Hongee: Booranatti namoota qotiyyoo dhabuun of camaduun qotaa turaniif deeggarsi taasifamuu himame

Madda suuraa, Waajiira Qonnaa Oromiyaa
Godina Booranaa, Aanaa Taltaleetti qonnaan bultoonni sababii hongeen qotiyyoo ittiin qotatan jalaa dhumuu hordofee walii isaanii 'camadamanii' qotaa turaniif deeggarsi taasifamu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksiise.
Biiroon kun itti-gaafatamaa waajira qonnaa aanichaa Obbo Galgaloo Jaldeessa eeruun akka fuula Feesbuukii isaarratti baasetti, horsiise-bultoota aanichaa 41 sababa hongeen qotiyyoon isaanii jalaa du'aniif lafa qotuufiif ibseera.
Godina Booranaa Aanaa Taltalleetti viidiyoon namoonni bakka sangaa bu'anii gindii harkisuun wayita lafa qotan agarsiisuu miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa ture ijoo dubbii ta'uuf BBC Afaan Oromoos horsiisee bultoota aanichaa dubbisee gabaasuun isaa ni yaadatama.
Dabalataanis dhiyeessiin sanyiifi xaa'oo taasifamaa jiraachu himan itti-gaafatamaan waajira qonnaa aanichaa.
Obbo Galgaloo Jaldeessaa itti Aanaa bulchaa Aanaa Taltaallee barana hongee mudateen horsiisee bulaan rakkoof saaxilamuu himanii, Bulchiinsi aanaa abbootii qabeenyaa waliin ta'uun namoota harka qalleeyyii ta'an deeggaraa jiraachuu dubbatan.
Namoonni deeggarsaan lafti qotameef kunneenis hongee mudateen loon jalaa dhumuun qotiyyoo ittiin qotatan dhabuun alatti, deeggarsa dabalataa akka barbaadan dubbatan.

Madda suuraa, Miidiyaa Hawaasaa/Facebook
Kana dura maaltu gabaafamee ture?
Godina Booranaa Aanaa Taltalleetti viidiyoon namoonni bakka sangaa bu’anii gindii harkisuun wayita lafa qotan agarsiisu miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa ture ijoo dubbii ta’eera.
Taatee hin baratamne kana namoonni kaan wayita dinqisiifatan, kaan isaanii gadduu miidiyaalee hawaaasa akka Feesbuukirratti ibsaniiru.
Viidiyoo sanarratti namoonni lama ykn sadii ta’anii bakka qotiyyoo bu'uun wayita gindii harkisaan mul'atu.
Ofii maalirraa ka’uun namoonni bakka sangaa bu’anii gindii harkisuun lafa qotuu akka eegalan dargaggoo Aanaa Taltallee ganda Bilee Dandii qotiisa kana keessatti hirmaate Turaa Bobbaa BBC’n gaafatera.
Turaan akka jedhutti viidiyoo sana karaa deematu argee, waraabee miidiyaa hawaasaarratti gadhiise.
Turaan sangaa ittiin qotan dhabuurraa kan ka’e bakka sangaa bu’uun hiriyoota isaa waliin qonnaaf akka ka’e dubbate.
"Sababa bonaatiin horiin lafaan qotan nurra dhumate, kanaaf nuti waliin qotuu yaalle" jedha.
Turaan akka himutti hongee barana godinichatti beeyiladota hedduu obbaaseen horiin jalaa dhumaniiru.
"Horii duraan ittiin qotannu sababa hongee kanatti dhabne, namoota shan shaniin wal xamadnee akka qotiyyootti qotne," jedhe.
Akkaataa kanaan lafa isaanii qotachaa, kan ollaa isaaniillee qotaa akka turan hima Turaan.
Namoonni waliin qotaa turre jedhu kunneen dargaggeeyyii umriin isaanii ganna 25 ta’an yoo ta’u, "jaarsa tokko callaatu nu keessa jira" jedhe.
Qondaalli Aanaa Taltallee maal jedhan?
Hogganaan Waajjira Qonnaa Aanaa Taltallee Obbo Biraanuu Amaaree aanichatti namoonni akka sangaatti gindii harkisuun dhugaa ta’uu mirkaneessanii, garuu bal’inaan qonnaan bultoota danuu biratti waan raawwatame miti jedhu.
"Wanni sun dhugaadha garuu akkas hin bal'atu, ijoollee maatii lamaatu akkas godhe" jedhan.
Haata'u malee aanicha keessatti horiin sababa hongeetiin dhumuurraan kan ka’e qonnaan bultoonni sangoota ittiin qotan dhaban akka jiran dubbatan.
Aanicha keessatti roobni roobaa waan jiruuf, waqtii midhaan facaasuuf mijatu akka ta’e itti dabalanii kaasan.
"Lafti jiidhee namoonni waan ittiin qotan [sangaa] wal kadhachuun qotaa jiru," jedhan.
Tiraaktarri lafaan qotan naannicha jiraatullee hawaasni tiraaktara kireessee ittiin qotuuf humna hin qaban jedhan.
Aanichatti qonnaan bultoota sangaa ittiin qotan hin qabne lakkoofsi isaanii hangam akka ta’an ragaa akka hin qabne dubbataniiru.
Naannichatti hanqinni dhiyeessii sanyii miidhaanii jiraachuu fi mootummaan sanyii qamadii kuntaala 1,400 qonnaan bultootaaf dhiyeesse raabsamera jedhan.
Barana xaa’oon kuntaalli 1,000 ta’u qonnaan bultootaaf kan raabsame ta’uu eeruun, liqiin qonnaan bultootaaf dhiyeeffame jedhan.
Obbo Biraanuu lafa heektaara hedduu qotuuf dhaabbileen mootummaafi miti-mootummaan akka deeggarsa kennaniif gaafatan.
















