Tiraamp UN 'shira narratti hojjete' jechuun akka qoratamu gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp kora 80ffaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) irratti haasaa taasisuuf wayita deeman ''yeroo sadi shirri irratti raawwatamuu'' himachuun dhaabbatichi dhimma kanarratti qorannoo akka jalqabu gaafatan.
Tiraamp miidiyaa hawaasummaasaaniirratti wayita liiftii fayyadamuun giifti duree US waliin gara galma walga'ii seenuuf jedhanitti maashiniin hojiin ala ta'uu akka daba irratti raawwatameetti ibsan.
Itti aansuun wayita galma seenanii haasaa taasisuuf jedhanitti meeshaan qabiyyee ergaasaanii irraa dubbisan- Teleprompter hojjechuu dhaabuu akkasumas sagaleen ciccitaa akka ture ibsuun ''yeroo sadi shirri narratti raawwatameera,'' jechuun himatan.
Aanga'oonni UN sagaleen kan hir'ifameef namoonni afaanni hiikamuuf akka sirnaan dhagahaniif ta'uu ibse.
UN liftiin kan dhaabbateef namni viidiyoo Tiraamp waraabaa ture duubatti deebi'ee waan ba'eef ta'uu akka hin oolle ibseera.
Teleprompter ammoo kan jilli Ameerikaa qabatanii dhufaniidha jedha jaarmiyaan kun.
Tiraamp yaada Truth Social irratti maxxansaniin taatee mudate akkaan qeeqaniiru.
Dhimma kanarratti qorannoon akka eegaluuf Barreessaa Olaanaa UN Antooniyoo Guteereeziif xalayaa akka barreessanis ibsaniiru.
''Wanti Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti na mudate baayyee qaanessaadha. Tokko ykn lama qofa osoo hin taane yeroo sadi dabi raawwateera. Kun akka carraa waan mudate miti. Yeroo sadidha shirri kan raawwatame. Hojiisaaniitti qaana'uutu irra jiraata.''
Pirezidant Tiraamp namoonni liftii to'ataa turan akka to'annoo seeraa jala oolanis gaafataniiru.
''Kun shira. Kaameeraawwan nageenyaa naannoo liftii sana jiran sirriitti ilaalamuu qabu. Sekreet Sarviis haala kanaa xiyyeeffannaan hordofaa jira,'' jedhan.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Ambaasaaddara Ameerikaa kan ta'an Maayik Waaltiz taatee kana ''waan fudhatama hin qabnedha'' jechuun yaada Tiraamp qorannoon haa gaggeeffamu jedhan tumsaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''US yaaddoo nageenyaa akkanaa fi dhimmoota waltajjii addunyaa akka kanaarratti kabaja namaa gadi buusaniif araarama tokkollee hin qabdu. Deebii hatattamaa eegna,'' jechuun X irratti barreessan.
Roobii darbe Pirees Sekreetariin Waayit Haawus Kaaroolaayin Leeviit liftiin akka dhaabbatu kan taasifame itti yaadameeti jechuun haala tureen guddoo yaadda'uu ibsan.
''Pirezidantichi fi giifti dureen wayita liftiirra ba'an itti yaadamee maaliif akka maashiniin sun dhaabbate hatattamaan qorannoon eegalamuu qaba.''
Tiraamp rakkoo teeknikaa isaan mudate kana keessa darbuun wayita galma UN keessatti haasaa taasisuuf jedhan maashiniin ergaasaanii irraa dubbisan hojiin ala ta'uu hirmaattotatti himaniiru.
Bifa qoosaatiin dubbataa turan, amma garuu himannaa eegalan.
''Namni maashina kana to'atu rakkoo hamaa keessa jira,'' jechuun qoosaadhaan qabanii ergaa akeekkachiisaa dabarsanii turan.
Aanga'aan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii tokko BBCtti akka himanitti Teleprompter Tiraamp komatan kana kan qabatanii dhufan jila Waayit Haawus mataasaaniiti.












