Waa'ee walitti bu'insa hidhattoota Tigiraay gidduutti mudatee haga ammaa waan beeknu

Hidhattoota Tigiraa naannoo Affaar keessa buufatan

Madda suuraa, SM

Humnoota Tigiraay irraa citanii bahuun naannoo Affaar keessa hidhatanii kan socho'anii fi maqaa 'Humnoota Nagaa Tigiraay' jedhuun kan of waaman yeroo lammaffaaf naannoo Tigiraay keessa seenuun haleellaa raawwachuu Biiroon Nageenyaa naannichaa hime.

Haleellaa kanaanis lubbuu namaarra miidhaan gahuu ibseera. Bulchiinsi Yeroofii Naannoo Tigiraay ibsa gaafa Hagayya 3 bara 2017 baaseen,haleellaa humnoonni kunneen raawwataniin lubbuun miseensa humnoota nageenyaa tokko darbeera.

Walitti bu'insa naannoo daangaa Affaarii fi Tigiraayitti mudataa jiru kanaaf humnoonni lamaan wal himatu.

Walitti bu'insi kun Sanbata darbe irra dubbii ijoo tahuun miiidyaa hawwaasarra ture.

Waa'ee kanaa irratti BBC Tigirinyaa ajajaa hidhattoota kanneenii Birgeeder Jeneraal Gabre Igzaabiher Bayyanaa gaafateera.

Jeneraalichi ''walitti bu'insa akka mudatu hin barbaannetu mudate. Sababni isaas walitti bu'insichi obboloota lamaan gidduuttidha kan mudate,'' jedhan. Dhukaasichi gara walakkaa sa'aatiif akka tures himaniiru.

Biiroon Nageenyaa fi Tasgabbii naannichaa ''yeroo lammaffaaf naannoo Affaar bakka addaa Xebxaab jedhamuu ka'uun humna keenya naannoo dadarbaa jedhamu jiru dhukaasa bananiin qabsaa'aan tokko ajjeefameera'' jedhe.

Ajajaan hidhattootaa Birgeeder Jeneraal G/Igzaabiher ''haalichi gara walitti bu'insaatti akka deemu hin feene. Kanaafidha gammoojjii Affaaritti gadi buunee kan aduun gubataa jirruuf. Garuu isaantu daangaa darbee dhufuun dhukaasa kan nurratti banan,'' jedhan.

Ji'a tokko duras gara Baha Tigiraayitti socho'uun dhukaasni yeroo gabaabaaf ture akka mudate kan himan jeneraalichi, ''uummanni yeroo oomishaatti dhukaasa nurratti hin kaasiinaa, isin araarsina'' akka isaan jedhan kaasuun waadaa keenya eeguun gara Affaaritti deebineerra jedhan.

Biiroon Nageenyaa Tigiraay gareen kun gochaa badii kana yoo itti fufe namoota isaan gaggeessanii fi qindeessan irratti tarkaanfii akka fudhatu himuun dhiiga walii dhangalaasuun kun dafee dhaabbachuu qaba jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Birgaadeer Jeneraal Gabiragizaabeer garuu ''gaafa sana akka dhufan beekna ture'' jechuun hidhattoonni akka wal beekaniifi Naannoo Affaar seenanii to'annoo erga taasisaniin booda ''dhiisaa nutti hin siiqiin,'' jechuun akka isaan kadhatan dubbatu.

''Callisii harka kenni jechuun nama arrabsu ture. Bitaa mirgaan nutti siqanii dishqaafi bireelii nutti dhukaasan. Achii booda dhukaasni sa'atii walakkaa adeemsifame. Fuulaafi fuulattis walitti dhukaasaa turan,'' jedhan.

Naannoon Affaar lolli kuni itti uumameefi Tigraayiin daangessu hamma yoonaa dhimmicharratti waan jedhe hin jiru.

Iddoon walitti bu'insichi mudate Naannoon Affaar, Naannoo Tigraay wajjin wal-daangessa.

Birgaadeer Jeneraaallichi humnoonni Tigraay kan ka'an naannoo Daanda jedhamurraa akka taheefi garee loltoota sadii irraa akka babahan dabalaniii himaniiru.

''Isaantu haleeluu jalqabe inni jedhamu sobą dha. Iddoo dhukaasa bananiitti bishaan jira. Iddoo bishaanii dhuftanii ilaaluu dandeessu,'' jechuun ibsa naannoon Tigraay baase haalan.

''Miseensa du'eef ni gaddina,'' kan jedhan jeneraalichi walitti bu'insichaan du'a mudate ''kasaaraa waloo, '' ittiin jedhaniiru.

Dabaluunis ''… warri wareegamaniifi warri kaan qabsooftota. Miseensi humna Tigraay dirqamee lola malee humna jijjiiramaati. Miseensi keenya akka wareegametti dha lakkoofna,'' jedhan.

Dura taa'aan TPLF Dabiratsiyoon Gabiramikaa'el ofiin humnoota nagaa jedhanii kan waamaniifi gammoojjii Affaar keessatti hidhattoonni socho'an mootummaa federaalaan deeggaramu jechuun isaan himatu.

Naannoon Tigraay daangaawwan Affaar wajjin qooddatu irratti akka socho'an kan himamuufi ''Haaraa Mareet'' (loltoota lafa bilisaa) jedhamuun hidhattooti waamaman wal-qoodinsi TPLF keessatti uumame hordofee humnoota adda bahani dha.

Hidhattoonni kunneen humni TPLF Dr Dabiratsiyoon Gabiramikaa'eliin hogganamuufi humnoota dhaabbata kana deeggaraniifi hogganan dhabamsiisuuf gara Naannoo Affaar deemanii caaseffamuu isaanii himu.

Waraana Tigaraayi wagga lamaa waliigaltee Piriitoriyaan goolabamuun booda bulchiinsa yeroo Obbo Geetaachoo Raddaan hogganamu kanneen deeggaraniifi miseensota TPLF dura taa'aa paarticha deeggaran gidduu wal-dhibdeen uumamuu ni yaadatama.

Sababa kanaan qondaaloti waraanaa garagaraa TPLF seera qabeessummaan isaa boordii filannoon jala haqameefi Dabirtsiyooniin hogganamu deeggaruu itti fufaniiru. Kaan ammoo mormii siyaasaafi waraanaa dhageessisuun garee kanarraa adda bahaniiru.