Karoora Gaazaatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeesse biyyoonni Baha Giddugalaafi Awurooppaa deeggaran
Karoora Gaazaatti waraana dhaabuun nagaa buusuu Tiraamp ifa godhe gaggeessitoonni biyyoota Awurooppaafi Baha Giddu Galeessaa simatan.
Karoorri Tiraampii fi Netaaniyaahuu waliin irratti walii galan kun Gaazatti waraanni hatattamaan akka dhaabatu, Hamaas namoota butee harkaa qabu kanneen lubbuun jiran 20 fi kanneen du'an hundumaa sa'aatii 72 keeessatti akka gadi lakkisu, akkasumas Israa'eel Filisxeemota Gaazaa keessaa hiite heddu akka gadi lakkistu tarreessa.
Karoorri Gaazatti nagaa buusuu Tiraamp dhiyeessefi qabxii 20 qabu kun Hamaasif kennamuu maddeen BBCtti himaniiru.
Akkaataa karoora kanaatti Hamaas bulchiinsa Gaazaa keessaa gahee homaatuu hin qabaatu. Waa'ee walabummaa Filisxeem karoorri Tiraamp kun banaa godhee dhiise.
Tiraamp Netaaniyaahuu waliin erga mariyatanii booda karooricha yeroo ifa godhu "nagaa buusuuf karoora seena qabeessadha" jechuun ibse.
Hamaas karooricha hin fudhatu taanan, Israa'el Hamaas akka balleessituuf US ni deeggarsti jedhe.
Netaaniyaahuun gamasaan, Hamaas karooraa nagaa Tiraamp dhiyeesse kana hin fudhatu taanan Israa'eel "Israa'e hojii gafe ni xumurti" jechuun Hamaasitti dhaadate.
Weest Baank bulchaa kan jiru Abbaan Taayitaa Filisxeem (PA) tattaaffii Tiraamp taasise jajeera.
Biyyoonni akka Masirii, Kaataar, Turkii, Yunaayitid Arab Emireetis, Saawudii Arabiyaa, Indooneeshiyaafi Paakistaan fa'aa Tiraamp waraana Gaazaa dhaabsiisuuf tattaaffii taasise akka fudhatan ibsa waloo karaa miniteerota dhimma alaasaanii baasaniin beeksisan.
Karoorri kun Gaazatti nagaa buusee gara biyyummaa Filisxeemitti akka geessuuf deeggarsa akka godhanis beeksisan biyyoonni kunneen.
Pirezidaantiin Kaawinsilii Gamtaa Awurooppaa Antooniyoo Koostaa Netaaniyaahuun karoora Tiraamp dhiyeesse kanaaf deebii gaarii kennuusaaf akka dinqisiifatan beeksisan.

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Karoorri Gaazatti waraana dhaabanii nagaa buusuu kun kan hojiirra oolu yoo ta'e, waraanni gaggeeffamaa jiru battalatti akka dhaabatu ta'a. Hanga haalli mijaayewe loltoonni israa'el sadarkaa sadarkaan hanga bahanitti adda waraanaa jiru bakkuma jirutti akka dhaabatu godhama.
Hamaas hidhannoo hiikkachuun ulaawwan lafa jalaafi bakki inni itti meeshaalee waraanaa omishu akka manca'u godhama.
Tokkoon tokkoo reeffa namoota butamanii Gaazaa jiraniif Israa'el reeffa Filisxeemota du'anii 15 gadi lakkifti.
Gareen lamaanuu karoora dhiyaate kanatti gaafa waliif galan, deeggarsi namoomaa guutummaan Gaazaa akka seenu akka godhamus karooricha keessatti ibsameera.
Gaazaan gara fuulduraatti akkamitti akka bultu ilaalchisees bulchiinsi Tiraamp karoora qopheesse ifa godheera.
Akkaataa bulchiinsa Gaazaa ta'uu qaba jedhamee qophaa'e kanaatti, koreen namoota siyaasaa Filisxeem hundaa'ee yeroof Gaazaa akka bulchu godhama. Koreen kun ammoo boordii qaama idiladdunyaa ta'e kan Tiraamp "Boordii Nageenyaa" jechuun moggaaseen to'atama.
Ministiirri Muummee duraanii UK Toonii Bileer miseensa Boordii Nageenyaa (Board of Peace) jedhamu kanaa ta'uu Tiraamp ibseera.
Minsitiirri Muummee UK Kiir Israarmar karoora Tiraamp kana simachuun: "Qaamoleen hunduu walitti dhufanii bulchiinsa US waliin hojjachuun waliigaltichatti xumura gochuun hojiitti akka hiikaniif waamicha goona" jedhan.
Hamaas yaada dhiyaatetti walii galee meeshaa hiikkachuun gidiraan Gaazaa xumura akka argatu akka godhus gaafatan.
Pirezidaantiin Faransaayi Imaanu'eel Maakroon waraanni xumuramee namoonni butaman akka gadi lakkifamaniif biyyisaanii deeggarsa barbaachisu akka gootu ibsan.
Akkaataa karoora Tiraamp dhiyeesse kanaatti, Hamaas bulchiinsa Gaazaa keessattai kallattiinis ta'ee al-kallattiin gahee homaatuu hin qabaatu.
Irra jireessi karoorichaa waa'ee Gaazaa deebisanii ijaarufi diinagdeen misoomsuu yoo ta'u, Israa'el Gaazaa akka hin bulchine ykn hin fudhannes ni ibsa.
Akkasumas loltootashee sadarkaa sadarkaan achii akka baastu karooricha keessatti ibsameera.
Hamaas gamasaan karoorri kamiyyuu fayidaa uummata Filisxeem kan hin sharafnee ta'uu akka qabuufi Israa'el guutummaan Gaazaa gadi dhiistee akka baatu kan godhu ta'uu qaba jechuun ibsee ture.
Waa'ee hidhannoo hiikkachuu ilaalchisee BBCn qondaala Filisxeem gaafatee: "Hidhannoon ittiin qabsoo gaggeessinu hanga sarara diimadha" jechuun hanga Israa'el daangaa Filisxeem qabattee jirtutti hidhannoo akka hin hiikkanne ibse.
Hidhannoo hiikkachuun marii siyaasaa biyyummaa Filisxeem daangaa bara 1967 tureen kan ilaalamu akka ta'us ibse qondaalli kun.
Doonaald Tiraamp erga Waayit Haawusitti deebi'ee as jabeessee Netaaniyaahuu kan deeggaru ta'us, sochii Israa'el torbanoota dhiyoo as taasisaa jirtutti aarera.
Keessumaa qondaalota Hamaas biyya michuu US taate Kaataar keessatti haleeluushee Tiraamp hin jaalanne.
Netaaniyaahuun Waayit Haawusitti Tiraamp waliin osoo marii hin gaggeessin dura gaggeessaa Kaataar Mohaammad bin Abdulrahaman bin Jaasim al-Taaniif bilbiluun dhiifama gaafateera.













