Dhaabbileen miti mootummaa Gaanfa Afrikaatti miliyoonota beelarraa baraaruuf waamicha godhan

Goginsa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti mudateen uummanni rakkataa jira

Madda suuraa, ERIC LAFFORGUE/ART IN ALL OF US

Ibsa waa'ee suuraa, Goginsa naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti mudateen uummanni rakkataa jira

Dhaabbileen miti mootummaa hedduun Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaatti miliyoonota beelarraa oolchuuf waamicha taasisan.

Dhaabbileen gara 40 tahan Gaanfa Afrikaatti beelli kana caalaa hamaa tahe osoo hin mudatiin, uummata miliyoonaan tilmaamamu beelarraa oolchuuf tumsi akka godhamuu qabu waamicha dhiyeessan.

Dhaabbileen gargaarsaa kunneen yeroo ammaa Itoophiyaa, Somaaliyaa fi Keeniyaa keessaa uummatni miliyoona 14 tahu balaa beelaaf saaxilamuu ibsuun, deeggarsa ariifachiisaan hin godhamu taanaan lakkoofsi miidhamtootaa gara miliyoona 20 akka gahuu malu akeekkachiisan.

Dhaabbileen miti-mootummaa kunneen ibsa kana kan baasan Gamtaan Awurooppaa fi Waajjirri Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa UN waa'ee goginsa gaanfa Afrikaatti mudate irratti Kibxata boruu Ebla 26/2022 wal gahi gaggeessuuf karoorsuu isaanii erga dhagahameeti.

Sababa goginsaan beelaaf kan saaxilaman biyyootni Gaanfa Afrikaa jalqaba weerara koroonaavaayirasii, walitti bu'insa, weerara awwaannisaa; amma immoo sababa waraana Raashiyaa fi Yuukireeniin gatiin meeshaalee ol ka'uudhaan rakkoo hamaaf saaxilamaniiru.

Dhaabbilee akeekkachiisa kana baasan keessatti UNICEF, Christian Aid, Danish Refugee Council, Norwegian Refugee Council, Plan International, fi Oxfam fa'aa keessatti argamu.

Namoota miliyoona 14 Gaanfa Afrikaatti beelaaf saaxilaman jedhaman keessaa walakkaan isaanii ijoollee akka tahan himame.

Ammas roobni naannoo isaaniitti eegamu hin roobiin hafnaan qaala'insa jireenyaa mudate waliin rakkoo kana caalaa hamaan mudachuu akka danda'u akeekkachiisan.

Roobni osoo roobes rakkoo kana keessaa bahuuf ji'oota gaafachuu waan danda'uuf, mootummootnii fi dhaabbileen kaan deeggarsa ariifachiisaa gochuu akka qaban himan.

Sagantaan Nyaata Adunyaa bara 2020 keessa lakkoofsi namoota beelaaf saaxilamanii dhuma barichaatti miliyoona 14 irraa gara miliyoona 20tti guddachuu danda'a jedhee ture.

Dhaabbileen deeggarsa namoomaa kennan Itoophiyaa, Keeniyaa fi Somaaliyaa keessa socho'an, deeggarsa taasisuuf doolaara miliyoona 4.4 kan gaafatan tahus, maallaqni arjoomtota irraa argame garuu gahaa akka hin taane himame.

Somaaliyatti deeggarsa kennuuf kan gaafatame keessaa kan argame %5 qofaadha. Kibba Itoophiyaa godina Booranaa fi Gujii akkasumas Baalee bakka adda addaatti goginsa mudateen horiin kumaatamaan tilmaamamu du'aniiru.