US jeneraalotaafi ajajoota waraanaashee guutuu addunyaarra jiran maaliif waamte?

Madda suuraa, Getty Images
US Jeneraalonni, ajajoonnifi qondaalonni waraanaasheee bakkeewwan garaa garaatti bobba'anii jiran wal-gahiif gara biyyaa akka galan waamte.
US qondaalota waraanaashee hunda bakka tokkotti wal-gahiif walitti qabuun kana dura heddu baratamaa hin turre.
Waamicha Ministiirri Waraanaa US Piit Heegs jeneralotaafi ajajoota waraanaa biyyattii addunyaarra jiraniif taasisaniin gaggeessitooni waraanaa kunneen waamicha godhameef fudhachuun gara US imaluuf akka jedhan maddi oduu Rooyitars gabaase.
Walgahiin qondaalonni waraanaa US kun torban dhufu kan gaggeeffamu yoo ta'u, Varjiiniyaatti gaggeeffama jedhame.
Waamichi ajajoota waraanaa UStiif taasifamuu hordsofee dhimmi qondaalota waraanaa addunyaa mararraa bakka tokkotti akka wal-gahan taasise maalidha? kan jedhu gaaffiin ijoon ka'aa jira.
Maddi oduu Rooyitars qondaalota US irraa odeeffachuun akka gabaasetti, qondaalonni lama Humni Waraanaa US "ilaalcha waraanaa" (war ethos) akka qabaatu kan jedhurratti irratti xiyyeeffachuun waan hin oolledha.
gabaase.
Qondaalli sadaffaan ammoo qondaalonni waraanaa olaanoon guutuu addunyaarraa wal-gahuunsaanii akkasumaan dhimma salphaaf osoo hin taane, dhimmoota jajjaboo kanneen aka tarsiimoo ittisa biyyaalessaa, akkasumas lakkoofsi qondaalota waraanaa olaanon waraana keessaa xiqqeeffamuu akka malan fa'aa ka'uun akka irratti mariyatamutu kaasan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maddeen Rooyitarsitti akka himanitti, ajajoonnifi qondaalonni waraanaa US guutuu addunyaarraa dhufan Virjiiniyaa Marine Corps University keessatti akka wal-gahuuf jedhu.
Ajajoonni waraanaa olaanon ammoo xayyaarota waraanaa UStiin akka dhufan kan godhame yoo ta'u, buufata waraanaa Joint Base Andrews jedhamu kan Meerilaand keessatti argamutti erga bu'anii booda gara bakka wal-gahichaa deemu jedhame.
US addunyaa bakkeewwan heddurraa buufataalee waraanaa qabdi. Isaan keessaa bakkeewwan fageenyarratti argaman kanneen akka Kooriyaa Kibbaafi Jaappaan fa'aadha.
US buufataalee waraanaa addunyaa bakka garaa garaatii qabdu kanneen jeneraalotaafi admiiraalota waraanaa gulantaa urjii lamaa hanga urjii afurii qabaniini kan hoggantu.
Ministiirri Waraanaa US Piit Heegs haasaa yeroo heddu taasisu keessatti, waraanni U.S "ilaalcha waraanaa" akka qabaatudha.
Jalqaba ji'a kanaa ammoo Doonaald Tiraamp Ministeera Ittisaa gara Ministeera Waraanatti akka jijjiiramu ajajee ture.












