Xiyyaarootaafi konkolaataa Tiraamp rasaasni hin urreefi dhohinsa nikularaa dandamatan

Helikooptarri Ospireyis yeroo Tiraamp Ingilaanditti Akkaadaamii Waraanaa Saandhurst Waxabajjii 13 bara 2018 daawwataniitti osoo gubbaan balali'aa jirtu

Madda suuraa, Warren Little/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Helikooptarri Ospireyis yeroo Tiraamp Ingilaanditti Akkaadaamii Waraanaa Saandhurst bara 2018 daawwataniitti osoo gubbaan balali'aa jirtu

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dowwannaa isaanii lammaffatiif torban kana Yunaayitid Kiingidam dhaqaniiru. Imalasaanii kanarrattis namoonni hedduufi meeshaalee tajaajilaa nageenyaa garaagaraa waliin imalaniiru.

Tiraamp dowwannaa isaanii Yunaayitid Kingidamiitti taasisan irratti nageenyasanaii eeggachuuf baasii doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu taasianiiru.

Miseensoonni gareen nageenyaa yeroo pirezidantiin Ameerikaa tokko bakka ta'e imalaniitti hojii eegumsaa taasisan Tajaajilli Iccitii [ Secret Service] jedhamaniifi qondaaltoonni poolisii biyyattii eegumsa taasisu.

Tiraamp dowwannaa isaanii jalqabaa Waxabajii 2019tti UKtti taasisaniin qondaaltoonni poolisoota Yunaayitid Kiingidam 6,000 olituu bobbaafame ture.

Dowwannaa sanaaf ammoo baasii paawundii miiliyoona 3.4 ta'utu baasii taafsifame.

Ajjeechaa aktivistii warra dudhaa durii leellisan Chaarlii Kiirk tibbana Yunvarsitii Yuutaah keessatti raawwatame hordofee eegumsii pirezidantii Tiraamp caalaa cimfameera.

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp waardiyyaa kabajaa Prinsi Chaarlis, MootiiWeels waliin masaraa Baakiinghaamitti Waxabajjii 3, 2019 Landan, Ingilizii keessatti yoo doowwataa jiru.

Madda suuraa, Toby Melville - WPA Pool/Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidanti Tiraamp ji'a Waxabajjii 2019tti yeroo masaraa Baakiinghaam keessatti Eegduu Kabajaa sakatta'aa jiran

Dhimma Tajaajila Iccitiirratti barreessaan ogummaa, Roonaald Keeslar akka jedhanitti, qophiin daawwannaa biyyattiitti pirezidantichi taasisan kun osoo hin eegaliin "torban hedduun" dura kan jalqabameedha.

Akkasumas poolisii naannoo waliin marii taasifamuu akkasumas balaa dhufuu danda'u kamiyyuu hordofuu kan dabalatee qophiilee dursaa taasifamu himan.

Ergamtoonni Tajaajila Iccitii tilmaamaan gara 60 ta'an yeroo baayyee kallattiin pirezidanticha eeguuf itti gaafatamummaan itti kennama.

Poolisii naannoo kanneen dallaa poolisii ykn loltootaa hundeessuuf, tiraafikaa ugguruu fi naannoo qilleensaa eeguuf itti fayyadamu.

Yeroo pirezidantichi imaluutti garicha keessatti dureewwanii fi hojjettoonni deggersaa kennan dhibbaan lakkaa'aman ni hammata jedhamee yaadama.

Waayit Hawuus qilleensarratti

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tiraamp haadha warraasaanii Melaaniyaa waliin kan imalan yoo ta'u, isaanis xiyyaara pirezidantii akka barbaadamuun hojjetamee fi Boeing 747-200B kan sadarkaa olaanaa qabuu fi Air Force One jedhamuun beekamuun gara UK imalan.

Gosti xiyyaara Air Force One tokko qofaa miti. Inumaayyuu xiyyaarota 'Boeing 747-200B series lama' addatti hojjataman keessaa tokko fi koodii addaa 28000 fi 29000 jedhu qabu.

Xiyyaarri Air Force One yoo alaa ilaalamu kanneen daldalaaf oolan fakkaatu. Haata'u malee sababii meeshaalee elektirooniksii fi sirna ittisaa sadarkaa olaanaa qabaniin xiyyaara waraanaatti ramadamu.

Raadara diinaa jaamsuun haleellaa qilleensaa dandamachuu fi misaa'ela ho'a barbaadu daandii irraa darbachuuf ibidda baasuu danda'uudhaan kan qophaa'edha. Akkasumas qilleensa keessaa boba'aa guutuu kan danda'u yoo ta'u, yeroo hin daangeffamneef akka balali'u taasisa - yeroo balaa tasaa murteessaadha.

Xiyyaarichi haleellaa qilleensaa dandamachuu fi akka raadaarii diinaa jala miliqu taasifamee hojjatame. Sirna miisa'eloota kiyyeeffannaawwan ho'a qaban hordofuun haleellan ittisuuf kan dandeessisu qaba.

Xiyaarichi osoo imalarra jiruu yoo boba'aan barbaachise qilleensa irra ta'e boba'aa guuttachu danda'a. Kunis tibba balaatti osoo hin qubatiin sa'aatii dheeraaf balali'u dandeessisa.

Giraafiksii xiyyaara Air Force One fi karoora keessaa isaa agarsiisu

Keeyyoo xiyyaara kanaas, pirezidantiichaafi namoota isaan waliin imalaniif mijataa kan ta'e bakka bal'ina kaaree meetira kuma afur ta'u qaba.

Kunis kan sadarkaalee sadiitti adda qoodamee argamuudha.

Isaanis kutaa pirezidantii guddaa. kutaa itti walaansi baqaqsanii wallaanuu itti taasifamuu danda'uu fi kutaa gaazexessitootaa, eddoo hojjattoota nageenyaa fi barreessitootaaf ramadamee kan hammatuudha.

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp fi Giiftii Duree Melaaniyaa Tiraamp

Madda suuraa, ISABEL INFANTES/AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Traamp fi Giiftii Duree Melaaniyaa Tiraamp guyyaa jalqabaa Daawwannaasaanii Mootummaa UK bara 2019.

'Z Biistiin' imaluu

Pirezidantichi tokkicha lafarra geenyaan, konkolaattoota qananii fi eegumsii nageenyaasaanii mirkanaa'e Kaadiilaad Waani (Cadillac One)tu isaan eega.

Konkolaataan ajaja addaatiin hojjate 'Z Biisti' moggaasa jedhuun beekama. Konkolaattoonni kunneenis sababii malee moggaasa kana hin arganne.

Pirezidanti Tiraamp osoo osoo UK hin qaqabiin dura konkolaattawwan liimuuzii wal fakkaatan lama gara buufata xiyyaara waraanaatti geeffamuun qophaa'anii eegan.

Dabalataanis konkolaattoonni Sakireeti Servis hedduun waliin geeffaman.

Suuraa konkolaattota gurraacha kanneen qaama konkolaataa Pirezidaantii Ameerikaa keessaa tokko ta'uun isaa himame agarsiisan

Madda suuraa, US Secret Service via X

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Tajaajilli Iccitii Ameerikaa X irratti barreeffama "#POTUSinAsia waliin maxxanfame, 'The Beast' baayyee gaarii dhiisuu hin dandeenye!" jedha
Suuraa Tajaajila Icciitii Ameerikaatiin qaamaa konkolaattoota pirezidantii Ameerikaa ta'usaanii X irratti maxxanfaman

Madda suuraa, US Secret Service via

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Tajaajila Icciitii Ameerikaatiin X irratti maxxanfaman

Pirezidantichi gosa konkolaataa qananii kanaa keessaa tokkoon yoo imalan, kaan ammoo akka konkolaataan pirezidantichi keessa jiran adda hin baafamneef marsanii waliin adeemu.

Konkolaattoonni lamaanu lakkoofsi gabatee isaanii ammoo Washington DC - 800-002 - kan jedhu fayyadamu.

Tajaajilli Iccitii fi oomishaan konkolaataa kanneenii, Jeneraal Mootars, waa'ee kokolaattoota kanneen irratti eenyumaafuu odeeffannoo hin kennan.

Haata'u malee waa'ee amaloota nageenya konkolaattoota kanneenii tokko tokko ni beekamaa.

Konkolaattoonni kunneen qaamaa fi foddaa rasaasni isaan hin urree irraa hojjataman.

Kunis haguuggii guddaa gara toonii sagal (20,000lb) ta'uun qabaachuun kanaaf gumaacha qaba.

Kana malee, boombii imimmaaneessaa kan ittisuufi kaameraan halkan arguu fi bilbila saatalaayitii of keessaa qabu akka qabu himama.

Giraafksii konkolaataa pirezidantii 'Z Biisti' jedhamu

Konkolaataan Z Biisti dhiheenya keessa oomishaman kan tajaajila wallaansaatiif akka ooluutti kan oksijiiniin hojjatamee yoo ta'u, haaluma walfakkaatuun qabanneessaas qaba.

Kun kan yeroo balaan tasaa mudatuutti itti fayyadamuuf of kan yaadamee hojjatameefiidha.

The Beast akka qaama konkolaataa pirezidaantii ta'ee kan imalu yoo ta'u, isaan keessa konolaattoonni 12 ol ta'an ammoo ni jiraatu.

Isaanis dabaaltoota poolisii, miseensoota haleellaa deebii kennuu fi garee haleellaa raawwatan, kokolaattoota qunnamtii hidhannoo qaban, oggeessota wallaansaa fi ogeessoota sabaa himaa kaan konklaataan waliin imalu.

Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi haadha warraa saanii Giiftii Duree Meelaaniyaa Tiraamp wayita Waxabajjii 3, 2019 Landan dowwataniitti

Madda suuraa, DANIEL LEAL/AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidanti Tiraamp wayita bara 2019tti masaraa Bakinghaam dowwataniitti konkolaatoota isaan dabaalaa deeman

Konklaattoonni konkolaataa pirezidantii dabaalanii imalaa jiran namoota ilaalaniifi kanneen haleellaa raawwachu barbaadaniif kam akka ta'e adda baasuun rakkiisaa ta'u mala.

Yoo haallo yaaddeessaan jiraateetti ammoo Tajaajilli Icciitii ''Tiraampiin konkolaataa tokko keessaa kan gara biraatti jijjiruu'' akka danda'an dubbatu Mr Keeslar.

Imala samiirraa

Tiraamp imalawwan gaggabaaboo konkolaataa liimuziin imalu. Imalasaanii irra jireessa karaa qilleensaan taasisuu jedhamee eegama. Waxabajjii darbe gara Iskotilaandiitti imala wal fakkaataa taasisaniiru.

Pirezidantichi hilekoparoota heddu qabatanii gara UKtti imalan. Isaan keessaa Maariin Waan (Marine One) tokkodha.

Helekoparri kunia akkuma Air Force One'tti hilikoopara addaa osoo hin taane, xiyyaara pirezidanticha geejiban Humna Galaana Ameerikaa addaa Kuuppar (US Marine Corps) jedhamuudha.

Gosti hilikoprata imala kanaaf itti fayydamame ammoo kan Iskorsikii VH-3D Sii King jedhamuufi kan torban darbe Wiindsoor irra yoo balalii'u mulateedha.

Hiilikooptara Maariin Waan

Hilikooptaroonni kunneenis 'Waayit Toopp'' jedhamuun beekamu. Moggaasa isaanii kanas kan argatan waan haala miisaa'el ittiisuu fi sirna raadaarootaa fashaleessuu akkasumas raafama elektoromaagneetikii dhohiinsa niikulaaraa akka dandamataniin kan hojjataman ta'usaanitti.

Nageenya helikopatarootaa eeguuf jechaa fi kan pirezidantiin ittiin imalan adda baasanii haleellaa raawwachuuf rakkisaa taasiisuuf jecha gareen hilikoptarootaa Mariin Waan waliin akka balalii'an taasifama.

Kana malees hilikoptaroota Osprey MV-22 lama ykn sadiin dabaalamu. Xiyyaaroonni kunneen, kan ''Giriin Toopp'' jedhamuun waamaman yoo ta'u, kallattii cinaatiin qubachuuf dandeettii qabu.

Safiisni balaliinsaa fi dandeettiin isaanii baayyee filatamo isaan taasisa.

Hilikopratti kunneenis hojjattoota deeggarsa kennan, miseensoota humna addaa fi hojjattoota Tajaajila Icciitii kan dedebiisaniidha. Akkasumas balaawwan tibba balaliinsaatti mudatan to'achuuf itti gaafatamummaa qabu.

Helikoptaroonni Osipireeyi yeroo marsaniifi qubachuuf jedhan sagalee guddaa dhageessisu. Yeroo Tiraamp bara 2019tti dowwannaa saanii jalqabaa Yunaayitid Kingidamiitti taasisaniitti naannoo Landan yoo socha'an mul'ataniiru.

Hojjattoonni pirezidantichaa kaanis xiyyaaraan geejibamaniiru. Kun ammoo tibba imala Tiraampiitti xiyyaaroonni hedduun akka isa waliin imalan kan taasisuudha.

Yaadoo diroonotaa

Dallaan nageenyaa guddaan "giingoo sibilaa" naannoo qabeenya Wiinsor kaa'ameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Dallaan nageenyaa guddaan "giingoo sibilaa" naannoo qabeenya Wiinsor kaa'ameera

Mootii Chaarlis III fi Giiftii Kaamiilaan Pirezidanti Tiraampiifi haadha warraasaanii masaraa mootummaa Windisor'tti keessummessu.

Xiyyaaroota nama maleessa dabalatee xiyyaaroonni naannoo masaraatti akka balali'an hin hayyamamuuf jedheera poolisiin naannichaa. Kana deeggaruudhaaf tajaajila poolisii qilleensa biyyaaleessaatiif deeggarsa taasisa.

Akka Keesilar yoo ta'u, yaaddoo diroonoti uuman Tajaajila Iccitii addaa fi kallattii xiyyeeffannaa haaraa ta'a.

Tiraamp bara aangoo lammaffaa yeroo dorgomutti duula yeroo bara 2024 gaggeessaniitti yaalii ajjeechaa yeroo irratti raawwatameetti, Tajaajila Iccitii hanqinni dandeettii farra diroonii akka qabu ifatti mul'ata.

Kaartaa Masaraa Wiinsor agarsiisu

Pirezident Doonaald Tiraamp yeroo ammaa Yunaayitid Kingidam guyyaa lamaaf turan. Sagntaan ummata waliin fulduratti itti wal argan hin qabamne.

Maatiin mootummaa afaa diimaa pirezidantichaafi haadha warraa saanitiif simannaa ho'aa taasisaniifiiru. Jeettiiwwan waraanaa Yunaayitid Kingidamii fi Ameerikaas samiirratti mul'ataniiru.

Namoonni kumaatamaan lakkaa'amis hiriira farra Tiraamp gaggeeffame irratti Wiindisar fi jidduugala Landaniitti hirmaataniiru.