Luba Balaayi: 'Araara keessatti hunduu mo'ataadha'

Adeemsi araaraa Qulqulluu Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaafi qindeessitoota Mana Lubummaa Oromiyaa gidduu eegalame.
Walitti qabaan koree qindeessituu Mana Lubummaa Oromiyaa Luba Balaay Mokonnin BBC'tti akka himanitti ammatti araaratu eegalame.
"Dubbin dubbii amantii yoo ta'e fi namni walitti hiiqee yoo mari'ate wanni waliigaluu dadhabuuf hin jiru" kan jedhan Luba Balaay, jaarsoliin araaraa gara isaanii deemun adeemsi araaraa eegalamuusaa himan.
"Durumaanuu wanti irratti wal dhabne 'dhiifama gaafadhaa' kan jedhu malee gaaffin/ajandaan keessan sirrii miti, bataskaanni rakkoo hin qabdu namni nun jedhe hin jiru" jedhan Luba Balaay Mokonnin.
''Wanti dhiiifama gaafateera, dhiifama gaafachiiseera jedhu hinjiru. Bataskaana keenyatti kanaa miti kan fitihaa Nagastiin ajaju; mo'achuu batasikaanitiitti. Araara keessatti hunduu mo'ataadha. Tokko mo'amee, kaan dhiifama gaafatee, kaan ammoo dhiifama gaafachiisee miti.''
Fedhii keenyaafi kan abbootii keenyaa tokko ta'eera kan jedhan Lubni Balaayi, ''Innis galmisaa kan waldaan ittiin babalattuu, ittiin jajabaattu, kan ummanni Oromoos gaheen inni waldattii irraa barbaadu akka guddatuufi akka itti gamaduudha. Akka barbaannuutti kan kooti jedhe afaaniifi aadaan isaa bataskaana itti kabajamuuf akka taatu fedhii keenyaafi fedhii abbootii batasikaanitiiti.''
Miseensi Qulqulluu Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaafi Itti gaafatamaan dhimma kominikeeshinii Waajjira Mana Lubummaa Finfinnee Malaakahiwat Aabbaa Waldayyasuus Seefuu Galataa araarri eegalu mirkaneessu.
''Abbootiin amantaa tokko tokko araarsuuf Qulquluu Sinodosiin akka ilaalamu wanta godhan malee wanti biraa raawwate hin jiru,'' jedhan.
Akka abbaan amantii kuni jedhanitti, kanneen qooda kana fudhatan Phaaphaasota yoo ta'an Lubi Balaayis 'araara fedhu' jechuun himan.
Xumura bara 2011 eegalee hundeessitoonni Mana Lubummaa Oromiyaa sochii eegaluun isaanii bulchitoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii waliin isaan buuseera.
Inumaa Qulqulluun Sinodosii sochii koree kanaa balaaleeffachuun lubummaan koreen hundeesitoota mana lubummaa Oromiyaa qabu ibse.
Lubni Balaay maangudootnis "wanti dhiifama isaan gaafachiisu hin jiru. Sirumaa galateeffatamuu qabu" jedhanii gidduu akka seenan, Sinodoosiin dhaabbis "mee teenyee mari'anna" jedhee isaan waamuusaas himaniiru.
Sinodosiin dhaabbis kaayyoon koree qindeessituu Mana Lubummaa Oromiyaa sirrii ta'uu fi walin hojjechuu akka fedhan itti himuu isaanii dubbatan.
Dhimmi Mana Lubummaa Oromiyaas yaa'ii Sinodosiif dhiyaatee akka jiru fi har'a yookin boru irratti mari'atamu akka danda'u Luba Balaay Mokonnin BBC'tti himaniiru.
Qulqulluu Sinodosiifi Mana Lubummaa
Aabbaa Waldayyasuus Seefuu yaa'iin sinodosii dhimmoota lama irratti akka mari'atu himuun dhimmi Mana Lubummaa Oromiyaa isa tokko ta'uu BBC'tti himaniiru.
"Namoota Mana Lubummaa Oromiyaa gaggeessan waliin marii qabu. Isaan waliin araaraan hiikanii, bataskaannis bakka tokko dhufee isaanis manatti deebi'anii akka hojii kana waliin hojjetan ajandaan qabameera" jedhan.
"Gaaffin kanaan dura ka'aa ture gara fulduraattis akka itti fufu, hunduu gaaffii ofii godhatee bataskaanni osoo addaan hin bahin bakka tokko taa'anii waa'ee nageenyaa, waa'ee ummata Oromoo fi waa'ee hundaa walin akka haasa'ani," jedhan.
Kanaan dura, Phaaphaasonni tokko tokko dhimmicha callisaanii ilaaluun akka hin barbaachisne fi akka irratti mari'atamu kaasaa turuu isaaniis Malaakahiwat Aabbaa Waldayasuus Seefuu himaniiru.
Gama kaaniin, adeemsa araaraa kanaan kaayyoon Mana Lubummaa Oromiyaa akka hin jijjiiramne Luba Balaay Mokonnin BBC'tti himaniiru.
"Nuyi kaayyoon qabanne ummata gammachiisuu fi bataskaana cimsuudha" kan jedhan Luba Balaay, adeemsi araaraa kaayyoon qabatan akkamitti galma gaha kan jedhu malee akkamitti hafa kan jedhu akka hin taane dubbatan.
Caasaan isaanii hanga aanaatti jiru akkamitti hojiitti seenee hojjechuu akka danda'u waliin dubbachaa akka jiranis himan.
"Wanti hafu fi jijjiiramu waraana walirratti banuun ni dhaabbata, nama fi seenaa walsaamuun ni dhaabbata. Wanta gaarii malee wanti yaraan tokkooyyuu hin jiraatu" jedhan.
"Nuyi Sinodosii hin hundeessine. Qannoonaa bataskaanaas hin tuqne. Paatiriyaarkii hin muudne. Phaaphaasis hin muudne. Luba fi daanqoniillee hin muudne. Nuyi sirna bataskaanaa, seera bataskaanaa takkittiiyyuu hin hir'isne. Kanaafuu abbootin fudhatama fi jaalala addaatin nu simatan" jedhan.
Dhumarrattis "Sinodosii dhaabbii waliin karaa irra deemnu irratti waliigalle. Yaa'iin Sinodosii kana ni fudhatamoo hin fudhatu kan jedhu ni ilaalla" jedhan Lubni Balaay.
'Miseensootni koree Mana Lubummaa Oromiyaa tokko tokko araaramanii kaan immoo hin araaramne' jechuun miidiyaa hawwaasummaa irratti kan barreeffamaa jirummoo dhugaa miti jechuun ibsaniiru.














