Waraanni Yukireen 'raafama gabaa waggaa 50 keessatti guddaa ta'e' qaqqabsiisuuf - Baankii Addunyaa

Dararaa suufii (nuugii faranjii) Yukreen, naannoo Zakarpaatiyaa keessatti

Madda suuraa, Getty Images

    • Barreessaa, Jonathan Josephs
    • Gahee, Business reporter, BBC News

Waraanni Yukreen keessatti deemaa jiru erga baroota 1970 asitti "raafama gabaa meeshaalee bu'uuraa akkaan guddaa ta'e" qaqqabsiisuu mala jechuun Baankiin Addunyaa akeekkachiise.

Kan nyaataa, jirbiifi inarjii dabalatee Yukreen gatii meeshaa akka dabalu gochaa jirti, jedha Baankiin Addunyaa.

Tilmaama haaraa baheen, dhiyeessiin sababa waraanaatiin addaan cite gatiin meeshaalee gaaza uumamaatii hanga qamadiifi jirbiitti garmalee akka dabaluuf gumaacheera jedhameera.

Gatiin dabaluun isaa, "dhiibbaawwan dinagdeefi namoomaa baayyee guddaa qaqqabsiisuu jalqabeera," jechuun BBCtti hime gabaasicha kan qopheessan keessaa tokko kan ta'e Piiter Nagleen

"Guutummaa addunyaa irratti rakkoon baasii jireenyaa mana hunda keessatti mul'achaa jira," jedhe.

"Nuti addatti maatii hunda caalaa harka-qalleeyyii ta'aniif addatti yaaddofneerra, sababiin isaa ammoo galii argatan gara caalu nyaataafi inarjii irratti baasu waan ta'eef, isaan qaala'insa gatii kanaaf ni saaxilamu," jedha ogeessi dinagdee buleessi Baankii Addunyaaf hojjetu kun.

Gatiin inarjii %50 ol dabaluutti jira; kun ammoo baasii tajaajila sadarkaa maatiifi dhaabbileen daldalaatti akka qaala'u taasisaa jira jedha Baankiin Addunyaa gabaasa isaa kanaan.

Dirree zayita itti omishan Galaana Pocheraa, Raashiyaa

Madda suuraa, Anadolu / Getty

Akka tilmaama Baankii Addunyaa kanaatti gatiin zayita boba'aa bara 2024 akkuma amma ol ka'etti itti fufee, ka'umsi isaa barmeela tokkotti $100 ta'a. Kun ammoo akka qaala'insi jireenyaa babal'atu taasisa.

Raashiyaan zayita boba'aa Addunyaaf dhiyaatu keessaa %11 kan omishtu yoo taatu, biyyoota guddaa gumaachan addunyaa keessaa sadaffaa irratti argamti. Kana waan ta'eefis, "dhiyeessiin sababa waraana deemaa jiru kanaan uumame dhiibbaa hamaa bubbulu akka qaqqabsiisu eegama."

Qoqqobbaan irra kaa'ames kampaaniiwwan biyya biroo gadhiisaanii akka bahan kan godhu yoo ta'u, carraan tekinooloojii argachuus akka hir'atu taasisa jechuudha.

Raashiyaan yeroo ammaa gaazii Gamtaa Awurooppaaf barbaachisu keessaa %40, akkasumas zayita boba'aa %27 dhiyeessiti.

Haata'u malee, mootummoonni Awurooppaa kan Raashiyan dhiyeessitu kana lagachuutti deemaa jiru. Kun ammoo kan biyyoota biraa irraa dhiyaatuuf fedhiin jiru dabalee akka addunyaatti gatiin akka dabalu taasiseera.

Gatiin qamadii yeroo kamuu caalaa dabale

Baankiin Addunyaa gatiin midhaan nyaataa hedduus akkan dabaluuf jira jechuun akkeekkachiisaa jira. Ka'umsi gatii nyaataa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniis (UN) akka mul'isettis, waggaa 60 asitti gatii baayyee guddaa ta'ee galmaa'eera.

Gatiin qamadii %42.7n dabaluun isa baayyee olaanaa ta'ee galmaa'a jedhamee tilmaamameera. Akkuma kana gatiin midhaan nyaataa biroos akka dabalan tilmaamamaa kan jiru yommuu ta'u, gatiin kun akkasitti dabaluun isaa kan Raashiyaafi Yukireen alatti ergan baayyee gadi bu'uu isaa agarsiisa jedhameera.

Gabaa midhaan nyaataa Kolomboo

Madda suuraa, AFP

Gatiin omishawwan dheedhii biroo kanneen akka xaaa'oo, sibiilaafi albuudawwaniis akka dabalan tilmaamamaa jira. Gatiin omisha mukaa (xaawulaa/saanqaa), sha'eefi ruuzii garuu warri gatiin isaanii gadi bu'uu mala jedhame keessaati.

"Qamadiin omisha qonnaa alatti ergamu bakka busuudhaaf baayyee rakkisaa ta'edha," akka qorannoon Baankii Ameerikaa tokko mul'isutti.

Haalli qilleensaa mijataa hin taane Ameerikaa Kaabaafi Chaayinaa keessatti mul'atu hanqina qamadii dhiyeessiin isaa Yukireen irraa hir'ate daran hammeessuu mala jedha qorannoon Baankii Ameerikaa kun.

Waraanni kun qonni birraa akka addaan citu waan taasiseefis hanqinni kun itti fufuu mala jedhamaa jira.

Mr Nagleen Baankii addunyaa irraa akka jedhutti biyyoonni biroon hanqina dhiyeessii sababa waraana Yukireen mudate yeroo giddu-galeessaa keessatti furuu gargaaruu danda'u. Haata'u malee, tilmaamni gatii xaa'oo %69n bara kana dabala jedhamee eegamu waan jiruuf "qonnaan bultoonni xaa'oo xiqqoo fayyadamuu waan jalqabaniif, omishni ni hir'ata."

Akka gabaasni Baankii Addunyaa agarsiisutti, "Gatiin omishawwanii waliigalaa bara 2022 keessa akka akka caalaa ol ka'u eegamu, kan kanaan dura ni dabala jedhamee raagameeniyyu ni tara."

"Gabaan meeshaalee garamitti akka bahu ilaaluun ammallee waraanni Yukreen kun hanga turu irratti hundaa'a. Akkasumas, dhiibbaa waraanichi toora dhiyeessii gubbaa hanga gadiitti jiru irratti uumu irrattis akkaan hundaa'a.