'Akkuma atileetiksii dorgommii Qur'aanaanis maqaa biyya keenyaa waamsifneerra'

Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa

Madda suuraa, Majlisa Itoophiyaa

Dhiheenya kana dargaggoonni Itoophiyaa dorgommii Qur'aanaatiin addunyaarratti beekamuun maqaansaanii ka'aa tureera.

Dorgommii Quraanaa marsaa 26ffaa Dubaayitti qophaa'erratti dargaggeessi Itoophiyaa Abbaas Haadii lammaffaa ba'uun xumureera.

Dorgommii Qur'aanaa waggaatti yeroo tokko ji'a Ramadaanaa keessa Dubaayitti gaggeeffamu kanarratti damee hifzii (Quraana lapheetti qabachuu/sammuu keessaa qara'uu)tiin biyyoota 65 irraa hirmaatan.

Maddi oduu Imireetis- Emirates News Agency akka gabaasetti, dorgommii kanaarratti Saleh Ahmad Baangilaadesh irraa, Abbaas Haadii Umar Itoophiyaarraa, Kaaliid Al Burqaanii Sa'uudii Arabiyaa irraa walduraa-duubaan tokkoffaa hanga sadaffaa ba'uun xumuran.

Dhimma dorgommii Quraanaa fi bu'aa inni amantii Islaamaafis ta'e biyyaaf buusu ilaalchisuun Pireezidantii Gumii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa dubbisneerra.

Abbaas Haadii qofa osoo hin taane dhiheenya kana ijoolleen manneen barnootaa amantii Islaamaa keessatti haafiza Qur’aanaa ta’uun dorgommii keessa galan hedduudha jedhan Sheek Hajjii Ibiraahim Tufaa.

''Manneen barnootaa gara garaa banamanii Qur’aanni bakka baayyeetti haffazamaa jira,'' jedhan.

''Majlisi keenya erga baatii sagal dura adeemsa jijjiiramaa keessa seenee wantoota hojjete ijoo keessaa tokko dorgommii Qur’aanaati.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dorgommii Quraanaa ji'a Ramadaanaa kana keessa Sa'uudii Arabiyaatti qophaa'ee ture irrattis lammiin Itoophiyaa Mohammad Nuur jedhamu xumuraaf ga'ee akka ture gaazexaan biyya Sa'uudii- Saudi Gazette jedhamu gabaaseera.

Dorgommiin dorgomtoota 50,000 ta'an biyyoota 165 irraa hirmaachise kun hifzii Quraanaa fi Azaanaan gaggeeffame.

Hifzii Qur'aanaan lammiin Iraan Yuunis Shahamradi, Azaanaan ammoo lammiin Sa'uudii Mohammad Al-Shariif tokkoffaa ba'an.

Seeh Hajjii Ibraahim Tufaa akka jedhanitti gareen ulamaa akkuma addunyaarratti ijaaramuti sadarkaasaa eeggachuun Itoophiyaa keessattis ijaaramuun gama dorgommii Qur'aanaan fooyya'iinsi akka argamu gumaacheera.

''Gamtaan Ulamaa Gurguddaa Itoophiyaa kun wayita ijaaramee hojiisaa hojjetaa jiruttidha milkaa’inni kun kann argame'', jedhan.

Adeemsi ijoolleen Itoophiyaa keessa dabartee dorgommii addunyaaf geesse wayita ibsan, ''Baatii lama dura dorgommii Qur’aanaa asitti gaggeessinee turre. Gurbaan amma Dubaayitti lammaffaa ba’e asitti wayita calallu tokkoffaa ture,'' jedhan.

''Dorgommiin kun jiraachuu boodarrra dhageenye. Xalayaan turee nu gahe. Dorgommiirratti garuu booddeetti hin hafne.''

''Wayituma xalayaan kun nu ga’u ulamaa’onni keenya ijoollee collee ta’an naannolee Itoophiyaa hunda (14) irraa dorgomsiisan. Kan dorgomsiisanis asuma mooraa majlisaa keessatti. Kanaan booda ijoollee 1ffaa, 2ffaa fi 3ffaa ba’an ergan,'' jechuun qophii ture ibsan.

Dorgommii biyyoota barnoota Qur’aanaan beekamoo ta’an hedduu waliin taasifamerratti sadarkaa lammaffaan xumuruun salphaa hin turre kan jedhan Sheek Hajjii Ibraahim tufaa, ''Gurbaan keenya kun biyya keenya irratti diinii Islaamaa fi Qur’aana duraanuu ulfaataa turetti kabaja hore,'' jedhan.

''Atileetiksii qofa osoo hin taane Qur’aanaanis beekamneerra''

Abbaas Haadii dorgommii hifzii Qur'aanaan lammaffaa ba'ee badhaafame

Madda suuraa, Majlisa Itoophiyaa

Ibsa waa'ee suuraa, Abbaas Haadii dorgommii hifzii Qur'aanaan lammaffaa ba'ee wayita badhaafamu

Biyyi keenya yeroo baayyee dorgommii fiigichaa (Atileetiksiidhaan) beekamti kan jedhan Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa garuu amma Qur’aanaanillee meedaaliyaa fudhachuun akka danda’amu mirkaneessineerra jedhan.

''Akkuma atileetonni kanneen lafaa dhufaniif fakkeenya ta’uun atileetota hedduu horatan ijoolleen dorgommii Qur’aanaan addunyaarrati maqaa biyya keenyaa waamsisan dhaloota boodaan dhufaniif fakeenya ta’u.''

''Ijoolleen kunneen carraan akkanaa jiraachuu daandii saaqan. Kan duubaan dhufan ammoo carraa kana bal’isanii itti fayyadamuun maqaa biyya keenyaa kana caalaa waamsisu,'' jechuun bu'aa jalqabbii dorgommii kanaa ibsan.

''Gama Kanaan carraan alaabaan biyyattii addunyaarratti mirmirfamuu argameera.''

Dorgommiin kun Itoophiyaa fi seenaan amantii Islaamaa walitti hidhama inni qabu addunyaatti kan mul'ise ta'uus eeran.

''Diiniin Islaamaa Makkarraa eegalee osoo uguruu (bakka kamuu) hin seenin, Madiinaa biyya kabajamtuu, magaalaa rasuulaa dursuun biyyattii Itoophiyaa kana seene,'' jedhan.

''Mootii Haqaa mootii jaallatamaa Najjaashii Rasuulli (SAW) nama haqaa ta’uu ragaa ba’uufiin namoota itti ergatan. Innis wayita Qurashoonni Rasuulaa fi waahillan diinii azaa gootee dhiphistu simatee da’oo ta’eef.''

Mootiin As-hamaa Ibni Abjar maqaa Najjaashii jedhamuun beekamu mootii haqaa, uummatasaa walitti qabee tajaajiluun beekamu yeroo jalqabaaf amantii Islaamaa Itoophiyaa kan galche Madiinaa dura jechuun seenaa ture kaasan Sheek Hajjii Ibraahim Tufaa.

''Rasuulli (SAW) mootiin uummatasaa jaallatu, mootiin haqaa Itoophiyaa jira jedhee namoota diinii waan babal’isaniif darararman itti erge. Innis simatee da’oo ta’eef.''

Akkas ta’ee osoo jiruu garuu sabab bulchiinsaa fi ilaalcha mootolee dhufaa darbaan biyyattii bulchaa turanii amantiin walqabatee akkaataan biyyi keenya itti hubatamaa turte dogoggora jechuunis haala biyyattii ibsan.

Itoophiyaan 'oddoola kiristaanaati' jedhamuun waggootaaf kan beekamaa turte yoo ta’u, dhugaan jiru garuu Itoophiyaan biyya amantii Islaamaa fudhachuunis hangafa taate ta’uusheeti jedhan.

''Wayita ijoolleen keenya dorgommii Qur’aanaatiin addunyaarratti haala Kanaan maqaa biyyaa waamsisan seenaan amantii Islaamaa biyyattii keessatti qabus ni yaadatama.''

Yeroo ammaa Islaamni abbaa biyyaa, amantoota kaan waliin mirga walqixaa qabu ta’ee jiras jedhu.

''Akka biyyaattis amantiin Islaamaa akkuma amantiiwwan biyyattii keessa jiran kaanii mirgaa fi beekamtii walqixaa argatee akka jaarmiyaattis beekamee akka jiraatuuf Majlisi beekamtii argateera.''

Ammaan tana biyya keenya keessatti mirga walqixaa qabaannee, mataa olqabannee abbaa biyyummaa mirkaneeffannee jiraachuurra darbinee biyya alaattillee dorgomnee maqaa biyya keenyaa waamsisuurra geenyeerra jedhan.

Gara fuulduraattis dorgommii kana qofa osoo hin taane barnoota ilmiillee bal’inaan kan gaggeessinu ta’a jedhan.

''Itoophiyaa keessatti lakkoofsi muslimootaa dhibbeentaa guddaadha. Kanaafuu baayyina keenyaan diinii keenyas babal’ifnee fayyadamummaa keenyas ni mirkaneeffanna.''