Dhimma odeeffannoo dhuunfaa ijoollee irratti Instagram yuuroo miiliyoona 405 adabame

inistagiramii

Madda suuraa, Getty Images

Abbaan taayitaa to’annoo Ayirish, odeeffannoo dhuunfaa ijoollee eeguu dhabuu isaan Inistagiraamiin yuurooo miiliyoona 405 akka kaffaluuf adaban.

Komiin yeroo dheeraaf dhiyaachaa ture dhimma odeeffannoo dhuunfaa ijoolleee – keessumaa lakkoofsaa bilbilaa fi email (iimeelii) isaani kan ilaallatudha.

Namootni tokko tokko akkawuntii isaanii kan daldalaatti geeddaratanii kan turan ta’us, kun caalaatti odeeffannoo isaanii akka saaxilu hin hubanne ture.

Abbaan qabeenya Inistagiraam, Metaan, murtee kana mormuun akka ol iyyatu beeksiseera. Abbaa taayitaa to’annoo kanaan dhaabbannii miidiyaa hawaasummaa kun yeroo adabamu kun isa sadaffaadha.

“Murtee keenya dhumaarra kan geenya Jimaata darbe yoo ta’u, adabbii maallaqaa yuuroo miiliyoona 405 of keessatti kan qabatedga,” jechuun Komiishinerri Eegumsa Odeeffannoo (DPC) Ayeerlaand ibseera.

Qondaalli Meta akka BBC’tti himanitti: “qorannoon kun haala hojii durii kan nuti wagga tokkoo ol dura sirreessine irratti kan xiyyeefatedha, erga yeroo sanaati nuti maloota haaraa ijoollee fi odeeffannoo isaanii dhoksaan qabuuf gargaaru hojiirra olchineerra.”

“Ijoolleen umurii ganna 18 gadi ta‘an kamuu yeroo Inistagiramii fayyadaman akkawuntiin isaanii yeroosuma dhooksaa (private) irra kan ka’amu waan ta’ef, nama isaan beeku qofatu waan isaan maxxansan arga akkasumas ga’eessotni ijoolleen kun hin hordofne ergaa erguufi hin danda’ani.” 

“Qorannoo DPC gaggeessan hunda irratti guutummaatti hirmaachaa kan turre ta’us, akkataa adabbiin kun itti kenname irratti waan waliin galleef deebinee iyyachuuf karoorfanneerra.”

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

 DPC dhaabbata Rippaablika Ayeerlaand qorannnoo kan gaggeessu dhaabbilee teknoolojii gurguddoo Wajjiralee Olaanoo Awuroppaa keessa qaban irrattidha.

Seera To’annoo Eegumsa Odeeffannoo Waligalaa Gamtaa Awurooppaa hordofuun kana dura himata seera caabsuun addabbii maallaqaa hanga kana murteessee hin beeku. 

Ta’us garuu wagga darbe WhatsApp yuuroo miiliyoona 225 kan adabe yoo ta’u, abbaan taayitaa Luksembug dhaabbata Amazon yuuroo miiliyoona 746 adabe ture.

Hawaasa Ittisa Miidhaa Daa’immaan irra Ga’u Biyyaalessaa (NSPCC) irraa, hogganaan qajeelfama eegumsa daa’immanii interneeta irraa, Andii Booroowsi dhimma addabbii Inistagiramii irratti : “Kun wanta guddaa eegumsa dhabuu cimaa ta’e agarsiisuu fi ijoollee Insitagiramii fayyadaman irratti miidhaa sirrii gessisu danda’udha.”

“Murteen dabarfameeru, hagam seera hojiiraa olchuun miidiyaalee hawaasummaa irratti ijoollee eeguun akka danda’amuu fi akkamiin seerrii kun interneeta irratti ijoollee akka eegaa jiru kan agarsiisudha.

“Amma ittu gaafatamummaan kan jiru ministira mummee haaraa irradha, waadaa ijoolleef eegumsa cimaa ta’e hunda kennuuf taasisan eeguuf wixinee Eegumsa Interneeta irraa utuu hin barfatanii fi guutummaatti raggaasisuunidha,” jedhaniiru.