Mormii US fi Israa'eliin cinaatti yaa'ii UN irratti maaltu jedhame?

Madda suuraa, Getty Images
Hogganootni addunyaa yaa'ii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Wiixata gaggeeffamuu eegale irratti osoo Israa'eliifi US cimsanii mormanii biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuun dhiibbaa cimsaniiru.
Michootni lixaa Israa'el kana akka UK fi Faransaay beekamtii biyyummaa Filisxeem duukaa hiriiruun erga waraanni Gaazaa eegalee jijjiirama ejjennoo dippiloomasii isa olaanaa ta'eera.
Pirezidantiin Faransaay Imaanu'eel Makroon yaa'ii kanarratti ifatti biyyisaanii biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kan kennite ta'uu ibsan. Yaa'ii addatti Saawdii Arabiyaa waliin yaaman irratti wanta hamilee Filisxeem jajjabeessuufi Israa'eliin mufachiisu kana beeksisan.
Dhibbaan kun kan cimaa jiru waraana waggaa lamaa booda Israa'el Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu diduun duula lafoo hamaa wayita gaggeessaa jirtudha.
Israa'el biyya Filisxeem jedhamu akka hin ijaaramne ejjennooshee ibsiteetti.
Ammoo haleellaan Gaazaa keessatti gaggeessaa jirtu balaaleffannaan idila addunyaa isa mudateera.
''Nagaaf karaa banuu qabna'' jedhan Maakron yaa'ii UN gubbaatti wayita haasaa godhan.
'Furmaatni biyya lamaa akka dhugoomu, Israa'eliifi Filisxeem walcinaa nagaafi tasgabbiin akka jiraatan gochuuf humna qabnu hundaan ni tattaafanna'' jedhan Maakroon.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itti aansuun biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuusaanii yoo labsan dinqisiifannaa guddaan daqiiqaawwan dheeraaf ture mana keessaa dhagaahameera.
Israa'el Filisxeemiif beekamtii kennuun ''shorokeessummaa jajjabeesuudhaa'' jechuun nageenyasheef yaaddoo jabaa akka uumu ibsiti.
Pireezidantiin Tarkii Tayiip Erdogaan, Ministirri Muummee Kaanadaa Maark Kaarneey fi Barreessaa Olaanaan Dhabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez yaa'ii kana gubbaatti haasaa godhaniiru.
Ministirri Muummee Ispeen Pedroo Saancheez kan mootummaansaanii gariin beekamtii Filisxeem deeggaru yaada Rooyitarsiif kennaniin beekamtii amma kennamaa jiru baayyee barbaachisaadha jedhan.
Faransaayiifi UKn biyyoota beekamtii kennanitti dabalmuun gahee guddaa akka bahus himan.
Makroon yaa'ii kana irratti bulchiinsa caasaa Filisxeem feetuu fi haala itti Faransaay embasiishee Filsxeem keessaa bantu irrattis dubbataniiru. Ammoo dhimmootni akka rifoormii, dhukaasa dhaabuufi namoota butamanii jiran gadhiisuurratti hundaa'a.
Luuksanbaarg, Maaltaa, Beeljiyeem, fi Monaakoon biyyoota miseensa UN 93 keessaa warra Filsixeemiif beekamtii kennuusaanii torban darbe mikaneessan keessaati.
Ministirri Haajaa Alaa Saawdii Arabiyaa Faayisaal bin Farhaan Al Sa'uud mootii aangoo dhaaluuf jiran Mohaammed bin Salmaan bakka bu'uun dubbataniiru.
Furmaatni biyya lamaa naannichatti nageenya waaraa fiduuf furmaata takkittii jiru ta'uu dubbatan.
Pirezidantiin Komishinii Awurooppaa Ursaal Voon der Leeyen gama isaaniin Gamtaan Awurooppaa Gaazaa deebisanii ijaaruuf sirna maallaqa walitti qabu akka diriirsan beeksisan.
''Hundi keenyayyuu kana caala hojjechuu qabna'' kan jedhan komishinarri gamtichaa garee deeggarsa maallaqaa Fisxeem qindeessu akka ijaaran himaniiru.
Antooniyoo Gutaareez gama isaaniin haala Gaazaa keessa jiru safuudhaanis, seeraanis siyaasaanis kan baachuuf ulfaatudha'' jedhaniiru. Daandiin nagaatti geessu inni milkaahuu danda'u furmaata biyya lamaatis jedhaniiru.
Pirezidantiin Filisxeem Mohaammud Abbaas yaa'ii Niiw Yoorkitti gaggeeffame kanarratti akka hin hirmanne US viizaa dhorkatteetti. Qondaalotni Filisxeem biroos viizaan isaanii jalaa haqameera.
Abbaas yaa'ii kanarratti gama viidiyoon ergaa dhaamaniin dhukaasa dhaabuu waaraan akka jiraatu gaafatanii Hamaas hiree Gaazaa buclhuu qabaachuu hin malle jedhaniiru. Hamaas meeshaa lafa kaahee akka harka kennatu gaafataniiru.
''Wanti barbaannu biyya Filisxeem hidhannoon alatti tokko taate dha'' jedhaniiru.












