Kantiibaa Landan Saadiq Khan: Tiraamp nama jibba Islaamummaa qabu, sanyii fi saalaan nama qoodu

Madda suuraa, PA Media
Kantiibaan magaalaa Landan Sar Saadiq Khan Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp ''jibba sanyummaa, amantii Islaamaa fi dubartootaa qabaachuu akkasumas saalaan akka nama qoodu,'' mul'iseera jedhan.
Kantiibichi kana kan dubbatan erga Tiraamp kora waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii irratti isaan qeequun dubbataniiti.
Tiraamp Kibxata darbe haasaa sa'atii tokkotti siquuf taasisan keessatti Landan ''kantiibaa jibbisiisaa, baayyee jibbisiisaa ta'e qabdi. Waan baayyeetu jijjiirame, baayyee jijjiirame,'' jedhan.
''Amma gara Seera Shari'aatti deemuu barbaadu,'' jedhan Tiraamp.
Sar Saadiq BBC Landanitti wayita dubbatan: ''Namoonni akkamiin namni Muslima ta'e kantiibaa magaalaa walabaa, aadaa hedduu keessummeessitu akkasumas jijjiiramaa fi milkaa'ina guddaa keessa jirtu ta'a jedhanii yaaduutti jiru. Kanaaf dubbiin Tiraamp gatii hin qabu jechuudha,'' jedhan.
Pirezidanti Tiraamp jibba amantii Islaamaa akka qabu akkasumas sanyummaa fi saala irratti hundaa'uun akka nama jibbu mul'isa jechuun deebii kennan kantiibaan kun.
''Wayita namoonni yaadasaanii ibsatan, wayitasaan waan fedhasaanii raawwatan, akka fedhanii fi waan fedhanitti yoo amanan fudhachuu qabda,'' jechuun haala hojiisaanii ibsan.
Pirezidant Tiraamp Sar Saadiq ''kantiibaa badaadha'' jechuunis arrabsaniiru.
Kantiibichi kanarratti wayita deebii kennan ''lakkoofsi lammiilee Ameerikaa gara Landan dhufanii akkaan dabaluutti galata guddaa qabna,'' jedhan.
Ulaagaan kan biraa Landan addunyaarratti magaalaa filatamtuu taasisu aadaa saba hedduu keessatti kabajamuu isaati jedhan.
Dhimma kanarratti BBCn Waayit Haawus gaafateera.

Madda suuraa, EPA
Ministirri kaabinee Paat Maak Faaden kantiibaa Landan Sar Saadiq Khan tumsuun yaada kennaniiru.
''Kantiibaan Landan fi Pirezidant Tiraamp waggootaaf walqoccolaa turan,'' kan jedhan qondaalli UK kun, isa Tiraamo gara Seera Shari'aatti deemaa jiru jedhan kuffisaniiru.
UK keessatti seera Biriteen qofatu hojiirra oola jedhan.
Jalqaba ji'a kanaatti ministirri haqaa Saaraa Sakmaan ''Seerri Shari'aa qaama seera Ingilaand fi Weelsi'' ta'ee akka hin beekne House of Commons'tti himaniiru.
Mana maree Shari'aa dabalatee manneen murtii amantii UK keessatti tajaajila ni kennu.
Garuu dhimmoota akka fuudhaa fi heeruma duudhaa amantiin raawwataman fi tajaajila maallaqaa irratti fuulleffachuun hojjetu.
Miseensi Paarlaamaa UK, nama rifoormii jedhamuun beekaman, Nigel Farage ''namoonni waan Tiraamp dubbatan kallatummaan fudhachuu qofa osoo hin taane ergaa dhoksaa inni qabus hubachuun xiyyeeffannaan ilaaluu qabu,'' jedhan.
Sagantaa LBC jedhamurratti kallattiin seenanii wayita dhimma kanarratti dubbatan ''Landan keessatti Shar'aan dhimma ijoo akka ta'etti kaasuun sirriidhaa? Eeyyee. Ammatti dhimma akkaan falmisiisaadhaa? Lakki. Kantiibaa Landan waliin kallattiin hidhata qabaa? lakki,'' jechuun yaadasaanii kennan.
''Akkan yaadutti Tiraamp biyyoonni lixaa badiisatti deemuu wayita dubbatan aadaa, duudhaa fi eenyummaansaanii yaaddoo keessa akka galee jiru mul'isuufi,'' jedhan qondaalli UK kun.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Saaraa Saakmaan duraan akkas jechuun Paarlaamaa biyyattiitti himan: '' Hordoftoota amantii kiristaana, Yahuudaa fi amantiiwwan kaanis dabalatee namoonni gara manneen maree kanaa deemuun tajaajilamuu jechuun duudhaa Biriteen keessatti waldanda'uun amantii akka kabajamu mul'isa.''
UK keessatti amantiiwwan hedduun manneen maree ykn mana murtii dhimmoota amantii fi duudhaa amantii ilaallatan itti keessummeessan qabu.
Tiraamp garuu kan amantii Islaamaa qofarratti xiyyeeffataniif waan jibba irraa qabaniif jedhamuun himatamaniiru.
Pirezidantiin US kun kantiibaa Landan wayita arrabsan kun kan jalqabaaf miti.
Bara 2019 keessas kantiibaan Landan nama harkifataa, nama miira hin qabne jechuun arrabsan. Sar Saadiq Khan bara 2024 yeroo sadaffaaf irra deebiin filatamaniiru.
Bara 2017 wayita Riqichi guddichi Landan haleelamu kantiibichi akka malee qeeqan Tiraamp.
Sammuunsaa hin hojjetu jechuun arrabsan. Adoolessa darbe wayita Iskootlaand daawwatan ''nama hojii badaa hojjechuun beekamu, nama jibbisiisaa,'' jechuun kantiibaa Landan kana arrabsan.
Wayita Tiraamp kantiibicha arrabsan bira kan turan Ministirri Muummee UK Sar Keer Istaarmar ''inni bar hiriyaa kiyya,'' jechuun arrabsoo Tiraamp balaaleffatan.
Jalqaba ji'a kanaa sagantaa irbaataa masaraa Windsor- Windsor Castle keessatti mootiin biyyattii qopheessanirraa kantiibicha akka ittisan ibsan Tiraamp.
Wayita gara Waayit Haawus deebi'uuf xiyyaara pirezidantii US- Air Force One jedhamu seenanis ''addunyaarratti kantiibaa badaa akkasii argee hin beeku,'' jedhan.
Sar Saadiq sagantaa irbaataa sanarratti kan hin argamneef waan hin feeneef ykn ammoo affeeramuu waan hin barbaanneef ta'uu BBCn hubateera.













