hafiin mormiin akka isaan mudate kaasaniiru.

''Sinodoosii keessaa Mana Lubummaa Oromiyaa hundeessuun 'ajandaa Qeesis Balaayi' jedhanii kan nu morman jiru,'' jedhan. Gama biraatiin akka hundeeffamu namoonni deeggaran jiraachuu dubbatu.

Manni Lubummaa Ortodoksi Tawaahidoo Oromiyaa hundeeffamuun Oromoonni Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaa keessatti eenyummaan isaanii waan dhokateef isa ifa baasuuf jechuun turtii BBC waliin kanaan dura taasisaniin himanii turan.

Lubni Balaay ammas taanaan Oromiyaa keessatti bataskaanni Ortodoksii Afaan Oromootiin iddoo hedduutti barsiisaa akka hin jirre amanu.

''Afaan Oromootiin yeroo lallabamu ykn faarfatamu namoonni rifatan jiru,'' jedhan.

Dhimma kanarratti wal diddaa cimaan akka jiru kaasan.

Dhimmichi adeemsa keessa fala argata jedhanii akka yaadan Lubni Balaay itti dabaluun kaasaniiru.

Lubni Balaay Mana Lubummaa Ortodoksii Oromiyaa hundeessuuf barsiisota amantichaa biroo waliin hojjachuu isaanii hordofee, waggaa lama dura lubummaan mana amantii Kiristaanaa irraa isaaniif kenname akka qabamu Sinodoosiin ajajee ture.

Murtoo sana garuu Lubni Balaayi fi barsiisaan amantaa Ortodokisii Haayilemikaa'el Taaddasaa loogii of keessaa qaba jedhuun fudhatama dhabsiisan.

Sinodoosii waliin erga araaramanii booda immoo lubni Balaay Hogganaa Ittaanaa Mana Lubummaa Itoophiyaa ta'uun muudamanii hojjataa jiru.

Karoorri Mana Lubummaa Oromiyaa hundeessuu maalirra qaqqabe?

Lubni Balaay kanneen manni lubummaa Oromiyaa akka hundaa'u barbaaduutti cichan keessa jiraachuu dubbatu.

''Ana dabalatee gareen Afaan Oromiyaa dubbatu akka Manni Lubummaa Oromiyaa hundaa'u barbaadu, qaamni Sinodoosii keessaa nu mormus jiru,''' jedhu.

Sinodoosii waliin araaramuu isaanii hordofee koree qorannoo dhimma kanarratti gaggeessu hundessuu dubbatu.

Koreen Luba Balaayiin hogganamu fi miseensota 13 qabu Oromiyaa keessa imaluun qorannoo eegalee ture.

Iddoo qorannoo itti gaggeeffamu Godinaalee Wallaggaa, Hararge, Iluu Abbaaboor, Shawaa, Arsii fi Baale jedhan.

Sababii yaaddoon nageenyaatiin qorannoo gaggeessuurratti danqaan isaan mudachuu himan.

Manni Lubummaa ajandaa seera qabeessafi jeequmsa gidduutti gaggeeffamuu hin dandeenye jedhu.

Torban ittaanan keessatti sagantaa marii akka qopheessan kan himan Lubni Balaay, qorannoon mana lubummaa hundeessuu ilaalchisuun gaggeeffamu ammaatti akka hin xumuramne himaniiru.

Ogeeyyiin qorannoo gaggeessan leenjifamuu fi sanadni kanaaf barbaachisaan qophaa'us itti dabalanii eeran.

Waraana TPLF fi mootummaa federaalaa giddutti eegalame hordofee qorannoon gaggeeffamu eegale addaan cite jedhan.

Mana Lubummaa hundeessuun maaliif barbaachise?

Waliigalattii bataskaanni Ortodoksii Itoophiyaa kan Itoophiyaa ta'uu hin dandeenye jedhanii turan Lubni Balaay. ''Itoophiyaa jechuun Oromiyaadha saboota biroo hundasi'' jedhan.

Hundeeffamni Mana Lubummaa Ortodoksii Oromiyaa manneen amantaa muraasa keessatti Afaan Oromootiin barsiifatamuu eegalame kaayyoo bal'aa qaba jedhan.

"Kaayyoon keenya Ooromoon mana amantaa kana keessatti of ilaaluu qabaadha. Aadaasaa, duudhaasaafi afaan isaa dabalatee'' jedhanii turan.

Gartummaa sanyiirratti hundaa'e mana amantichaa keessa jira jedhan furuu akka dabalatu himaniiru. ''Oromummaafi Kiristaanummaan walsimee deemuu qaba'' jedhan.

Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo keessatti dhiibbaa aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo irra gaheef Oromoonni dhiifama gaafatamuu qabu jedhanii turan Lubni Balaay.