Filannoo, caaseffama: bu’uurri waldhibdee Majliisaa maali?

Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa

Madda suuraa, Majlisa Itoophiyaa

Waldhibdeen Gumii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa (Majlisa) Itoophiyaa erga dhalatee kan bubbule ta’us, Ji’a Ramadaanaa bara 1443ffaa (2022) hordofee qoccolloon hooggantoota hoji raawwachiistuu gidduutti akkaan hammaate karaa miidiyaalee hawaasummaa ibsamaa tureera.

Gaaffii hawaasa Muslimaa danuu kan ta’ee fi yeroo dheeraaf osoo hin gaggeeffamin kan ture Yaa’iin Waliigalaa Majlisaa tibba darbe guyyoota afuriif erga gaggeeffamee booda, yaa’ii ALI Caamsaa 18, 2014 hoteela Sharaatanitti taa’amerratti murteewwan hedduun darbaniiru.

Murteewwan yaa’iin kun dabarse keessaa tokko hoji-raawwachiistota mana maree ulamootaa duraan turan kaasuun haaraa filachuu ture.

Koreen hoji-raawwachiistuu haaraan miseensota 15 of keessaa qabaachuu akka qabutti hundaa’e.

Akkasumas yeroo dheeraaf osoo hin raggaasifamiin kan ture seerri ittiin bulmaata Majlisaa, filannoo Fulbaana dhufu gaggeffamu irratti ni ragga’a jedhamee eegamee ture, garuu yaa’ii kanarratti ragga’eera.

Bulchiinsa majlisaa filannocha booda itti fufuuf, seera ittiin bulmaataa dhaabbataa ta’ee akka tajaajilus yaa’iin kun murteesseera.

Yaa’iin kun, bulchiinsa mana maree ce’umsaa yeroonsaa dhumataa jiru bakka bu’u hundeessuuf, filannoo Fulbaana dhufu gaggeeffamuuf koree haala mijeessu filannoo hundeessee raggaasiseera.

Kana malees yaa’ii kanarratti, Gumii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaatti pireezidantii ta’uun waggoota sadan darbaniif tajaajilaa kan turan Mufti Haji Umar Idriis fi Itti Aanaan isaanii Dr Jaylaan Kadir akkasumas barreessaa ta’uun tajaajilaa kan turan itti gaafatamummaasaaniirraa kaafamaniiru.

Bakkasaanii ammoo Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa pireezidantii, Sheek Abdulkariim Itti Aanaa Pireezidantii, akkasumas Sheek Nuuraddiin Daliil barreessaa ta’uun muudamuu yaa’ii gaggeeffamerratti ibsameera.

Murteewwan darban kunneen garuu miseensotaa fi hooggantoota Koree Hoji-raawwachiistuu duraanii biratti fudhatama hin arganne.

Inumaa Muftii Haji Umar Idriis filannoo haarofti gaggeeffamee borumtaa isaa, ‘’Yaa’ichi beekamtii Majlisaa hin qabu. Murteen darbes seeraan ala. Nu birattis, hawaasa birattis fudhatama hin qabu,’’ jechuun karaa miidiyaa hawaasummaa ibsa kennan.

Qoqqoodiinsa har’a Majlisa keessatti mul’atu kun wagga 11 of nu deebisee, bu’uura waldhibdee akka ilaallu nu dirqamsiisa.

Bara sanarraa eegalee dhibdee hawaasa muslimaa keessa jiruuf furmaata barbaaduuf rogeeyyiin hojii eegalan ammallee furmaata waaraarra hin geenye.

Koree Fala Barbaadduu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waggaa 11 dura mootummaan Itoophiyaa yaada amantii al-Habash jedhamu biyya Libaanan irraa gara Itoophiyaa galchuun hawaasa Muslimaa burjaajesseera jechuun hordoftoonni amantichaa, keessattuu beektonni amantichaa gaaffii kaasuu eegalan.

Qaanqeen dubbii gaaffii kanarraa kaate mootummaa fi amantoota gidduutti babal’achuun gaaffilee biro hedduu dhaltee dubbiin daranuu hammaate.

Koree fala barbaadduu hawaasa Muslimaa jechuun beektonni amantichaa sochii eegalan guutummaatti hidhamuu hordofee warraaqsi biraan ‘’Sagaleen keenyaa yaa dhagahamu’’ jedhu miidiyaa hawaasaa irratti eegalamee, achiin booda gara mormii jabaatti geeddarame.

Yeroo sana koreen fala barbaadduu gaaffilee ijoo sadi gaafatan.

Gaaffileen kunneenis: Majlisni nama hawaasni Muslimaa filateen akka gaggeeffamu, barsiisa amantii al-Habash jedhamu humnaan nurratti fe’uun haa dhaabbatu fi dhabbanni Awuliyaa Majlisaan osoo hin taane addatti boordiidhaan buluu qaba kan jedhaniidha.

Miseensonni Koreen fala barbaadduu 17 kan turan yoo ta’u, isaan hunduu himata shororkeessummaa irratti banameen ALI Adoolessa 2007 hidhaan waggaa 7 hanga 22 itti murtaa’ee ture.

Hidhaa waggaa afurii booda bara 2011 mootummaan jala bulti waggaa haraa irratti dhiifama godheefii hidhaatii baase.

Jijjiirama gama siyaasaan biyyattii keessatti uumameen walqabatee yaa’ii waliigalaa ALI Ebla 23, 2011 gaggeeffamerratti kan hundaa’e Manni Maree Ce’umsaa Majlisaa, gaaffilee hawaasni muslimaa waggootaaf kaasaa ture ni deebisa jedhamee eegamee ture.

Majlisa ce’umsaan alattis jaarmiyaa kana keessatti jijjiirama fiduuf koreen miseensota sagal qabus hundaa’ee ture.

Koree kana keessatti miseensonni hammataman; koree fala barbaadduu duraanii keessaa namoota sadi, Majliisa gaaffiin irratti ka’aa ture keessaa namoota sadi fi qaamolee walabaa jedhaman irraa namoota sadi.

Ustaaz Abuubakar Ahmad, Ustaaz Kaamil Shamsuu fi Ustaaz Ahmaddiin Jabal koree fala barbaadduu bakka bu’uun seenan.

Majlisa duraanii keessaa ammoo Mufti Haji Umar Idriis, Sheek Mahaammad Amiin fi Sheek kadir miseensa koree kanaa ta’uun filataman.

Qaamolee walabaa ta’uun kan filataman ammoo Pirofeesar Mahaammad Habiib, Dr Idriis Mahaammad fi Sheek Mahaammad Jamaal turan.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad fi Yeroo sana Ministira Nagaa kan turan Aadde Mufariyaat Kaamil yaa’ii waliigalaa Sharaatan kan hawaasni Muslimaa 500 ta’an kutaalee Itoophiyaa garaagaraa irraa argaman irratti hirmaatanii turan.

Koreen haaraa filatamee fi yaa’iin haaraa gaggeeffame kun rakkoo ture ni fura jedhamee abdatame.

Waliigalatti Majlisi ce’umsaa kun gaaffilee ijoo sadi akka deebisuuf dirqamni itti kennamee ture.

Isaanis: Majlisi qama seera qabeessa ta’ee of danda’ee akka dhaabbatuuf labsii dandeessisu raggaasisuu, qajeeltoo ittiin bulmaata Majlisaa fi tokkummaa fi qindoomina ulamootaa irratti sanada waliigaltee qopheessuun qama dhimmi ilaaluuf dhiyeessanii raggaasisuu fi filannoo gaggeessuun hooggansa Majlisa dhaabbiin gaggeessu filachuudha.

Bulchiinsa Ce’umsaa Majlisaa

Kora Sharaatan booda Yunaayitid Arab Imireetis (UAE), Dubaay keessatti korri lammataa taa’ame.

Korri kun akkaan murteessaa ture, sababni isaa seerri ittiin bulmaata majlisa ce’umsaa kan irratti ragga’e waan ta’eef.

Qajeeltoon ittiin bulmaataa kun caaseffama Majlisa Ce’umsaa ifatti kan kaa’uudha.

Korri Waliigalaa Majlisa Ce’umsaa kun hojii dhimma Islaamummaa qama olaantummaan dursu yoo ta’u, Koreen Ulamootaa ammoo itti aanee lammaffaarra jira.

Koreen Hoji-raawwachiistuu Majlisa Ce’umsaa ammoo sadarkaa sadaffaan kan hoogganu yoo ta’u, ittti aansee boordii Majlisa Ce’umsaatu jira.

Aangoo olaanaa kan qabu Korri Waliigalaa Majlisa Ce’umsaa miseensota 32 kan qabu yoo ta’u, miseensonnis qondaaltota korichaa fi boordii majlisa ce’umsaati.

Itti waamani isaa Kora Waliigalaaf kan ta’e Gumiin Ulamootaa miseenota 26, boordiin ammoo miseensota torba qabu.

Yeroo ce’umsaa Manni Maree Ulamootaa Pireezidantii, Itti Aanaa Pireezidantii fi Barreessaa ta’uun ni filatamu.

Kanaafuu ammaa gaaffii ijoo kan ta’ee fi burjaajiin gidduu kana uumame, Korri Waliigalaa kun Pireezidantii isaa Muftii Haji Umar Idriis fi qondaaltota kaan buqqisee kaan filachuuf mirga qabamoo hin qabu kan jedhuudha.

Bu’uuruma qajeeltoo ittiin bulmaataa Dubaay kanaan Korri Waliigalaa kun miseensota koree hoji-raawwachiistuu filachuu fi kaasuu, akkasumas waggaatti yeroo lama kora gaggeessuuf mirgaa fi dirqama qaba.

Adda addummaan eessatti uumame?

Osoo yaa’iin waliigalaa kun hin waamamiin dura miseensoota mana maree ulamaawwanii keessaa 19 fi miseensoota boordii Mjiliisaa torba pirezidaantichaan ari’atamanii akka turan barsiisaan seenaa fi dhimmicha hordofaa kan turan Ibraahiim Mulushawaa ni dubbatu.

Miseensa koree hojii raawwachiiftuu duraa ta’uun kan turan Sheek Ahimadi Awwal Sa’iid, ‘‘eenyunuu walitti qabuun yaa’ii waliigalaa jechuun qaboo yaa’ii qabsiisanii tokko mudani tokko buusuun sirrii miti,’’ jedhu.

Biyyattiirraa ulamaawwan walitti qabamuun hirmaachu qabu ture kan jedhan Sheek Ahimadi, ofiinu miseensa mana maree ulamaawwanii ta’anii osoo jiranu osoo hin hirmaatiin hafu dubbatu.

Majiliisicha keessa gareen lama jiraachuun osoo beekamu garee tokkicha adda baasuun muduun sirri miti kan jedhan Sheek Ahimad, gareen lamaan kunis suufiifi salafii jedhamuun akka adda baafamu kaasu.

Oggeessi seenaa Ibraahiim Mulushawaa akka jedhaniitti, yaa’ii jalqabaa Sharaataniitti taa’ameerratti ulamaawwan 26 yoo ijaaraman 13 Suufii, 13 ammoo Salaafii bakka bu’uun ture jedhu.

Haata’u malee Majiliis filatameefi garaagarummaan waggoota sadan darbaniif ture bu’urriisaa kana hin turre jedhu.

Fakkeenyaafis namoonni amma ittaanaa fi barreessaaf filataman kanneen akka mallattoo Suufii ta’usaanii kaasu.

Sheek Ahimad Awwal, ‘‘Yeroo Sharaataniitti filatamus sirriin hin hojjatamne.

Dabatu hojjatame. Kan gama lamaan walqixxeessee fi sirreesse hin turre,’’ jechuun qeequ.

Itti dabalunis, ofiisaaniif islaama Suufii ta’usaanii kaasuun, osoo filannoo amma gaggeeffameen filatamanii jiru ta’ee, ‘‘garee tokko bakka bu’uu fi adda bahee osoon deemee silaa eenyutu na simata ture’’ jedhan.

Yaa’icharratti kan hirmaatanii turan Sheek Abdulaaziiz Sheeh Abdul Walii gama saanitiin, yaa’ii Shaaraatan irratti ulamaawwan 26 keessaa tokko ta’un filatamanii turan. Ammas mana maree ulamaawwaniifi koree hojii raawwachiiftuu haaraa filatame keessatti ittaanaa barreessaa ta’un filatamaniiru.

Akka Sheek Abdulaaziiz jedhaniitti, yaa’iin waliigalaa kan miseensoonni barbaachisan guutameefi seera qabeessa ture jedhu. Miseensoota 32 keessaa 22 waan argamaniifu kunis hangi miseensa argamu qabuu guutamu barbaachicha.

‘‘Namoonni muraasni kanneen ilaalcha Suufii qaban qofaa hammachu qaba kanneen jedhan jiru. Ummanni isilaamaa bal’aafii beektoonni maqaawwan amma dhofnuu isaaniif dhimmaafi madda mormii miti.

Garaa garummaan ilaalchaa dhaabbata kamuu keessatti argamu jiraatulleen, garuu ammo dhimma bu’uuraafi kan irratti waliigalan irratti kan wal argan’’ jechuun ibsu.

Garaagarummaan Suufii fi Salfii jidduu jirus akkaataa waaqeeffannaa muraasa ta’u dubbatu. Fakkeenyaaf, Suufiiwwan guyyaa dhaloota Ergamaa Mohaammad ykn Moliidiin ni kabajama yoo jedhan, Silfiiwwan ammo ejjannoo hin kabajamu jedhu akka qaban himu.

Kana malees wantoonni sulaataan booda taasifamaniifi solaanni sagalee ol kaasuun waliin taasifamu bu’uuraalee garaagarummaa keessaa tokko ta’u dubbatu Sheek Ibraahiim wayita garaagarummaa isaan jiru guddaa akka hin taane dubbatan.

Ibiraahiim akka jedhaniitti garaagarummaan jiru kan bulchiinsaati malee kanaa miti.

Yaa’iin waamamee ture seera qabeessa ture kan jedhan Ibraahiim, haala ittiin bulmaata Dubaayiitti mallatteeffameetti pirezidaantiin yaa’ii waamu yoo hin dandeenyee ta’e ittaanaan waamu akka danda’u haaluma kaa’ameen kan gaggeeffameedha jedhu.

Kana malees miseensoonni harka 50 ta’an waan irratti hirmaataniif seera qabeessummaansaa ni cima jedhu.

Gama sabdaneessuummaa ilaalchisuun saba tokkorraa itti baayyataniiru jechuun ka’uufis, miseensoota koree hojii raawwachiiftuu 15 keessaa sabni jedhamu sun kan qabu afur qofaadha jedhu.

Qabxiileen akkasii kunneen kan kaafamanis dandeettii qaxilee akkasiitiin haguuguuf jechadha jedhu.

Majiliisni aangoorra ture aangoo gadhiisuu wayita hin barbaanneetti akkasumas hojii raawwachiftoonni haaraa filataman ittigaafatamummaa harkaa fudhuuf haala eegaa jiraniitti, carraan majiliisa ittaanuu maal ta’a? jedhamuun gaaffii dhiyaateef ture Ibraahiimiif.

Isaanis motummaan dhimmoota amantaa keessa galuu dadhabulleen, garuu yoo garaagarummaan akkasii dhufaniitti itti gaafatamummaa sirna kabachiisu qaba jedhu.

‘‘Dhaabbanni kamuu murteen dabarsu namoota hunda irratti waliigalchiisa jechu miti. Garuu ammo kan miseensoota caalmaan fudhatama argate ta’a.

Yeroo kanattis mootummaan sirna ni kabachiisa,’’ kan jedhan Ibiraahiim, hojii raawwachiiftuun haaraan filatame itti gaafatamummaasaa ni fudhata abdii jedhu qabaachu ibsu.