Itoophiyaa naannolee horsiisee bulaa gogiinsaan miidhamanitti roobni roobaa jiraachuun gammachuu uume

Horii bishaa dhuganiifi dargaggeesa qarqara bishaanii taahe

Madda suuraa, Marsaalee Hawaasaa

Itoophiyaatti bakkeewwan horsiisee bulaan heddumminaan jiraatutti hongee hamaa yeroo dheeraaf tureefi 'amma dura mul'atee hin beekne' jedhame booda, roobni roobaa jiraachuun gammachuu fidee dhufeera.

Jiraattonni iddoowwan kanneenitti jiranis waaqa isaanii roobe galateeffachaa, suuraalee fi viidiyoowwan loowwan wayita dheebuu bahan agarsiisan marsaalee hawaasaa gubbaa qoodaa jiru.

Jiraataan Godina Booranaa Aanaa Eelwayyee Aabba Shoobaa Moluu, ''baay'ee eegaa turre,'' jedhanii guddoo gammaduu isaanii BBCtti himan.

Guyyaa Roobii galgala keessaa eegalee akka roobe kan himan Aabba Shoobaan, ''garuummoo bakka hundaa wal hin fakkaatu, gara Dilloo kanfaa qaqal'aadha. Aanaa Eelwayyee fi Yaaballoo keessa roobii gaariidha jedheen yaada,'' jedhan.

Hawaasni Booranaa akkuma dhabamuu roobaan akkaan miidhamuu sodaatutti, goginsa hamaan booda bokkaa dhufullee xiyyeeffannoo kennee hordofa. Maali jennaan? Roobni cimaan horii miidhamanii dadhaban irratti miidhaa dhaqqabsiisa - ni ajjeesallee waan taheef.

Kanaafidha 'forori roobi waaq' kan jedhan - akka hin guddannes, akka hin bicannes walqixxessi nuu roobi akka jechuuti.

Aabba Shoobaan illee kanuma himan: ''roobni kun guddoo roobee horiillee hin ajjeesne. Suuta suuta roobe. Ammallee roobaa jira, duumessa gaarii baasee jira,'' jedhan.

Haatahu malee roobni cimaan ji'a tokkoon dura guyyaa tokkoof qofa roobe miidhaa hamaa qaqqabsiisee ture. Bokkaa gaaf suniin horiin 13,000 dhumuu aanga'oonni ni himu. Lubbuu namaarrattis miidhaa qaqqabsiiseera.

Musxafaa Kadir hoogganaa Buusaa Gonofaa Oromiyaati - waajirri kun kan amma dura Hooggansa Sodaa Balaa kan jedhamuun beekamu oggaa tahu, guyyootaan dura akka haaraatti caaseffame.

''Aanaalee baddaafi gammoojjii irrattis roobni roobeera. Gahaas tahuu baannaan Godinaalee Booranaa, Gujii Bahaafi Baalee Bahaatti amma tokko roobeera.

Jalqabbiin gaarii fakkaata. Raagni haala qilleensaas roobni akka roobu ni kaa'a.''

Obbo Musxafaan akka jedhanitti roobni amma roobaa jiru ''rakkoo amma jiru ni hiikallee jechuu yoo baanne, bishaan ni argatu.''

Dabaluunis: ''gargaarsi namaa yoo xiqqaate ji'oottan sadan arfan itti aanuuf itti fufuun isarra jiraata,'' jedhanii ''namni roobeedhaaf nyaanni hin margu, midhaan hin faca'u,'' jechuun qarqaarsi hawaasaaf taasifamu adda cituu akka hinqabne dhaaman.

Hawaasni qarqara yaa'a bishaaniirra jiraatan ofeeggannoo akka godhaniifi loon bonni miidhe bokkaa jalaa dahoo wayii keessattis akka tursanii dandamachiisanis dhaaman.

Forori roobi Waaq!