Ajjeechaa 'sukkaneessaan' Gondar UNn balaaleffatame akkamiin raawwate?

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa ajjeechaa hojjataa dhaabbata Fannoo Diimaa Itoophiyaa irratti raawwate balaaleffate.
Torbee darbe naannoo Amaaraa Godiina Kaaba Gondaritti humnoota eenyummaansaanii hin baramne jedhamaniin erga butamanii booda reebicha irratti raawwateen hojjataan dhaabbata Fannoo Diimaa Itoophiyaa Honalliny Faantahuun jedhamu du'ee ture.
Biiroon Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa UN kan ta'e OCHAn ajjeechaa kana akka balaaleffatu beeksise.
"Hojjattoota namoomaa irratti haleellaan raawwachuu hin qabu," jechuun OCHA damee Itoophiyaatti gaggeessaa kan ta'an Dr. Abubaakar Kaampaa dubbachuusaanii biirichi beeksise.
Hojjataa dhaabbata Fannoo Diimaa Honalliny Faantahuun maagaalaa Dabaarq irraa fageenya km15 irratti kan argamtu naannoo Canaq jedhamutti hojii deeggarsa namoomaa irratti bobba'ee osoo jiruu ALItti Adoolessa 8, 2017 "qaamolee hin beekamne" jedhamaniin butamuun ajjeefamuu ibse dhaabbanni Fannoo Diimaa Itoophiyaa.
Akka dhaabbanni Fannoo Diimaa beeksisetti, hojjataan isaa Honalliny Faantahuun reebichaafi haala qabiinsaa hamaa ta'een miidhan irra gahee guyyaa tokko booda ALItti gaafa Hagayya 9, 2017 du'e.
Honalliny Faantahuun hojjattoota dhaabbatichaa biroo lama waliin kan uggurame yoo ta'u, namoonni lamaan haleellaa irratti gaggeeffame irraa lubbuun hafuus dhaabbanni Fannoo Diimaa beeksise.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa (OCHAn) gamasaan, hojjataan dhaabbata Fannoo Diimaa bifa "suukaneessafi gaddisiisaa ta'een" ajjeefamuusaatti gadduufi nageenya hojjattoota deeggarsa namoomaa eegun itti gaafatamummaa qaama hundaa ta'uu beesise.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Du'a hojjataa dhaabbata Fannoo Diimaa kana ilaalchisee Embasiin UK Itoophiyaatti argamu ibsa baaseen gaddi itti dhagahamuu beeksise.
Obbo Honalliny Faantahuun "aarsaa kaffaleef kabaja qabnuuf ibsuu barbaanna, hojjattoota deeggarsa namoomaaf eegumsi akka godhamu ni gaafanna," jedhe Embasiin UK.
Hojjataan ajjeefame kun abbaa ijoollee sadii akka ta'eefi haala itti ugguramee du'eefi waan ture kanneen isa waliin ugguramanii bahan keessaa Dr. Tafarraa Asaffaafi maatii miidhamaa BBC Amaariffaa dubbiseera.
Hojjattoonni dhaabbata Fannoo Diimaa Itoophiyaa sadi: Honalliny Faantahuun [kan du'e], Dr. Tafarraa Asaffaafi Addalaadalawu Yigzaawu ALItti gaafa Hagayya 8, 2017 ambulaabsii haaraa Aanaa Jaan Amooraa jedhamuuf geessanii osoo deebi'aa jiranii ugguramuu Dr, Tafarraan.
Qaamoleen hidhatan lama konkoolaataa ittiin deemaa turan dhaabsisuun keessaa buusanii reebicha irratti raawwachuus himu kanneen lubbuun hafan lamaan keessaa tokko kan ta'an Dr. Tafarraa Asaffaa.
Konkolaataa irraa buusuun wayyaa hojjattoota dhaabbata Fannoo Diimaa ta'uusaanii agarsiisu irraa baasun deemsa sa'aatii lamaa ta'u miilan erga deemsisanii booda, tokkoo tokkoonsaanii birrii miliyeena tokko tokko yoo kaffalan malee akka gadi hin lakkifamne itti himuun maatiisaanii beeksisuu himu namni lubbuun hafan kun.
Ugguramanii maallaqa gaafatamuusaanii maatii qofa osoo hin taane, Fannoo Diimaa damee naannoo Amaarafi kan Itoophiyaallee beeksisanis dhaabbatichi maallaqa kaffalee nama uggurame gadi lakkisuuf ittiin bulmaannisaa akka hin hayyamneef deebii kenne.
Gama biraan ammoo jaarsummaadhanis dhiibban godhamaa waan tureef, maallaqa jedhame osoo hin kaffalin gadi lakkifamanis, reebicha, naasufi qorra hamaa bakka tursiifamanitti isaan mudaterraa kan ka'e waayillisaanii dandamachuu dadhabee akka du'e kaasu. Dr. Tafarraan.












