Dorgommii Qur'aanaa idila-addunyaa yeroo jalqabaaf Itoophiyaatti adeemsifame

Lammii Joordaan dorgommii Quraanaa injifate

Madda suuraa, Abel Gashaw

Dorgommiin Qur'aanaa idal Addunyaa yeroo jalqabaaf magaalaa guddoo Itoophiyaa Istaadiyoomii Finfinneetti gaggeefame milkaahinaan xumurame.

Dorgomtoonni Qur'aanaa kun Ameerikaa, Kaanaadaa, Paakistaaniifi biyyoota Afrikaa biroo dabalatee biyyoota 40 irraa kan dhufan tahuu qindeessitoota dorgommichaa keessaa tokko kan tahan Ustaaz Nuraddiin Qaasiim BBCtti himaniiru.

Dorgommii gosa sadiitu ture. Inni jalqabaa kanneen keewwata Quraanaa guutuu sammuu isaanitti qabatanii (Hifzii) fi biyyoota garagaraa irraa kan filamani jedhan Ustaaz Nuraddiin.

Dorgommii kana irratti kan hirmaatan kan umriin isaanii 25 gadi ta'eedha.

''Inni lammataa warreen yeroo Qur'aana dubbisan hafuura dheeraa qabachuu danda’aniifi sagalee bareedaa baasuu danda’aniidha.''

Hirmaattotni gosa dorgommii kana irratti hirmaatan ammoo kanneen umriin isaanii 50 gad jiran ta'uu himaniiru.

Warreen Sadaffaan Azaana- sagalee waamicha salaataa, irratti kan dorgoman ta'uu himan.

Dorgommii kanaaf daangaan umrii hin kaawwamne.

Dorgommii isa sadaffaarratti qofa biyyootni torba ta'an dorgomaniiru.

''Dorgommichi morkii cimaa ijaa qabuuf adda baasuufiyyuu rakkisaa ture. Mo’attoonni dorgommichaa, tokkoffaa kan bahe Joordaanirraati, lammaffaan Yaman, sadaffaan immoo Sudaani dha.''

Barbachisummaa sagantaa kanaa kan ibsan Ustaaz Nuraddiin, ''galmi keenyi inni guddaa dargaggoota jajjabeessuufi waa’ee biyya keenyaa waan gaarii agarsiisuudha'' jedhan.

''Bilaal nama Itoophiyaa jalqabaa, yeroo rakkoo Makkaa irratti Azaana godhani dha'' kan jedhan Ustaaz Nuraddiin, biyya Arabaattis iddoon isaan Bilaaliif qaban guddaa ta'uu kaasuun bakka biyyiifi amantootni biyyattii seenaa keessatti qaban yaadataniiru.

Hirmaattota dorgommii Qur'aanaa

Madda suuraa, Raayyaa Abbaamacca

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Dorgommiin kuni asitti adeemsifamuunis seenaa Bilaal sana akka yaadannu nu taasisa. Keessummoonni keenya yeroo buufata xiyyaaraa gahan bo’aa kan galanifaa jiru. Warreen seenaasaa sirriitti beekan baga kanaan geenye, baga lafa kana argine jechuun gammachuu dhaan kan boo’aa turan jiru.''

Dorgommii kanaaf jecha hirmaattotnibiyyoota 56 irraa dhufuufi seenaa Itoophiyaa himuufis carraa banuu dubbatan.

Dorgommii kan sadarkaa tokkoffaan kan injifateef doolaara 10,000, lammaffaa kan baheef 6,000 sadaffaa kan baheef ammoo 3,000 kennameera.

'Ethiopian International Holy Kuran Award', kan dorgommii kana qopheessetti pirazidantii kan ta'an Ustaaz Nuraddin, dorgommiin Quraanaa biyyoota addunyaa hedduu keessatti kan gaggeefamu ta'uus Itoophiyaatti yeroo jalqabaaf akka gaggeefame himaniiru.

Taanzaaniyaatti ammoo dargommii kun sadarkaa Afrikaatti akka gaggeefamu himan.

Dorgommiin kun waggaa waggaan kan gaggeefamu akka ta'us Ustaaz Nuraddiin himaniiru.