Kibba Tigraayitti walitti dhukaasa banameen miidhaan qaqqabe

Jiraattota hiriira bahan

Madda suuraa, sm

Kibba Tigraay Aanaa Raayyaa Azeboo magaalaa Mehonii keessatti walitti bu'insa humnoota nageenyaa naannichaa fi hidhattoota gidduutti uumameen namoonni hedduun madaa'an.

BBCn jiraattota, ijaan argan irraa akka iyyaafatetti walitti bu'iinis kun hidhattoota ''koor hulat'' jedhamaniifi waraana naannichaa ''Army 43" gidduutti gaggeeffame.

Jiraattonni magaalattii akka jedhanitti, miseensonni garee kanaa itti gaafatamaa waajjira milishaa Aanaa Raayyaa Azeboo Koloneel Halefoom Mehari to'annaa jala oolchuuf osoo yaalanii, miseensota jaarmiyaa dargaggoota 'Hamed Mehooni' jedhamu magaalattii keessa jiran waliin walitti bu'aniiru.

Jiraataan magaalattii maqaan isaa Habtoom jedhamuufi bakka walitti bu'iinsi kun itti dhalate jiraatu, walitti bu'iinis kun Wiixata Hagayya 19, 2025 bakka sochiin jiraattotaa itti baayyatutti mudate jedheera.

Koloneel Halefoom Mehaari to'achuuf miseensonni izichaa ganama sa'aatii 5tti naannoo sana akka galan kan himu Habtoom, "Seeraan yoo barbaachise sanada mana murtii fidaa. Yoo hidhamuuf ta'e ofuma keenyaa ni to'anna" jechuun milishaa fi namoota qawwee qaban gidduutti walitti bu'iinsi uumameera jedhe.

Habtoom akka jedhutti, namoonni qawwee qaban miseensota kutaa waraanaa 43ffaa kan ta'anifi uffata siiviilii kan uffatanidha.

Ajajaa milishaa magaalichaa Koloneel Halefoom to'achuun maaliif akka barbaachise beekuuf yaaliin BBC'n godhe ammatti hin milkoofne.

Haa ta'u malee, maddeen BBC'tti akka himanitti, koloneelichi walitti dhukaasa eegalame gidduutti miliquu iyyaafanneerra.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiraattonni biroo BBCn dubbise dhukaasni kun gara sa'aatii tokkoo kan ture akka ta'e himuun, namoonni miidhaman jiraattota rifatanii ''waan ta'e ilaaluuf ba'aniidha'' jedhan.

Dhukaasa kanaan namoonni shan madaa'anii gara hospitaalaatti kan geeffaman ta'uu, isaan keessaa lama miidhaan cimaan irra gahuus dabalanii himaniiru.

Daarektarri Hospitaala Mekooni Dr. Daani'eel Berihee BBC'tti akka himanitti, namoonni shan rasaasaan rukutamanii gara hospitaala isaanii geeffamuu ibsaniiru.

"Namoonni shan dhufan. Lama akka malee kan miidhaman yoo ta'u, sadii ammoo miidhaan salphaan irra gaheera."

''Lamaan haala hamaa keessa jiran yaala fooyya'aa akka argataniif gara Maqaleetti ergineerra," jedhan.

Dr. Daani'eel waa'ee namoota yaala fooyya'aadhaaf ergaman yeroo dubbatan, "inni tokko rasaasni morma isaa keessa seenee dugda isaa keessaa ba'e. Miilli isaa cabeera. Inni biraan garaa isaa rukutamee dhiigni baay'ee dhangala'e. Dhiiga kennineefii lamaan isaanii gara Maqaleetti ergine" jedhan.

Jirattuun Tigist Haayilee jedhamtu akka jettetti abbaan warraa ishee rasaasaan rukutamee Hospitaala Rimnaatti yaala fayyaa argachaa jira.

Abbaan warraa ishee Obbo Zinabuu Yunivarsiitii Adigraatitti barsiisaa yoo ta'u, ''rasaasni qoonqoo isaa seenee dugda isaa keessaa ba'e'' jechuun BBC Tigrinyaaf himteetti.

Itti dabaluunis Obbo Zinabuun naannoo sana keessa osoo darbaa jiranii akka tasaa rukutamuu dubbatteetti.

Dr. Daani'eel namoota miidhaman ibsuun, hundi isaanii dhiirotaa fi umriin isaanii waggaa 20 hanga 30 gidduutti akka ta'e dubbataniiru.

Namoota miidhaman keessaa tokko qofti umuriin isaa waggaa 40 akka ta'es ibsaniiru.

Dhukaasni kibba Tigraay magaalaa Mehooni keessatti Wiixata Hagayya 18, 2025 mudate, namoonni naannoo hojii irra waan jiraniif jeequmsaa fi burjaajii uumeera jedhu namoonni BBCn dubbise.

Taatee kana hordofuun ummanni humni waraanaa naannoo sanaa akka bahu gaafateera.

Kanaan dura miseensonni Army 43 dhukaasa banuun hojjettoota humna ibsaa lama madeessuun himatamaa turan.

BBCn ajajaa kutaa kanaa Koloneel Tinsaa'ee Berhanee kan dubbise yoo ta'u himannaa kana ''himannaa maqaa balleessii'' jechuun fudhatama dhabsiisaniiru.

Itti dabaluunis, "Waraanni keenya ummataaf malee ummatarratti hin qabsaa'u" jedhan.

BBCn koloneelichaaf gaaffii dabalataa dhiyeessus deebii osoo hin kennaniin hafaniiru.

Ji'a darbe pireezidantiin bulhiinsa yeroo naannichaa Letenaal Janaraal Taaddesee Werredee godinicha keessatti muudama haaraa gochuu hordofuun naannichatti mormiin gaggeefamaa ture.

Mehooniitti jiraattotni daandiitti bahan dhaadannoowwan "Wayyaaneen hin hoogganamnu," "qawwee agarsiifnee hin bulchinu" fi "cunqursaa haa dhaabbatu" jedhan dhageessisaa turan.