Lakkoofsi namoota Feesbuukii guyyaa guyyaan fayyadamanii kanaan dura gadi bu'ee ture deebiyee dabale

Maark Zuukarbarg

Madda suuraa, EPA

Meta'n waggoota kudhan keessatti galii gadi aanaadha jedhame galchuu gabaasullee dhaabbanni isaa Feesbuukiin erga barri 2022 seenee fayyadamtoonni jalaa harca'uu dhaabbateera.

Lakkoofsi namoota guyyaa guyyaan dammaqinaan Feesbuukii fayyadamanii ji'oota sadan bara kanaa keessa gara biliyoona 1.96tti guddachuu isaa Meta'n gaafa Roobii gabaaseera.

Kun ammoo lakkoofsi fayyadamtoota miidiyaa hawaasummaa kanaa kan bara dabre gadi bu'uun isaa gabaafame akka deebiyu taasiseera.

Lakkoofsi fayyadamtootaa gadi bu'uu isaatiin dhaabbanni kun galii dolaara biliyoonaan lakkaa'amu dhabeera.

Guraandhala keessa gaggeessitoonni dhaabbatichaa gadi bu'uu isaa beeksisuu isaanii hordofee gatiin 'sheerii' dhaabbatichaa hanga walakkaan hir'achuutti deemus, Roobii kaleessaa garuu deebiyee %19n guddateera.

"Yeroo kamiyyuu caalaa namoonni baayyeen tajaajilawwan keenya fayyadamaa jiru. Omisha keenya guutummaa addunyaa irratti namoota tajaajilaa jiruun nan boona," jedhe Maark Zuukarbarg.

Maark Zuukarbarg gaggeessaa Meta yoo ta'u, Feesbuukii bara 2004 ture kan hundeesse.

Dhaabbanni Meta amma Maark Zuukarbarg hogganu kun Feesbuukii dabalatee, Instagram fi WhatsApp of jalatti qabata.

Galiin dhaabbata kanaa ji'oota sadan bara 2022 kana keessa kan bara 2021 waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu %7n dabaleera. Kun ammoo galiin dhaabbata kanaa akka dolaara biliyoona 27.9 qaqqabu taasiseera.

Xiinxaltoonni akka jedhanitti, abbootiin qabeenyaa omishaafi tajaajila isaanii beeksifachuu irraa duubatti deebiyuutti jiru. Kun ammoo sababa baasiin jireenyaa dabalaa dhufeefi egereen dinagdee sababa waraana Yukireen irraa kan ka'een ifatti beekuun rakkisaa ta'eefidha.

Kanaan dura beeksisa karaa toora interneetaatiifi Guugiliifi Feesbuukiin filatamoo ta'aniyyu, amma waltajjiiwwan haaraa kan akka TikTok fi gabaa toora interneetaa kan ta'e Amazon gabaa beeksisaa kana hawwachaa waan jiraniif dorgomtoota ciccimoo ta'aa jiru.

Ji'ota dhufan keessa Meta'n galiin isaa $28bn hanga $30bn ni qaqqaba jedhamee eegama, garuu tilmaama xiinxaltoonni kaa'aniin gadidha. Sababiin isaa ammoo waraana Yukireen keessatti deemaa jiruufi jijjiiramawwan sirna to'annoo Awurooppaa keessatti hojiirra ooleefidha.

Raashiyaan waraana Yukireen irratti bante hordofee akka qaama tarkaanfii miidiyaaleen walabaa dhabamsiisuutti Bitootessa keessa Feesbuukiifi Insragram uggurteetti.

Maark Zuukarbarg dhaabbanni isaa carraa guddina itti aanuuf 'artifishaal intelijensiifi virchuwaal riyaaliitii' irratti kan Metaverse jedhan irratti dhimmee hojjechuuf jira jedheera.